ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Galmeen filattootaa filannoo walii galaa 7ffaa amma Ebla 14tti itti fufa
Apr 4, 2026 749
Bitootessa 26/2018 (ENA)-Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa galmee filattootaa filannoo walii galaa 7ffaaf gaggeessaa ture amma Ebla 14 bara 2018tti akka itti fufu beeksise. Boordichhi akkaataa gabatee yeroo Kanaan dura baaseen galmeen filattootaa Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee amma Bitootessa 28 bara 2018tti akka gaggeeffamu karoorsuusaa yaadachiiseera. Galmee kana teeknooloojiin deeggaruuf akkaataa karoorfameen yeroo ammaa galmeen kaadhimamtootaa xumuramuusaa fi galmeen filattootaa ammoo gabatee yeroo qabameefiin gaggeeffamaa turuu ibseera. Haa ta’u malee bakkeewwan muraaGalmeen filattootaa filannoo walii galaa 7ffaa amma Ebla 14tti itti fufasatti galmee teeknooloojiin gaggeessuuf rakkoon neetwoorkii mudachuusaa Boordichi ibseera. Rakkoo kana furuun adeemsicha amansiisaa fi si’ataa gochuuf yeroo itti fudhate bakka buusuuf yeroo galmee dheeressuun barbaachiseera jedheera. Dabalataanis buufataalee filannoo tokko tokko neetwoorkiin amansiisaan ni jiraata jedhamee yaadametti neetwoorkiin addaan waan cicciteef, hojmaaticha gara maanuwaaliitti deebisuun yeroo qisaasame bakka buusuuf murtaa’uusaa ibseera. Buufataalee filannoo tokko tokkotti sababa rakkoo geejjibaarraa kan ka’e meeshaalee galmee yeroon waan hin qaqqabneef harkifannaa tureef fala kennuuf, galmeen filannoo kun guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin amma Ebla 14 bara 2018tti galmeen filattootaa akka gaggeeffamu gochuusaa beeksiseera.
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 396
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Tajaajilli elektiriikaa Itiyoophiyaa hoj-maata itti quufinsa maamiltootaa mirkaneesuuf gargaaran hojiirra oolchaa jira
Apr 4, 2026 356
Bitootessa 26/2018(ENA)- Tajaajilli elektiriikaa Itiyoophiyaa tajaajiloota isaatiin iftooninaa fi itti gaatamummaa hojiirra oolchuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuuf hoj-maatawwan garagaraa hojiirra oolchaa jiraachuu ibse. Tajaajilli dhaabbileen ummataaf kennan si’ataa, qulqulluu fi teknoolojiin kan deeggarame akka ta’uuf mootummaan hojiiwwan riifoormii gaggeessaa tureera. Kanaanis, kanneen akka tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masob' yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa itti quufinsa ummataa mirkaneessuu danda'an ijaaruun danda'ameera. Kana bu’uura godhachuun, dhaabbileen Mootummaa biroos hoj-maatasaanii ammayyeessuu fi ummataatti dhiyaachuun malaammaltummaa ittisuuf tooftaawwan dandeessisan hordofaa jiru. Daarektarri Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Tajaajila Elektriika Itiyoophiyaa Aadde Hibrawarq Yimanuu turtii ENA waliin taasisaniin, dhaabbatichi itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf hojiiwwan jijjiiramaa hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hoj-maata badaa kenna tajaajila maamilaarratti isaan mudatu icciitiin eeruuf appilikeeshinii salphaa, Mijataa fi nageenyisaa eegame hojiirra oolchuusaa beeksiseera. Kanaanis Maamiltoonni weebsaayitii "eeuethics.et" jedhamuun yookiin appilikeeshinicha bilbila isaaniirra buufachuun komii fi eeruu isaanii salphaatti dhiyeessuu akka danda’an ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun hirmaannaa maamiltootaa eeruu dhiyeessuu irratti qaban guddisuu kan danda'e yoo ta'u, baatiiwwan saddeettan darban keessatti eeruun 374 dhiyaachuusaa ibsaniiru. Eeruwwan dhiyaatan qulqulleessuun bu’aa argameerratti hundaa’uun hojjettoota 98 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu isaa Daarektarri kunibsaniiru. Dhaabbatichi namoota eeruu kennaniif eegumsa barbaachisaa taasisuun hoj-maata badaa ija-jabinnaan akka saaxilan qajeelfama dandeessisu qajeelfama beekamtii kennuu fi eegumsa