ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Oomishaaleen qonnaa fi industirii kallattiin shamattoota akka qaqqaban hojjetamaa jira
Nov 28, 2023 147
Sadaasa 18/2016 (TOI) – Ejaensiin hojii gamtaa Finfinnee walitti hidhamiinsa gabaa uumuun Oomishaaleen qonnaa fi industirii kallattiin shamattoota akka qaqqaban hojjetamaa akka jiru ibse. Ejensichi dureeyyii industirii, fichisiiftotaa fi yuuniyeenota hojii gamtaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa fi dhiheessii oomishaarratti har’a marii taasiseera. Itti aanaan daarektara olaanaa ejensichaa Fabtayyes Diroo wayita kana akka ibsanitti, oomishaaleen qonnaa fi Industirii kallattiin hawaasa qaqqaban hojjetamaa jira. Kanaafis oomishtoonnii fi fichisiiftonni biyya keessaa kallattiin shamattootaa walitti dhufuun akka bitan walitti dhufeenya gabaa cimsuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Kunis daldaltoota seeraan alaa oomishaalee qonnaarratti osoo homaa hindabaliin gatii qofa dabaluun qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu taasisan nidhaaba jedhaniiru. Kana cinaattis seermaleeyyiin bu’aa argachuuf kanneen oomishaalee qonnaa fi industirii dhoksan akka gaafataman taasisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Waldaaleen hojii gamtaa bu’uraa 150 olii fi Yuuniyeenonni shamattootaa 11 magaalaa Finfinnee keessatti ni’argamu .
Manni marichaa ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa akka hojjetamee xumuramu hubachiise.
Nov 28, 2023 29
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimma dhaabbilee misooma mootummaa ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa ariitiin hojjetamee xumuramuun tajaajilaat akka hubachiise. Korichi gabaasa raawwii hojii kurmaana jalqaba bara 2016 Korpereeshii Daandii Baaburaa Itoophiyaa gamaggameera. Waltajjii gamaggama kanarratti korporeeshinichi rakkoo baay'ee qabu furuun hojii qabatamaa fiduuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Dhiibbaa gatii hir'isuu fi galii keessaa fi humna faayinaansii cimsuun pirojeektoota jalqabaman xumuruuf xiyyeeffannoon akka qabus hubachiiseera. Haaluma kanaan ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa akka hojjetamee xumuramu hubachiisera. Korporeeshinichi qaawwa bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa akkasumas meeshaalee tajaajila suphaa irratti mul’atu sirreessuuf bulchiinsa naannoo fi magaalaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu miseensonni koree dhaabbii kun akeekkachiisaniiru. Akka itti aanaan hoji gaggeessaa olaanaa kutaa daldalaa fi misoomaa korporeeshinichaa Injinar Geetuu Geezaaw jedhanitti, korporeesinichi muuxannoo idil-addunyaa fi ardii irratti hundaa’uun Daandii Baaburaa lafarra biyyaalessaa cimaa ijaaruuf hojjechaa jira. Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa argame akka mul’isutti waraanni kaaba biyya keenyaatti geggeeffame dhiibbaa guddaa uumuu himanii, qabeenya hatamee fi manca'ee deebisuun daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa xumuruun tajaajilaaf geesisuuf hojjechaa jira.
Biraaziilitti Embaasiin Itiyoophiyaa sagantaa Itiyoophiyaa beeksise raawwate
Nov 28, 2023 164
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Embaasiin Itiyoophiyaa Biraaziilitti argamu agarsiisa kitaabaa Biraaziiliyaa 37ffaarratti hirmaachuun seenaa, duudhaa fi aadaa biyyattii hirmaattotaaf beeksiseera. Biraazilitti abbaan aangoo guutuu ambaasaaddar Xaafaa Tulluu, dippilomaatonnii fi maatiiwwan dippilomaatotaa, embaasiiwwan 26 ol ta’an, aanga’oonno olaanoo mootummaa Biraazilii fi barattoonni Yunivarsiitii sagantaa kanarratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan seenaa, aadaa durii, hambaalee mul’atanii fi hinmul’anne kan qabdu ta’uun saganticharratti ibsa taasisuun Itiyoophiyaa ummata Biraaziliif beeksisuun danda’ameera. Itiyoophiyaan hambaalee 13 Yuuneeskootti kan galmeessifte ta’uu, daandiin qilleensaashee torbanitti guyyoota 7 Biraaziil Saa’oo Paawuloo fi Arjantiinaa Boonoo Ayiresitti balali’aa akka jiru, kun ammoo Afriikaa Ameerikaa Kibbaa waliin walitti fiduu fi tuuristootaaf haala mijataa akka uume saganticharratti beeksifamuusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Ijaarsi Pirojektii daandii Aspaaltii Goree Maashaa Teeppii harkifachuunsaa rakkoolee addaddaaf nusaaxileera- jiraattota
Nov 28, 2023 26
Sadaasa 18/2016 (TOI)- Ijaarsi Pirojektii daandii Aspaaltii Goree Maashaa Teeppii harkifachuunsaa rakkoolee addaddaaf nusaaxileera jechuun jiraattonni naannawichaa komatan. Bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa gamasaatiin ijaarsi dandichaa harkifachuusaa amanee rakkinichi rooba yeroo dheeraa fi daangaa kabachiisuun kan walqabate akka ta’e ibseera. Ijaarsi daandii waggaa afur dura jalqabame kun harkifachuunsaa rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee addaddaaf isaan saaxiluusaa jiraattonni godina Ilii Abbaa Booraa aanaalee Diduu fi Noonnoo komataniiru.. Jiraattonni komii dhiheeffatan TOI’f akka ibsanitti, harkifachuun daandichaa haadholii da’anirratti dhiibbaa guddaa geessisuusaa ibsaniiru. Jiraataan aanaa Diduu Faqqadee Obsaa akka jedhanitti, daandichi sababa ijaarsaatiin caalaatti waan manca’eef kanneen waldhaansa olaanaaf Hoospitaala Mattuutti ergaman rakkoof akka isaan saaxile dubbataniiru. Daandichi iaaramee rakkoosaanii akka furu abdatanis daandichi manca’uunsaa rakkoo olaanaaf akka isaan saaxile kaasaniiru. Daandichi yeroon waan hixumuramneef konkolaachiftoonni Taarifa olaanaa akka isaan kafalchiisanii fi baasii olaanaaf akka saaxilaman kan dubbatan ammoo obbo Abaatee Daanyeeti. Kana malees hawaasni oomishasaa gabaaf dhiheessee fayyadamaa ta’uuf yaalii taasisu gufuu ta’uusaa ibsaniiru. Rakkoon kun hawaasa rakkoolee addaddaaf saaxiluurra darbee rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa dhufuusaa kan dubbatan ammoo bulchaa aanaa Diduu obbo Mulugeetaa Abarraati. Itti aanaa bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa obbo Geetaahuun Kaasaahuun gamasaaniin, daandiin kun yeroon ijaaramee xumuramuu dhabuunsaa jiraattota aanaalee Diduu fi Noonnoo rakkoo hawaasummaa fi dinagdeef saaxiluusaa ibsaniiru. Hariiroo daldalaa fi hundagaleessa aanaalee ollaa naannoo kibba lixaa waliin taasifamu irrattis gufuu ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti itti aanaa hojiigaggeessaan pirojektii ijaarsa daandii aspaaltii Goree Maashaa Teeppii obbo Zawuduu Minwuyyeellet, ijaarsi daandii kanaa harka 44 irra jira jedhaniiru. Daandiin kiiloo meetira 140 dheeratu kun Oromiyaa fi naannoo Kibba lixa Itiyoophiyaa walquunnamsiisa jedhaniiru. Roobni naannawichatti yeroo dheeraa roobu, rakkoon daangaa kabachiisuu fi muddamni tiraafikaa jiraachuunsaa harkifannaa daandichaaf sababa akka ta’e ibsaniiru. Kontiraaktaroonni humna guutuun hojjechuu dhabuunis rakkoo tokko akka ta’e himaniiru. Ijaarsi daandii kanaa waggaa afur dura doolaara miiliyoona 138’n jalqabamuusaa obbo Zawuduun ibsaniiru. Ijaarsi daandichaa harkifachuusaatiin kiiloo meetira 76 kan ta’u pirojektii Chaayinaa ‘CRCEG’f kan kenname yemmuu ta’u, ijaarsi waliigalaa waggoota sadan dhufu xumuruuf nihojjetama jedhan.