taasisuu qopheessee hojiitti galuu isaas himaniiru. Hoj-maata teknoolojiin ammayyeessuurra darbee, haala naamusaa hojjettootaa ittiin addaan baasuuf hammattoon addaa qophaa'uu isaa ibsaniiru. Maamiltoonni Malaammaltummaa ittisuuf carraqqii taasifamu keessatti hirmaannaa dammaqaa akka taasisanii fi tajaajila kamiifuu kaffaltii yeroo raawwatan nagahee seeraa fudhachuun dirqama isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Naannichatti Dureeyyii Invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif onnachiiftuunii fi haalli mijataan uumameera –Bulchaa Naannichaa Ordiin Badrii
Apr 4, 2026 374
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii Invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif onnachiiftuunii fi haalli mijataan uumamuusaa Bulchaa Naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Kumalaa Atileet Haayilee Gabirasillaasee Magaalaa Hararitti Invasti gochuuf qophii xumuruun Magaalaa Hararitti argamuun hojiilee misoomaa adda addaa daawwateera. Turtiisaa Harariin Hambaa Addunyaa Jugoolii fi hojiilee ijaarsa kooriidarii fi hojiiwwan misoomaa Magaalattii keessatti hojjetaman Bulchaa Naannichaa Obbo Ordiin Badrii waliin ta’uun daawwateera. Akkasumas, damee Invastimantii irratti bobba’uuf jiru ilaalchisee Bulchaa Naannichaa waliin marii taasiseera. Bulchaan Naannichaa Obbo Ordiin Badrii marichaan akka jedhanitti, Naannichatti dureeyyii filannoowwan invastimantii adda addaa irratti bobba’aniif onnachiiftuu fi haalli mijataan uumamuusaa kaasaniiru. Keessattuu, dureeyyii misooma irratti bobba’an jajjabeessuu, deeggaruu fi gargaaruu irratti hojiiwwan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, Atileet Haayilee Gabrasillaasee Magaalaa Harar keessatti hojii invatimantii hojjetuuf deeggarsi wal-fakkaataan akka taasifamuuf dubbataniiru. Magaalaan Harar Magaalaa umurii dheeraa lakkoofsiftee fi Magaalaa Turizimii ta’uu ishee kan ibsan obbo Ordiin Badrii, Magaalattii keessatti iddoo simannaa(boqonnaa) keessummaa ammayaa’aa ijaaruu fi babal’isuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis, Invastimantiin Hoteelaa fi Riizortii Atileet Haayilee Gabrasillaaseen ijaaramu Magaalattiif tarkaanfii guddaa akka ta’u dubbataniiru. Atileet Haayilee Gabrasillaasee gamasaatiin, Magaalaan Harar qabeenya seenaa durii fi bakka hawata turizimii qabdu, invastimantii Hoteelaa fi Riizortiitiif mijattuu ta’uu ishee dubbateera. Kanaan olittis misoomni koriidaraa Magaalichatti Ijaarame, dhiheessii bu’uuraalee misoomaa fi filannoowwan misoomaa biroon misooma damichaaf carraa guddaa dha jedheera
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu eebbisanii banan
Apr 4, 2026 393
Bitootessa 26/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu har’a eebbisanii bananiiru. Dhaabbanni ammayyaa mooraa dhaabbata qo’annoo Armawer Hansen keessatti ijaarame kun ijaarsa bu’ura misoomaan gamatti, Itiyoophiyaa of dandeessee fi fayya buleessa taate dhugoomsuuf kan hojjetu wiirtuu beekumsaati jedhaniiru ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin. Wiirtuun qo’annoo kun laaboraatoorii 40, bakkeewwan Jaanoomiiksii (genomics) fi Baayooinfoormaatiiksii (bioinformatics) ga’ooman, akkasumas qulqullinaa fi ga’umsa qoricha biyya keessatti hojjetamanii kan mirkaneessu wiirtuu baayoo’ekuwiivaalensii (bioequivalence) of keessatti qabachuusaa ibsaniiru. Dabalataanis dhaabbatichi dandeettii balaawwan tasaaf of qopheessuu fi deebii kennuu gama gabbifachuutiin murteessaa ta’ee ni gargaara jedhaniiru. Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, qo’annoo gara imaammataa, kalaqa gra furmaata qabatamaatti jijjiiruudhaan wiirtuun kun oomisha qorichaatiin akka of dandeenyu, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hundaa ol ammoo milkaa’inoota amma ammaatti galmeessifne caalaatti guddisuuf kan gargaaru tarkaanfii guddaadha jechuun ibsaniiru.