Manni maree Nageenyaa yaa’iisaa lammaffaa taa’aa jira
Nov 28, 2023 198
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Manni maree Nageenyaa biyyaalessaa yaa’iisaa lammaffaa taa’aa jira. Ministira nageenyaa Binnaalf Andu’alam dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo biroo, abbootiin amantaa fi keessummoonni afeeraman waltajjicharratti argamaniiru. De’eetaan ministira nageenyaa doktar Siyyum Masfin wayita kana akka jedhanitti, nageenyi dhimma ijoo bifa lama qabudha. Gama tokkoon nageenyi isooma si’achiisuuf demokiraasii fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qooda guddaa qaba jedhaniiru. Gama biraatiin nageenyi ofdanda’ee galma kaa’uun kan hojjetamu hojii ofdanda’e ta’uu eeraniiru. Ijaarsi nageenyaa bu’aqabeessa akka ta’u miira hundarraa hundaaf jedhuun dhaabbileen ittigaafatama fudhatanii abbummaan kan hojjetan ergama ijoo waloo ta’uu dubbataniiru. Manni marichaa yaaliiwwan ijaarsa nageenyaa amma ammaatti hojjetaman qoratee kallattiiwwan fuulduraa rakkoolee hiikeef dandeessisan akka kaa’u ni’eegama.
Siyaasa

Angoolaan Damee qonnaatiin Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu pirezidaant Jo’aawoo Maanuweel Gonkaalvees Looreenkoo ibsan
Nov 28, 2023 27
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Angoolaan Damee qonnaatiin Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu pirezidaantiin biyyaattii Jo’aawoo Maanuweel Gonkaalvees Looreenkoo ibsan. Ambaasaaddar Firtuunaa Dibeekoo xalayaa muudamasaanii pirezidaantii rippaabiliikii Angoolaa Jo’aawoo Maanuweel Gonkaalvees Looreenkoof dhiheessaniiru. Itiyoophiyaan gama daldalaa, qonnaa, tuurizimii fi invastimantiin rippaabiliikii Angoolaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ambaasaaddar Firtuunaa ibsaniiru. Pirezidaantichi gamasaaniin Itiyoophiyaan yeroo dhihoo asitti damee qonnaatiin bu’aa olaanaa galmeessisaa akka jirtu ibsanii, tumsaan hojjechuu akka barbaaddu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Afrikaan yaa'ii jijjirama qilleensaa DhMG (COP 28) irratti ajandaa waloo ishee sagalee tokkoon ni dhageesifatti
Nov 28, 2023 25
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Afrikaan yaa'ii jijjirama qilleensaa Dhaabbata Mootumoota Gamtoomanii (COP 28) irratti ajandaa waloo ishee jijjirama qilleensaa ittisuurratti qabdu sagalee tokkoon ni dhageesifatti Yaa'iin jijjirama qilleensaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii(cop 28) bor oolee Gamtaa immireetoota Gamtoomaniitti ni geggeeffama. Yaa'ichaan raawwii fi hojiirra oolmaa waliigalteewwanii fi tumaalee jijjirama qillensaa ittisuuf bahaan maal irra akka jiran ni gamagamamu jedhameera. Cinaattis biyyoonni jijjirama qilleensaarra damdamachuuf keessaayyu filannoo humna haaromaa babal'isuu irratti hojiiwwaan hojjetaman irrattis ni mariyatama jedhameera. Biyyoonni guddachaa jiran jijjirama qilleensarraa damdamachuu fi itti fayyadam humana akka ceesisaniif dhiheesii faayinaansii barbaachisurrattis xiyyeeffannon ni kennama jedhameera. Dabalataan biyyoonni jijjirama qillensaa ittisuuf qindoomina biroo uumuu akka danda'aan tilmaamni guddion kennameera. Yaa'icha ilaalchisuun TOI kan dubbisee Gamtaa Afrikaatti daarektarri Inisheetivii Giriin Waal Ilvaas Pool Afrikaan ajandaa ishee sagalee tokkoon yaa'8charratti ni dhageesifatti jedhaniiru. Yaa'iichi kanaan dura waliigalteewwaan jijjirama qilleensaarra ardicha damdamachiisuuf taasifaman gara qabatamaatti jijjiruu fi damee kanarratti dhiheesii faayinaansii babal'isuuf carraa kan uumudha jedhaniiru.
Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar qophii haalduree guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaaluuf Jigjigaa dhaqan
Nov 28, 2023 79
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar fi hooggantoonni olaanoo biroon qophii haalduree guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaaluuf Jigjigaa dhaqaniiru. Turtiisaaniitiinis naannichi keessummoota simachuuf qophii taasisaa jiru hojii haalduree qorachuun hojii hafanirratti kallattii nikaa’a jedhamee akka eegamu odeeffannoon mana maree federeeshiniirraa argame nimul’isa. Ayyaanni saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaan mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan guddina biyyaaf” jedhuun nikbajama.
Naannoo Gaambeellaatti yaalii nageenya caalaa cimsuuf taasifamu hirmaannaan ummataa caalaatti cimuu qaba-komishinicha
Nov 28, 2023 48
Sadaasa 18/2016 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti yaalii nageenya caalaa cimsuuf taasifamu hirmaannaa fi deeggarsi ummataa caalaatti cimuu akka qabu koomishiniin poolisii naannichaa beeksise. Komishinichi haala wayitaawaa naannichaa ilaalchisuun gaazexessitootaaf ibsa kenneera. Komishinariin komishinii poolisii naannichaa komaandar Usmaan Ugaalaa ibsa kennaniin, naannichatti nageenya waaraa buusuun hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii jalqabaman akka milkaa’an hojjetamaa jira. Ijarsa nageenyaa naannichatti hojjetamaniin rakkooleen nageenyaa turan dhabamanii nageenyi bu’uusaa dubbataniiru. Haata’u malee miidiyaaleen hawaasaa tokko tokko soba ololuun nageenya ummata naannichaa jeequuf socho’aa akka jiran komishinarichi ibsaniiru. "Keessumaa gocha jidduu kana naannichatti hinraawwatamne akka raawwatame fakkeessuun ololli miidiyaa hawaasaan tamsaasan agarsiiftuu gocha farrummaasaaniiti” jedhaniiru. Ummanni Odeeffannoo sobaa qaamolee nageenya naannichaa hinbarbaanneen tamsaafamaa jiruun osoo hinburjaaja’iin nageenya naannawichaaf waardiyyaa dhaabbachuu akka qabu komishinarichi hubachiisaniiru.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fi giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo daawwannaa hojiif Cheek rippaabiliik dhaqan
Nov 28, 2023 41
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fi giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo daawwannaa hojiif Cheek rippaabiliik Piraad dhaqaniiru. Wayita bakkas gahanitti aanga’oonni biyyatti simannaa akka taasisaniif odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame nimul’isa.
Muuxannoon Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Misooma Industirii 20ffaa irratti qoodan Itoophiyaan akka fakkeenya jijjiiramaatti akka ilaalamtu taasiseera.
Nov 28, 2023 33
Sadaasa 18/2016 (TOI) -Muuxannoon Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Misooma Industirii 20ffaa irratti qoodan Itoophiyaan akka fakkeenya jijjiiramaatti akka ilaalamtu taasiseera jedhan ittigaafatamtuu pirees seekretaraatii Waajjira Ministira Muummee Billeenee Suyyuum Turtii Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimad Veenaa - Oostiriyaa ilaalchisee hoggantuun Pirees Sekreetariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billeenee Suyyuum ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad turtiin isaanii Veyeena-Oostiriyaatti kaayyoo lama akka qabuu himanii; keessummaa kabajaa ta’uun dhihaatanii ergaa ijoo dabarsaniiru jedhaniiru. Itoophiyaan hojiilee jijjiiramaa damee industirii keessatti hojjetee fi milkaa'ina argattee yaa'ii kanarratti muuxannoo ishee qooddeetti jedhaniiru Itoophiyaa waggoota shanan darban gama imaammataatiin jijjiirama guddaa taasisuu yaa'icharratti Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dhiheessuu eeraniiru. Haala invastimantii mijaawaa uumuun, dinagdee maakroo sirreessuu fi haaromsa dabalataa raawwachuudhaan damee industiriitiif haalli mijataan qophaa’uus yaa'icharratti ibsaniiru jedhaniiru. Hojiiwwanii fi jijjiirama karaa maanufaakchariingii, qonnaa, TQO, albuudaa fi turizimii utubaawwan dinagdee dhalootan biyya keessaa ta’anii hojiirra oolaa akka jiran yaa'ii kanarratti muuxannoo qooduusaanii ibsaniiru. Damee industirii ilaalchisees tarsiimoo fi imaammanni ittiin hojjetamaa jiru misooma magariisaa fi anniisaa haaromfamuu danda’u irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru. Gama hojii uumuunis lammiileen misooma biyya isaanii keessatti hirmaachuu fi hirmaannaan diinagdee qooda fudhattoota damee dhuunfaa cimsuu akka danda’uuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jiran yaa'icharratti dhiheesuun muuxannoo qoodaniiru. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Misooma Industirii Geerid Muulat hojii Itoophiyaan jijjiirama waggoota 5n darban keesaatti hojjetee akka fakkenyaatti eeraniiru jedhaniiru. Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti damee qonnaatiin omishni dachaa sadii dabaluu agarsiiftee jirti, kunis wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii qabatamaa ta’uu ibsaniiru. Hojiin lammiilee fayyadamoo taasisuu fi damee industirii irraa sharafa alaa dabalataa argachuuf hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Pirezidaant Saahilawarq Zawudee waltajjii miidhaa saalaa irratti mari’aturratti hirmaachuuf Afriikaa Kibbaa dhaqan
Nov 28, 2023 26
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Pirezidaant Saahilawarq Zawudee waltajjii miidhaa saalaa dudartootaa fu shamarreenirra gahu irratti mari’aturratti hirmaachuuf Afriikaa Kibbaa Piriitooriyaa dhaqaniiru. Pirezidaant Saahilawarq Piriitooriyaa wayita gahan Afriikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa doktar Muktaar Kadiir simataniiru. Yaa’ichi kaleessa kan jalqabe yemmuu ta’u, har’as kan itti fufu ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii Afriikaa Kibbaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa doktar Muktaar Kadiir irraa argame nimul’isa.