Siyaasa

Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf gama hundaan caalanii argamuu fi tumsa cimsuun dhimma filannoof hindhihaanedha
Apr 3, 2026 2377
Bitootessa 25/2018(ENA)-Nageenyaa fi Faayidaa Itiyoophiyaa fi riijinichaa kabachiisuuf gama hundaan caalanii argamuu fi tumsa cimsuun dhimma yeroon gaafatuu fi filannoof hindhihaanedha jedhan daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen. Ambaasaaddar Reedwaan kana kan jedhan konfaransii nageenya biyyaalessaa lammaffaa kaleessa gaggeeffamerrattidha. Daarektar Jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, waggoottan darban haalli tasgabbii mudannoowwan jijjiiramaa, tilmaamuun hin danda’amnee fi walxaxaan mudachuu yaadachiisaniiru. Humnoonni farra nageenyaa fi gareewwan shororkeessaa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an rakkoolee garagaraa uumaa turuusaanii kaasaniiru. Diinonni keessaa fi alaa Itiyoophiyaa maraammartoo hindhaabanne keessa galchuuf yaalii gochaa turuusaanii eeraniiru. Dhaabbileen Nageenyaa fi tasgabbii yaaddoo qolachuuf,ummanni nagana bahee akka galu gochuuf, hawaasa waliin ta’uun bobbii fi tarkaanfii seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’e fudhachuunnagaa fi tasgabbii biyyaalessaa akka mirkaneessan ergama kennameef milkaa’inaan bahachaa akka jiran ibsaniiru. Haalli saffisaan jijjiiramaa akka jiru eeranii, olla keenya Sudaanitti waraanni waliinii itti cimuusaa, Somaaliyaatti shororkeessitoonni Alshabaabii fi Ayi essi bayyanachuusaanii fi toftaan haleellaa isaaniis jijjiiramaa dhufuu kaasaniiru. Biyyoota Ardichaa biroo keessattis yaaddoowwan tasgabbii fi jeequmsi garagaraa dabaluusaa himaniiru. Addunyaa jijjiiramaa fi tilmaamuun hin danda’amne kana keessatti nageenyaa fi faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf caalanii argamuun dhimma filmaata hin qabnedha jedhaniiru. Tumsaa fi qindoominaan dandeettii keessaa guddisuun humna ergama biyyaaf bobba’u baay’isuu fi cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Waraanni jiddugaleessa bahaatti gaggeeffamaa jiru riijinichaaf yaaddoo haaraa uumeera kan jedhan ambaasaaddar Reedwaan, keessumaa biyyoota akka Itiyoophiyaa ulaa galaanaa hin qabne haala walxaxaa keessa galcheera jedhaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii gochaa jirtu gareen ji’oo siyaasaa haala yeroo saffisaan jijjiiramuusaaniin gamatti riijinichi galaana diimaarratti dhiibbaa uumuuf humnoota barbaadaniin bakka dorgommii ta’aa dhufuusaa yaaddoo dabalataa uumeera jedhan. Haalli kun fedhiin Itiyoophiyaa ulaa galaanaaf qabdu buufataan olitti nageenyaa fi tasgabbii riijinichatti amansiisaa kan mirkaneessu akka ta’u kan hubachiisu ta’uu eeraniiru. Qaqqabummaa galaana diimaarratti itti fayyadama waloo diriirsuuf biyyoonni riijinichaa hundi tumsaan hojechuun barbaachisaa ta’uusaa mirkaneessuuf hojiilee dippilomaasii eegalaman cimsuun itti fufsiisuun dirqama ta’eera jedhan. Ajandaan nageenya biyyaalessaa ijoo kun akka dhugoomu dhaabbileen tasgabbii fi nageenyaa xiyyeeffannoosaanii gama fedhiiwwan yeroo fi egereetiin ilaaluun qoodasaanii bahuuf qooda murteessaa qabu jedhaniiru. Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin akka bu’u, faayidaan biyyaalessaashee akka dhugooman dhageettiin riijinii fi idil addunyaa qabdu akka guddatu hojjechaa jira jedhaniiru. Dhaabbii akka dhaabbataatti qabu humna namaa, hojmaata, caaseffamaa fi teeknooloojii ammayyaatiin gara sadarkaa olaanaarraan gahuuf adeemsa jijjiiramarra akka jiru eeraniiru. Ajandaawwan nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf hojmaata qindoomina qooda fudhattoota federaalaa fi naannoo hunda waliin taasisu bobbii waloos cimsee akka itti fufu eeraniiru. Qaamolee deeggartootaa biyyoota biroo faayidaa fi kaayyoo waloo qaban waliin tumsa cimsee akka itti fufus ibsaniiru. Riijinichi fedhiin heddootaa kan keessa jiru bobbiin tarsiimawaa kan itti taasifamu waan ta’eef diinonni Itiyoophiyaa seenaan beeku fucha haalonni jijjiiramoo uuman faayodaa ofiif oolchuuf carraaqaa jiru jedhaniiru. Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf sochii taasisan cimsanii itti fufuusaanii hubachuun akka barbaachisu eeraniiru. Kanaaf qormaata mudatan harka wal qabachuun cehuuf Siviilii, qaama nageenyaa fi lammiilee jidduutti tumsa cimsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aadha– Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Apr 3, 2026 1221
Bitootessa 25/2018 (ENA): Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aa ta’uusaa Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bitootessa, 23, 2018 irraa eegalee Adeemsa Marii Ajandaa Walitti Qabuu Naannoo Tigraay marsaa jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa tureera. Qooda fudhattoonni Naannoo Tigraay marsaa jalqabaa irratti hirmaatan ajandaa qopheessan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniiru. Kanuma waliin waltajjiin ajandaa walitti qabuu kun hojimaata hordofameen gama hundaan gaggeeffamuu isaa Koomishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru. Waltajjichi milkaa’aa ta’uu eeruun, qaamota milkaa'ina waltajjichaaf gumaachan galateeffataniiru. Waltajjicharratti hirmaattonni 700 ol kan hirmaatan yoo ta’u, yaadonni hedduun waliif qoodamuu isaanii Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Malaakuu Waldamaariyaam ibsaniiru. Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Dr. Yoonaas Adaayee waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu marsaa jalqabaa qooda fudhattoota naannoo Tigraay milkaa’inaan xumuramuu isaa hubachiisuudhaan, gara fuulduraatti waltajjiin ajandaa walitti qabuu akka jiraatu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Bitootessi 24 guyyaa demokiraasiin fuulleetti ba’ee fi yaadni ida’amuu itti mo’ateedha
Apr 2, 2026 3345
Bitootessa 24/2018(ENA)- Bitootessi 24 guyyaa dimokiraasiin fuulleetti ba’ee fi yaadni ida’amuu itti mo’ate ta’uu paartii badhaadhinaatti Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii ibsan. Hiriira deeggarsaa Jijjiirama biyyaalessaa ilaalchisuun magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti ergaa kan dabarsan Obbo Namarraan, guyyichi Itiyoophiyaan biyya meeshaan osoo hin ta’iin yaada caalmaan injifateen bultu ta’uushee guyyaa itti Addunyaatti mul’istedha jedhaniiru. Waggoota jijjiiramaa darbanitti naannichatti birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamanii fi oomisha qamadii gara alaatti erguun danda'amuunsaa milkaa'ina galmaa'an keessaa isaan ijoo ta’uusaa eeraniiru. Qormaatilee Jijjiiramaan booda nu mudatan gara carraatti jijjiiruun milkaa'ina hedduun galmaa'aniiru kan jedhan Obbo Namarran, dhibbaawwan adda addaa dandamachuun hojiiwwan ciccimoon hojjetamuu ibsaniiru. Xiyyeeffannaan itti aanus dinagdee qaala'iinsa jireenyaa dandamachuu danda'u ijaaruu fi hojiiwwan misooma hawaasummaa cimsuun itti fufsiisuu akka ta'u eeraniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, Bitootessa 24 guyyaa