Hawaasummaa
Biraaziilitti Embaasiin Itiyoophiyaa sagantaa Itiyoophiyaa beeksise raawwate
Nov 28, 2023 164
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Embaasiin Itiyoophiyaa Biraaziilitti argamu agarsiisa kitaabaa Biraaziiliyaa 37ffaarratti hirmaachuun seenaa, duudhaa fi aadaa biyyattii hirmaattotaaf beeksiseera. Biraazilitti abbaan aangoo guutuu ambaasaaddar Xaafaa Tulluu, dippilomaatonnii fi maatiiwwan dippilomaatotaa, embaasiiwwan 26 ol ta’an, aanga’oonno olaanoo mootummaa Biraazilii fi barattoonni Yunivarsiitii sagantaa kanarratti hirmaataniiru. Itiyoophiyaan seenaa, aadaa durii, hambaalee mul’atanii fi hinmul’anne kan qabdu ta’uun saganticharratti ibsa taasisuun Itiyoophiyaa ummata Biraaziliif beeksisuun danda’ameera. Itiyoophiyaan hambaalee 13 Yuuneeskootti kan galmeessifte ta’uu, daandiin qilleensaashee torbanitti guyyoota 7 Biraaziil Saa’oo Paawuloo fi Arjantiinaa Boonoo Ayiresitti balali’aa akka jiru, kun ammoo Afriikaa Ameerikaa Kibbaa waliin walitti fiduu fi tuuristootaaf haala mijataa akka uume saganticharratti beeksifamuusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Fooramiin qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa beeksise Beejiingitti adeemsifame
Nov 28, 2023 43
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Fooramiin piroomooshinii tuurizimii i fi carraalee Itiyoophiyaa lammiilee Chaayinaaf beeksisuuf kaayyeffate Beejiingitti adeemsifameera. Dhaabbileen daawwachiiftotaa Chaayinaatti argamanii fi qooda fudhattoonni damee piroomooshinii tuurizimiirratti hojjetan fooramicharratti argamaniiru. Ministirri Tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa, oomishaalee fi carraalee invastimantii ilaalchisuun hirmaattotaaf ibsa taasisaniiru. Xiyyeeffannoo addaa misooma damee tuurizimiif mootummaan Itiyoophiyaa kenne ilaalchisuunis cimsanii dubbataniiru. Haala Kanaan oomishaalee fi tajaajiloota tuurizimii Itiyoophiyaan daawwattoota Chaayinaaf filatamaa ta’an babal’achaa akka jiran ibsanii, hawataalee Tuurizimii Itiyoophiyaa gosa hedduu akka daawwatan waamicha taasisaniiru. Foormii kana Chaayinaatti embaasii Itiyoophiyaa wayita ta’u, walitti hidhamiinsaa fi tumsa tuurizimii biyyoota lamaan jidduutti cimsuun akka barbaachisu ibsamuusaa odeeffannoon ministeera tuurizimiirraa argame nimul’isa.
Yaa’iin barnootaa 32ffaan magaalaa Jigjigaatti jalqabame
Nov 28, 2023 69
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Yaa’iin barnootaa 32ffaannaannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti jalqabameera. Yaa’iin kun mata duree “qulqullinni barnootaa guddina wa hundaaf” jedhuun har’aa kaasee guyyoota lamaaf adeemsifama. Kaayoon yaa’ii kanaa milkaa’inoona damee barnootaan argaman itti fufsiisuu, qormaata mudataniif furmaata barbaaduu akkasumas kallattii fuulduraa kaa’uu akka ta’e ibsameera. Qaamoleen dhaabbilee barnootaa olaanoo fi damee barnootaa waliigalaarra jiran muuxannoo waljijjiiru. Rakkoolee qabxii qormaataa kutaa 12 irratti mudatee fi kallaattii fuulduraarratti ibsi kennamee mariin nitaasifama jedhameera. Raawwii qormaata bahiinsaa fi kallattii fuulduraarratti akkasumas misoomaa fi bulchiinsa barsiisotaa ilaalchisuunis mariin nitaasifama. Ministira barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa, itti aanaan bulchaa bulchiinsa naannoo Somaalee Ibraahiim Usmaan pirezidaantonni dhaabbilee barnoota olaanaa, hooggantoonni biiroo barnootaa naannolee qaamoleen qoodafudhattoota damee barnootaa fi kanneen biroo yaa’ii kanarratti argamaniiru.
Yuunivarsiitiiwwan 9 waggoota lamaan dhufanitti akka ofdanda’an hojjetamaa jira-ministeera barnootaa
Nov 27, 2023 230
Sadaasa 17/2016(TOI) - Yuunivarsiitiiwwan 9 waggoota lamaan dhufanitti akkaataa ergamaa fi damee xiyyeeffannoosaaniitiin akka ofdanda’an gochuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerri barnootaa ibse. De’eetaan ministira barnootaa obbo Koraa Xushnee baniinsa waltajjii yaa’ii barnootaa 32ffaan duraarratti dhaabbileen barnootaa barnoota qulqullina qabu dhiheessuu akka qaban himaniiru. Lammii sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojii dorgomaa ta’e fayyadamu, kan qoratuu fi naamusaan guutame uumuun akka irraa eegamu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru. Kaayoon yaa’ii kanaa milkaa’inoota damee barnootaa olaanaan argaman, qormaatilee fi kallattiiwwan fuulduraa irratti mari’achuun tarkaanfiiwwan sirreessaa fi jijjiiramaa irratti hubannoo fi ejjennoo waloo qabachuuf akka ta’e eeraniiru. Itti fufuunis waggoota lamaan dhufan Yuunivarsiitiiwwan 9 akka ofdanda’an gochuuf hojjetamaa jira jechuusaanii odeeffannoon ministira barnootaarraa argame nimul’isa. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jigjigaa doktar Bashir Abdullaahii gamasaaniin, Yuunivarsiitichi Yuunivarsiitii Appilaayidiin damee ergamaa fi xiyyeeffannoo adda baasee qabeenya uumamaa, misooma beelladaa fi horsiisee bulaa, wabii nyaataa akkasumas dameelee biizinasii fi Ikonoomiiksiin hojjchaa akka jiru dubbataniiru. Yaa’ii damee misooma barnootaa olaanaan cinaatti eeggataan pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’eei Kiflee fi pirezidaantii Yuunivarsiitii Dabrabiraan doktar Nugus Taaddasaan mata duree abdii fi qormaanni barumsa olaanaa maal ta’uu qaba akkasumas cehumsa qabatamaa appilaayid Yuunivarsiitii jedhaniin barreeffamoonni dhihaataniiru.
Diinagdee
Oomishaaleen qonnaa fi industirii kallattiin shamattoota akka qaqqaban hojjetamaa jira
Nov 28, 2023 147
Sadaasa 18/2016 (TOI) – Ejaensiin hojii gamtaa Finfinnee walitti hidhamiinsa gabaa uumuun Oomishaaleen qonnaa fi industirii kallattiin shamattoota akka qaqqaban hojjetamaa akka jiru ibse. Ejensichi dureeyyii industirii, fichisiiftotaa fi yuuniyeenota hojii gamtaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa fi dhiheessii oomishaarratti har’a marii taasiseera. Itti aanaan daarektara olaanaa ejensichaa Fabtayyes Diroo wayita kana akka ibsanitti, oomishaaleen qonnaa fi Industirii kallattiin hawaasa qaqqaban hojjetamaa jira. Kanaafis oomishtoonnii fi fichisiiftonni biyya keessaa kallattiin shamattootaa walitti dhufuun akka bitan walitti dhufeenya gabaa cimsuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Kunis daldaltoota seeraan alaa oomishaalee qonnaarratti osoo homaa hindabaliin gatii qofa dabaluun qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu taasisan nidhaaba jedhaniiru. Kana cinaattis seermaleeyyiin bu’aa argachuuf kanneen oomishaalee qonnaa fi industirii dhoksan akka gaafataman taasisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Waldaaleen hojii gamtaa bu’uraa 150 olii fi Yuuniyeenonni shamattootaa 11 magaalaa Finfinnee keessatti ni’argamu .
Manni marichaa ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa akka hojjetamee xumuramu hubachiise.
Nov 28, 2023 29
Sadaasa 18/2016 (TOI) - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimma dhaabbilee misooma mootummaa ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa ariitiin hojjetamee xumuramuun tajaajilaat akka hubachiise. Korichi gabaasa raawwii hojii kurmaana jalqaba bara 2016 Korpereeshii Daandii Baaburaa Itoophiyaa gamaggameera. Waltajjii gamaggama kanarratti korporeeshinichi rakkoo baay'ee qabu furuun hojii qabatamaa fiduuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Dhiibbaa gatii hir'isuu fi galii keessaa fi humna faayinaansii cimsuun pirojeektoota jalqabaman xumuruuf xiyyeeffannoon akka qabus hubachiiseera. Haaluma kanaan ijaarsi daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa akka hojjetamee xumuramu hubachiisera. Korporeeshinichi qaawwa bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa akkasumas meeshaalee tajaajila suphaa irratti mul’atu sirreessuuf bulchiinsa naannoo fi magaalaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu miseensonni koree dhaabbii kun akeekkachiisaniiru. Akka itti aanaan hoji gaggeessaa olaanaa kutaa daldalaa fi misoomaa korporeeshinichaa Injinar Geetuu Geezaaw jedhanitti, korporeesinichi muuxannoo idil-addunyaa fi ardii irratti hundaa’uun Daandii Baaburaa lafarra biyyaalessaa cimaa ijaaruuf hojjechaa jira. Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa argame akka mul’isutti waraanni kaaba biyya keenyaatti geggeeffame dhiibbaa guddaa uumuu himanii, qabeenya hatamee fi manca'ee deebisuun daandii Baaburaa Awaash - Kombolchaa - Haraa - Waldahaa xumuruun tajaajilaaf geesisuuf hojjechaa jira.
Ijaarsi Pirojektii daandii Aspaaltii Goree Maashaa Teeppii harkifachuunsaa rakkoolee addaddaaf nusaaxileera- jiraattota
Nov 28, 2023 26
Sadaasa 18/2016 (TOI)- Ijaarsi Pirojektii daandii Aspaaltii Goree Maashaa Teeppii harkifachuunsaa rakkoolee addaddaaf nusaaxileera jechuun jiraattonni naannawichaa komatan. Bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa gamasaatiin ijaarsi dandichaa harkifachuusaa amanee rakkinichi rooba yeroo dheeraa fi daangaa kabachiisuun kan walqabate akka ta’e ibseera. Ijaarsi daandii waggaa afur dura jalqabame kun harkifachuunsaa rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee addaddaaf isaan saaxiluusaa jiraattonni godina Ilii Abbaa Booraa aanaalee Diduu fi Noonnoo komataniiru.. Jiraattonni komii dhiheeffatan TOI’f akka ibsanitti, harkifachuun daandichaa haadholii da’anirratti dhiibbaa guddaa geessisuusaa ibsaniiru. Jiraataan aanaa Diduu Faqqadee Obsaa akka jedhanitti, daandichi sababa ijaarsaatiin caalaatti waan manca’eef kanneen waldhaansa olaanaaf Hoospitaala Mattuutti ergaman rakkoof akka isaan saaxile dubbataniiru. Daandichi iaaramee rakkoosaanii akka furu abdatanis daandichi manca’uunsaa rakkoo olaanaaf akka isaan saaxile kaasaniiru. Daandichi yeroon waan hixumuramneef konkolaachiftoonni Taarifa olaanaa akka isaan kafalchiisanii fi baasii olaanaaf akka saaxilaman kan dubbatan ammoo obbo Abaatee Daanyeeti. Kana malees hawaasni oomishasaa gabaaf dhiheessee fayyadamaa ta’uuf yaalii taasisu gufuu ta’uusaa ibsaniiru. Rakkoon kun hawaasa rakkoolee addaddaaf saaxiluurra darbee rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa dhufuusaa kan dubbatan ammoo bulchaa aanaa Diduu obbo Mulugeetaa Abarraati. Itti aanaa bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa obbo Geetaahuun Kaasaahuun gamasaaniin, daandiin kun yeroon ijaaramee xumuramuu dhabuunsaa jiraattota aanaalee Diduu fi Noonnoo rakkoo hawaasummaa fi dinagdeef saaxiluusaa ibsaniiru. Hariiroo daldalaa fi hundagaleessa aanaalee ollaa naannoo kibba lixaa waliin taasifamu irrattis gufuu ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti itti aanaa hojiigaggeessaan pirojektii ijaarsa daandii aspaaltii Goree Maashaa Teeppii obbo Zawuduu Minwuyyeellet, ijaarsi daandii kanaa harka 44 irra jira jedhaniiru. Daandiin kiiloo meetira 140 dheeratu kun Oromiyaa fi naannoo Kibba lixa Itiyoophiyaa walquunnamsiisa jedhaniiru. Roobni naannawichatti yeroo dheeraa roobu, rakkoon daangaa kabachiisuu fi muddamni tiraafikaa jiraachuunsaa harkifannaa daandichaaf sababa akka ta’e ibsaniiru. Kontiraaktaroonni humna guutuun hojjechuu dhabuunis rakkoo tokko akka ta’e himaniiru. Ijaarsi daandii kanaa waggaa afur dura doolaara miiliyoona 138’n jalqabamuusaa obbo Zawuduun ibsaniiru. Ijaarsi daandichaa harkifachuusaatiin kiiloo meetira 76 kan ta’u pirojektii Chaayinaa ‘CRCEG’f kan kenname yemmuu ta’u, ijaarsi waliigalaa waggoota sadan dhufu xumuruuf nihojjetama jedhan.