Saboonni fi Sab-lammoonni itti injifatan fi boqonnaan jijjiiramaa haaraa itti eegale waan ta'eef, yeroo hunda Seenaa keessatti yaadatamaa akka jiraatu dubbataniiru. Haaluma walfakkaatuun, Godina Wallagga Dhihaatti jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa ilaalchisuun hiriira deeggarsaa gaggeeffame irratti Bulchaan Godinichaa Obbo Taliilaa Tarrafaa akka dubbatanitti, Bitootessa 24 guyyaa godinichatti injifannoon misoomaa akka galmaa'u taasisedha. Naannichi qormaatilee adda addaa keessa osoo jiruu, jiraattonni Godinichaa nagaa fi misooma kan barbaadu ta'uusaa hojiin agarsiiseera jedhaniiru. Bulchaan kun dabaluunis, hojiiwwan misoomaa gama hundaan galmaa'an akka hin gufanneef, kutaaleen hawaasaa hundi naannoosaa eeggachuun qoodasaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru. Jiraattonni hiriira deeggarsaa Magaalaa Gimbiitti gaggeeffame irratti argamanis, waggoota jijjiiramaa keessatti milkaa'ina argame itti fufsiisuuf qooda keenya ni baana jedhaniiru. Imala Milkaa'ina Bitootessa 24 Sababeeffachuun Jiraattonni hiriira deeggarsaa Magaalaa Gimbiitti gaggeeffamerratti hirmaatan, waggoota jijjiiramaa Saddeettan darban keessatti hojiiwwan misoomaa ummata fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamuusaanii ragaa bahaniiru. Obbo Buusaa Garmaamaa fi Obbo Wasanuu Tarfaasaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bu'ura misoomaa adda addaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan bal'inaa fi qulqullinaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Fuuldurattis hojiiwwan misoomaa karoorfaman galma akka ga'aniif qooda keenya ni baana jedhaniiru. Godinichatti dameewwan hundaan hojiiwwan qabatamaan hojjetamuu ibsuun, bu'aa argame cimsuuf yeroo kamiyyuu caalaa akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Bitootessi 24 guyyaa damee hunda keessatti jijjiiramni bu’uuraa lafa qabatedha
Apr 2, 2026 2215
Bitootessa 24/2018 (ENA): Bitootessi 24 guyyaa jijjiiramni bu’uuraa damee hundaan lafa qabate ta’uu Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa himani. Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa sababeeffachuun hiriirri ummataa naannoo Oromiyaa magaalaa Maayaatti geggeeffameera. Hiriira ummataa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa godinaa fi magaalaa sadarkaa sadarkaan jiran, abbootiin amantaa, qonnaan bultoonni, dargaggootaafi dubartoonni, akkasumas kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru. Hirmaattonni hiriira deeggarsaa kanaas jijjiirama argame itti fufsiifna, Bitootessi 24 guyyaa bu’uura jijjiiramaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf kaa’e, Bitootessi 24 bu’uura imala ifaa ta’uu ibsuun, ergaawwan biroos dabarfamaniiru. Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa ergaa guyyaa kana dabarsaniin, Bitootessi 24 guyyaa itti Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa jijjiiruuf aangoo itti fudhatan ta’uu ibsaniiru. Mootummaan jijjiiramaa qormaata mudate irra aanee imala badhaadhina biyyaalessaa itti fufsiiseera jedhani. Mootummaan jijjiiramaa naannichaa keessatti nageenyaa fi misooma guddisee, hawaasni hojii misoomaa irratti akka bobba’uu fi fayyadamummaa isaa akka mirkaneessu kan taasise ta’uus ibsaniiru. Hojiileen Itiyoophiyaan damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan olka’iinsa akka qabaattu mirkaneessan hojjetamuu isaaniis eeraniiru. Bulchituun godina Harargee Bahaa aadde Miskii Mohaammad akka himanitti, Bitootessi 24 guyyaa ifni abdii biyyattii keessatti ife dha jedhani. Ummanni bahee jijjiirama kana deeggaruu galateeffachuun, imala jijjiiramaa Itiyoophiyaan eegalte itti fufsiisuun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Bu'aawwan mootummaa jijjiiramaan argame cimsinee itti fufsiifna