Baatiiwwan arfan bara bajataa kanatti galiin birriin biiliyoona 193 ol sassaabame
Nov 28, 2023 21
Sadaasa 18/2016 (TOI)- Baatiiwwan arfan bara bajataa kanatti galiin birriin biiliyoona 193 ol sassaabamuusaa ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee ibsan. Ministirri galiiwwanii raawwii hojii baatii bara bajataa 2016 ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniinis rakkoon nageenyaa biyyattii iddoo tokko tokkotti mudate galii sassaabuuf gufuu ta’us dandeettiin galii sassaabuu jabaachaa dhufuu ibsaniiru. Qophii karoora galiirraa kaasee amma sassaabuutti xiyyeeffannoo addaa kennamuu fi hojmaanni teeknooloojiin deeggarame waan diriirfameef galiin sassaabamu cimaa dhufuusaa dubbataniiru. Haala Kanaan bara bajatichaa baatiiwwan afuritti galiin birrii biiliyoona 196 ol sassaabuuf karoorfamee birrii biiliyoona 193 ol sassaabamuu ministirittiin ibsaniiru. Galiin kun kan bardheengaddaan walcinaatti yemmuu ilaalamu birrii biiliyoona 30 akka caalu eeraniiru. Baatii afuritti birrii biiliyoona 129 taaksii biyya keessaa, birrii biiliyoona 64 ol ammoo gumurukirraa sassaabamuusaa ministirittiin dubbataniiru. Baatii afuritti birriin biiliyoona 165 ol ministeera maallaqaaf dabarfamuus ibsaniiru. Meeshaalee kontirobaandii biyyaa baafamanii fi biyya galfaman kan Birrii biiliyoona afurii olitti tilmaamaman to’annaa jala ooluu dubbataniiru. Namoonni nagahee seeraan alaan bittaa fi gurgurtaa taasisan 312 qabamanii kanneen keessaa 258 akka adabaman taasifameera jedhan.
Saayinsii fi teeknooloojii
Jiddugaleessawwan qorannoo sanyii filatamaa teeknooloojiiwwan haaraa waliin qindeessuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisaa jiru.
Nov 23, 2023 70
Sadaasa 13/2016 (TOI) - Jiddugaleessawwan qorannoo Qonnaa godina Harargee Bahaa fi Lixaatti argaman sanyii filatamaa teeknooloojiiwwan haaraa waliin qindeessuun qonnaan bultootaaf dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jiru jedhame. Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Oromiyaatti Kilaastarri Bahaa gamagama raawwi hojii waggaa magaalaa Harariitti taasisa jira. Hoggantoonni jiddugalawwaan qorannoo qonnaa waltajicharratti argaman akka himanitti gosoota sanyii filatama midhaanii fi bunaa adda addaa teekinolojiiwwaan haaraa waliin windeessuun qonnaan bultootaaf dhihessuun oomishitummaan qonnaan bulaa akka dabalu taasifamaa jira. Bara 1997 kan hundaa'e jiddugaleessi qorannoo Qonna Machaaraa omishitummaa Bunaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hogganaan jiddugalichaa obbo Faqqadaa Gammachuu himaniiru. Haaluma kanaa jiddugaleesichi bara 2003 irraa eegalee sanyii bunaa 4 irratti qorannoo taasisaa ture qonnaan bultoota godina Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Arsii fi Baaleef rabsamuu himaniiru. Jiddugaleesichi qorannoo midhaanii fi nyaata beelladaarrattis bal'inaan hojii qorannoo hojjechaa jiraachuu himaniiru. Sanyiin Boloqqee oomisha fooyyee qabu kennaan 2 fi sanyiiwwan nyaata beelladaa ooyiruu qonnaan bultootarratti makafamaa jiraachuu himaniiru.
Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jira.
Nov 22, 2023 73
Sadaasa 12/2016 (TOI) - Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jiraachuu Ministirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan. Gamaggamni raawwii hojii mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2016 bakka ministirri Muummee argamanitti geggeeffama jira. Raawwii hojii ministeera magaalaa fi bu'uuralee misoomaas waltajjii kanarratti gamagamameera. Minstirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii akka ibsanitti; kurmaana jalqabaa kanatti kennisa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf hojiin baay'een hojjetameera. Magaaloonni jaha sadarkaa tajaajila isaanii mana qopheessaan akka hojiirra oolchan karoorfamee gara hojiitti galamuu himaniiru Hojii kanaanis tajaajila mana qalmaa, misooma magariisaa fi miidhagina magaalaa, balfa gatuu, hayyama ijaarsaa fi dameewwan birootiin tajaajila isaanii akka haaromsan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuun gara dijiitaalaatti ceesisuuf magaalota Qabridaar, Jijjigaa, Debrabiraan fi Bishooftuurratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Muuxannoo magaalota kanneen keessatti argamu gara birootti babal’isuuf karoorri akka jiru hubachiisaniiru. L Sirna bulchiinsa lafa magaalotaa ammayyeessuuf sirna kaadastaraan galmeen eegalamuusaa ministirri kun eeraniiru. Kunis tajaajila gahumsa qabu kennuu fi gochaalee malaammaltummaa ittisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Kurmaana kana keessa tajaajila mana qopheessaa magaalota irraa birriin biiliyoona 6.8 walitti qabamuu eeraniiru.
Arteefishaal Intalajensiidhaan hojiileen damee fayyaa ammayyeessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaran hojjetama jiru.
Nov 21, 2023 87
Sadaasa 11/2016 (TOI) - Inistiitiyuutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa karaa Arteefishaal Intalajensiidhaan hojiileen damee fayyaa ammayyeessuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaran hojjetama jiraachuu beeksise. Qorannoowwaan yeroo yaalii bu'a qabeesummaan isaanii mirkanaa'e yeroo dhihootti hojiirra kan oolan ta'uun himameera. Bara kana addunyaarratti tajaajilli hundagaleessaa Artefishaal Intalajensiin kennuu ariitiin guddachaa fi baay'ee ammayyaa'aa dhufeera. Artefishaal Intalajensiin beekumsa, dandeettii, afaanii fi yaada dhala namaa karaa hubannoo adda ta'een daataa bu'uureffatee rakkooleef ariitiin deebii kennuu kan dandeesisudha. Kun immoo oomishitummaa dachaan kan dabaludha. Teeknooloojii Artefishaal Intalajensii kanatti biyyoonni Awurooppaa, Ameerikaa, Jaappaanii akkasuma kanneen birootti industirii fi dhaabbileen tajaajila kennan bal’inaan itti fayyadamuu erga eegalanii turaniiru. Itoophiyaatti Inistiitiyuutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa bara 2012 yaada Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin hundeeffamuun; Adoolessa 10, 2013 eebbifamuun hojii jalqabuun isaa ni yaadatama. Inistiitiyuutichi damee qonna, barnoota, eegumsa fayyaa fi hawaasummaa akkasuma tajaajila nageenyaaf akka ooluu hojjetama jira. Itti aanaan daarektara olaanaa Instiitiyuuti Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa Doktar Taayyee Girmaa, bu'uuraa tarsiimoo dijitaalaa mootummaan guddina hunda galeessaaf oolchuuf hojjechaa jirurratti hundaa'uun hojiin baay'een hojjetama jira jedhaniiru. Damee kanaaf bu'uura kan ta'e gamoon Artefishaal Intalajensii ijaaramee hojiirra jiraachuu himaniiru. Bu’aa qorannoo inistiitiyuutichi hojjete namoonni kuma 700 ol daawwachuu isaanii eeranii; uummata biyya keessaa fi biyya alaa biratti hubannoo uumuuf mariin adda addaa qophaa’uu himaniiru. Artefishaal intalajensii fayyadamuun biyyatiitti hanqina ogeessoota ispeeshaaliitii fi sub-ispeeshaalitii damee fayyaatiin jiru furuuf hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Teeknooloojii damichaa fayyadamuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuus eeraniiru. Pirojektoonni qorannoo adda addaa yaaliiwwan irratti bu’a qabeessummaan isaanii mirkanaa'es yeroo dhiyootti akka hojiirra oolaanis ibsaniiru. Kalaqawwan dhukkuba gogaa daa’immanii adda baasuu fi yaaluu, kaansarii harmaa adda baasuu, gosa dhukkuba sukkaaraa, hamma miidhaa fi dhiibbaa gara fuula duraatti qaqabsiisu tilmaamuu, hojii haqaa fi nageenyaa gargaaruu danda’an hojii yeroo dhihootti hojiirra oolanidha jedhaniiru. Inistiitiyuutichi bara 2022tti bu’aa teeknooloojii Artefishaal intalajensiin Afrikaa keessatti adda duree ta'uuf hojjechaa jirachuu beeksisaniiru.
Itiyo - Telekoom sirna dhiheessi geejibaa fi boba'aa ammayyeessuuf gargaruu ifoomse.
Nov 17, 2023 124
Sadaasa 7/2016(TOI) Itiyo - Telekoom sirna dhiheessi geejibaa fi boba'aa ammayyeessuuf gargaruu ifoomse. Sirni ifoome kunis Kupponii boba'aan ittiin guutamu, Inshuraansii qaama sadaffaa dijitaalaa fi walitti hidhaminsa dhiheessii boba'aa dijitaalaa yoo ta'u hojiin kun rakkoowwan damichi qabu kan furudha jedhameera. Walitti hidhaminsa dhiheessii boba'aa gara sirna dijitalaatti jijjiruuf kan dandeesisudha jedhameera. Waraqaa fi tutuqaa harkaan kan raawwatamu tajaajilli gurgurtaa boba'aa kuppooniin raawwatamu gara kupponii dijitaalaatti jiruuf rakkoo jiruuf furmaata kan laatudha jedhameera.
Ispoortii
Gareen waaliyaa Burkiinaa Faassoon mo’ame
Nov 21, 2023 100
Sadaasa 11/2016 (TOI)-Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha ramaddii 2ffaa calallii Waancaa Addunyaatiin Burkiinaa Faassoo waliin taphatee goolii 3 fi 0’n mo’ameera. Goolii kanneen Bilaatii Turee daqiiqaa 49ffaa, Bartiraand Tiraa’oree(F) daqiiqaa 78ffaa, Daangoo Otaatiraa daqiiqaa 90ffaarratti Burkiinaa Faassoof galchaniiru. Gareen Waaliyaa tapha calallii ramaddii 3ffaa fi arfaffaa Giinii Bisaa’oo fi Jibutii Waliin akka taphatan beekameera.
Gareen Waaliyaa calallii waancaa addunyaatiif gitasaa Burkiinaa Faassoo waliin har’a nitaphata
Nov 21, 2023 112
Sadaasa 11/2016(TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyiyoophiyaa dhiirotaa calallii Waancaa addunyaa tapha ramaddii 2ffaa gitasaa har’a sa’aatii 10tti Burkiinaa Faassoo waliin nimorkata. Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha kanaaf Istaadiyeemii Kaazaabilaankaa Molaay Rashiiditti shaakalaa kan ture yemmuu ta’u, tapha har’aatiin dura kaleessa shaakallii xumuraa taasiseera. Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a sa’aatii 10tti Istaadiyeemii El-Abdiitti Burkiinaa Faassoo waliin akka taphatu odeeffannoon federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa. Abbaan murtii Jaameeh Lemiin Gaambiyaarraa tapha kana kan taphachiisu yemmuu ta’u, lammiileen biyyasaa Jaawoo Abdul’aziiz (gargaaraa), Daarboo Omaar (gargaaraa), Saalaah Omaar (afraffaa) akkasumas Awuyyee Yuusuuf Yugaandaarraa komishinarummaan ramadamaniiru.
Garee Olompiikii Itiyoophiyaa Olompiikii Paariis dhufurratti hirmaatuuf waliigalteen eyyama Istaadiyeemii shaakalaa mallatteesse.
Nov 18, 2023 120
Sadaasa 08/2016(TOI)- Garee Olompiikii Itiyoophiyaa Olompiikii Paariis dhufurratti hirmaatuuf waliigalteen eyyama Istaadiyeemii shaakalaa mallatteesse. Waliigaltichi Istaadiyeemii paariis kutaa magaalaa Antoonii waliin mallatteeffame. Dorgommii Olompiikii Paariis Baatii Adoolessaa jalqabuuf dorgommii gareen Atileetiksii taasisuuf waliigaltee dirree kan mallatteessan pirezidaantii federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluu fi kantiibaa kutaa magaalaa Antoonii Jaan-Iiv Soonaaleedha. Itiyoophiyaanonnii fi dhalootaa Itiyoophiyaa kan ta’an kanneen Faransaayii fi biyyoota Awurooppaa biroo keessa jiraatan garee Olompiikii Paaris simachuu fi garee kana deeggaruuf qophii taasisuuf bakka bu’oota deeggartootaa waliin mariin taasifamuusaa odeeffannoon ministeera dhimmi alaa nimul’isa. Lammiileen Itiyoophiyaa fi dhalootaan Itiyoophiyaa ta’an gareen Olompiikii qabxii gaarii akka fidu amma xumura dorgommiitti deeggarsa akka taasisan mirkaneessaniiru.
Atileet Tigist Asaffaa filannoo atileetotaa filatamoo kan waggaa kaadhimamtoota xumuraa 5tti makamte
Nov 13, 2023 188
Sadaasa 03/2016 (TOI) – Maraatoonii dubartootaan riikardii harkatti kan galfatte atileet Tigist Asaffaa filannoo atileetota filatamoo kan waggaatiin kaadhimamtoota xumuraa shanitti makamteetti. Atileet Tigist Asaffaa filannoo atileetota filatamoo kan waggaatiin kaadhimamtoota xumuraa shanitti makamuushee woorlid Atileetiiksi beeksiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Boorana Bahaa fi magaalaa Naqamteetti biqiltoota kanaan dura dhaabamaniif kununsi taasifama jira.
Nov 21, 2023 87
Sadaasa 11/2016(TOI) - Godina Boorana Bahaa fi magaalaa Naqamteetti biqiltoota kanaan dura dhaabaman guttatanii saaxilamummaa hongee akka hir'isaniif, miidhagnaa fi oomishaa fi oomishitummaan akka dabaluu gahee isaanii akka bahaniif kunisa barbaachisaa taasisaafii jiraachuu jiraatoonni godina Boorana bahaa fi naannawwaa magaalaa Naqamtee beeksisan. Jiraatonni Godina Boora Bahaa akka himanitti, Misooma itti fufiinsa qabuun saaxilamummaa hongee hir'isuuf tattaaffiin eegalame gaarii ta’uu eeranii; biqiltuu dhaabuun qofa osoo hin taane kan dhaabame akka guddatuuf kununsa barbaachisaa taasisaafii jirachuu jiraatoonni kunneen himaniiru. Biqiltoonni dhaabaman akka guddataniitti bishaan obaasuun beelladoonni akka hin balleesine irraa eeguun guyyaa guyyaan kununsa taasisuufiin barbaachisaa ta'uu eeraniiru. Biqiltoonni isaan ganna darbe dhuunfaa fi gareen dhaaban hedduun isaanii kununsa barbaachisu taasisaa waan jiraniif qabachuu eeraniiru. Waajjirri qonnaa godinichaa, godinichatti biqiltuuwwan bara darbe walakkeessa baatii Adoolessaa hanga dhuma baatii Hagayyaatti dhaabaman keessaa dhibbeentaan 78 ol qabachuu beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Masqaluu Tulluu godinichatti biqiltuun miliyoonni 28.5 dhaabamuu yaadachiisanii; kunis ittisa saaxilamummaa goginsaa hir'isuu bira darbee kanneen bu'aa dinagdee qaban ta'uu himaniiru. Hojii eegumsaa misooma naannoo fi kunuunsa biqiltuu godinichatti taasifama jiru cimsuun yeroon booda hongeen godinichatti akka hin uumamneef cimsinee hojjenna jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun magaalaa Naqamteettis biqiltuuwwan ganna darbe dhaabaman, kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun kununfamaa jiru jedhameera. Qonnaan bultootaa fi hojjettoonni mootummaa kunuunsa biqiltuu irratti hirmaatan biqiltuun dhaabame qabatee guddachuun galma barbaadame akka gahuuf hojii kununsaa eegalle cimsinee itti fufna jedhaniiru. Hirmaattonni duula kununsa biqiltuurratti hirmaatan kunneen "dhaabuu qofa osoo hin taane, kunuunsuun dhaloota dhufu dachee magariisa haa dhaalchifun'' jedhaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Naqamtee obbo Girmaa Kadir ekemtee akka jedhanitti, bara darbe biqiltuuwwan magaalichatti dhaabaman miiliyoona 2 fi kuma 180 keessaa dhibbeentaan 85 qabataniiru. Biqiltoonni magaalichaa fi naannawwaa isheetti dhaabamanii turan haala gaariin kununfamaa jiraachuus himaniiru.
Guyyoota kurnan itti aanan roobni qonnaa yeroo gannaaf mijataa ta'ee ni rooba
Sep 22, 2023 820
Fulbaana 11/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan bakkeewwaan rooba yeroo hannaa fayyadamoo ta'anitti irra caalaan roobni kan roobu ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti roobni bakkeewwaan eerame kanatti roobu oomisha qonnaa waqtii gannaaf mijataa kan ta'edha jedheera. Keessattuu naannawwa bahaa fi kaaba bahaa biyyatti walakkeessa gannaarra eegalee hanqinni rooba tureetti roobni kan roobu ta'uu ibseera. Roobni bakkeewwan kanneenitti roobu mala bishaan kuusuu adda addaa fayyadamuun qonnaaf akka ooluu kuusuun barbaachisaa ta'uu Inistiitiyutichi akeekeera. Gama biraatiin kallattii Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti uwwisni duumessaa dabalaa dhufuun walqabatee jiidhinni uumamuu danda’u naannawwaa horsiisee bultootaafi gariin horsiise bultootaatti roobni akka roobu haala kan mijeessuu ta'uu ibsa isaan eereera. Kana malees, raagni qilleessaa akka agarsiisutti, bakkeewwaan yaa'awwan Kaabaa, Kaaba lixaa, Lixaafi Baha Giddugaleessaatti jiidhinsi fooyya’aan ni jiraata. Haa ta’u malee, rooba cimaan bakka tokko tokkotti roobuu danda'uun qarqara galaanaa fi naannoo lolaadhaaf saaxilamoo ta'anitti signi lafaa mudachuu waan danda'uuf qaamonni dhimmi ilaallatu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan inistiitiyutichi dhaamera. Hidhawwan akka Qoqaa, Yaa'a laga Awaash, Xaanaa Baalesiifi Fincaa'aa, bishaan isaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu tilmaamni kun ni mul’isa.
Harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera
Sep 18, 2023 692
Fulbaana 7/2016 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera jedhan. Sagantaan Ashaaraa magariisaa yeroo gannaa har'a kan xumurame yoo ta'u Dr. sagantaa kanaan karooraa ol biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabneera jedhaniiru. Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin uummanni keenya ciminaafi cichoominaan hojii hojjeteef mootummaan baay'ee kabaja jedhaniiru.
Biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Sep 16, 2023 762
Fulbaana 05/2016 (TOI) - Biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru jedhan Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin biqiltuuwwan bunaa waggaa sadii dura dhaabaman firii ashaaraa magariisaa kennaa jiru jedhaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoohiyaa lafa fooyyessuurra darbee misooma bosonaa qonnaa gabbisuurratti argama jechuun beeksisaniiru.
Gabaasa addaa
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 761
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 2104
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.