Apr 2, 2026 1593
Bitootessa 24/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Jimmaa hojiiwwan misoomaa fi milkaa’inoota mootummaan jijjiiramaa eegale cimsinee itti fufsiifna jedhani. Hundeeffama mootummaa jijjiiramaa waggaa 8ffaa kabajuuf hiriirri ummataa magaalaa Jimmaatti geggeeffameera. Yaada jiraataan magaalaa Jimmaa obbo Nigaatuu Damissee ENA’f kennaniin, mootummaan jijjiiramaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban keessatti tumsa cimaa ummata Itiyoophiyaatiin eegalame xumuruu danda’eera jedhani. Kunis milkaa’ina dhiibbaa dippilomaasii ulfaataa irra aanuu irraa argame ta’uu eeruun, pirojektoota hafan itti fufsiisuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Aadde Roozaa Takkaa gama isaaniitiin, mootummaan jijjiiramaa waggoota darban keessatti hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa guddiseera jedhan. Dhimmi abbummaa buufata Galaanaa argachuu gaaffii bira darbee ajandaa waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa ta’uu eeruun, milkaa’ina isaaf jijjiirama biyyaalessaa kana deeggaruun itti fufsiisuu akka qaban himani. Erga jijjiiramaa as dubartoonni sadarkaa hojii mootummaa olaanootti hirmaachuu jalqabaniiru kan jette immoo shamarree Eden Maarqosi dha. Jijjiiramni biyyaalessaa fayyadamummaa dubartootaaf dursa kan kenne ta’uu eeruun, deeggarsa kanaaf cimsinee itti fufna jetteetti. Dargaggeessi biraa Haayidar Huseen Itiyoophiyaa keessatti haala kanaan dura hin argamne keessatti paartileen siyaasaa waldorgoman iddoowwan mootummaa ijoo qabatanii biyya isaanii akka tajaajilan eeyyamameera jedhe. Aadaa walta’iinsa walitti dhiyeenyaa kana eegsisuuf jijjiirama biyyaalessaa deeggaruun itti fufsiisna jedheera. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Yaada filaamaataa qabnu dhiheeffachuuf miidiyaan garagaraa nuuf mijaa’eera
Apr 1, 2026 2093
Bitootessa 23/2018(ENA)-Filannoorratti ddammaqinaan hirmaachuun yaadota filaamtaa paartiisaanii qaqqabsiisuuf miidiyaaleen garagaraa akka isaaniif mijate paartiin bilisa baasaa Affaar(PABA) ibse. Paartileen siyaasaa morkattootaa filannoo walii galaa 7ffaaf karaa sabdaneessummaa keessummeessuun danda’amuun karaa miidiyaalee garagaraa waltajjiiwwan falmii gaggeeffamaa jiru. Miseensi hojii raawwachiisaa paartii bilisa baasaa Affaar obbo Hanferee Mahaammad ENA’f akka ibsanitti, filannoon waliigalaa baranaa karaa nagaa, demokiraatawaa fi bilisa ta’een dirree siyaasaa mijataa ta’een adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru. Haala mijataa uumametti fayyadamuun paartileen siyaasaa filannoo walii galaa kanaaf bilisaan falmuun karaa nagaa fi demokiraatawaa gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru. Haala nageenyaa naannoosaanii jirurraa ka’uun dhimmoot filannoon wal qabatanirratti gufuun kamiyyuu akka isaan hin mudanne beeksisaniiru. Filannoon baranaa sirni demokiraatawaa akka jiraatuu fi ummanni sagaleesaatiin murteessuu akka danda’u adeemsi jiru gaarii ta’uusaa yaadachiisanii, filannichi demokiraatawaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramu qooda keenya bahaa jirra jedhaniiru. Seera filannoo hordofuun dadammaqsaa akka jiranis dubbataniiru.
Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba
Apr 1, 2026 1988
Bitootessa 23/2018 (ENA): Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Wallaggaa. Mul’anni siyaasaa mootummaa jijjiiramaa, paartileen mul’ata adda addaa qabaatanis, dantaa biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan deeggaruu fi kana malees hanga aangoo qooduutti illee kan qabatamaan agarsiisedha. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti yaad-rimeen waliin hojjechuu fi dantaa biyyaalessaa irratti waldeeggaruu kun gara dhugaatti jijjiiramuu isaa qabatamaan argineerra jedhani. Kanumaan walqabatee hayyoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba jedhan. Hayyoonni kun ibsa isaanii keessatti mootummaan ce’umsaa hirmaannaa paartilee siyaasaa morkattootaa dhimma biyyaalessaa keessatti guddisuu fi iddoo siyaasaa babal’isuuf hojii eegale itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitii Wallagaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa kan ta’an Darajjee Galaasaa akka himanitti, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti mootummaan paartilee siyaasaa dorgoman waliin tumsi taasisuun siyaasa qaroomeef bu’uura kaa’eera jedhani. Itti dabaluunis, paartileen ilaalcha siyaasaatiin garaagarummaa qabaatanis aadaa dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka horatan gargaaruu keessatti gahee mataa isaa qaba jedhan. Yunivarsiitichatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Mahaammad Arbaayi gama isaaniitiin hojiiwwan iddoo siyaasaa babal’isuu waggoota jijjiiramaa keessatti mul’atan dhimmoota biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf bu’uura kaa’aniiru jedhan. Mootummaan jijjiiramaa Paartiilee siyaasaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun dimokiraasii kan babal’isu ta’uu himaniiru. Hojii dimokiraasii kana itti fufsiisuu fi sirna mootummaa hirmaachisaa ta’e eeguun guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa akka qabus hubachiisaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan haala haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’een akka xumuramuuf paartileen siyaasaas ejjennoo dantaa Itiyoophiyaaf dursa kennu qabaachuu akka qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena

Hawaasummaa
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu eebbisanii banan
Apr 4, 2026 393
Bitootessa 26/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu har’a eebbisanii bananiiru. Dhaabbanni ammayyaa mooraa dhaabbata qo’annoo Armawer Hansen keessatti ijaarame kun ijaarsa bu’ura misoomaan gamatti, Itiyoophiyaa of dandeessee fi fayya buleessa taate dhugoomsuuf kan hojjetu wiirtuu beekumsaati jedhaniiru ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin. Wiirtuun qo’annoo kun laaboraatoorii 40, bakkeewwan Jaanoomiiksii (genomics) fi Baayooinfoormaatiiksii (bioinformatics) ga’ooman, akkasumas qulqullinaa fi ga’umsa qoricha biyya keessatti hojjetamanii kan mirkaneessu wiirtuu baayoo’ekuwiivaalensii (bioequivalence) of keessatti qabachuusaa ibsaniiru. Dabalataanis dhaabbatichi dandeettii balaawwan tasaaf of qopheessuu fi deebii kennuu gama gabbifachuutiin murteessaa ta’ee ni gargaara jedhaniiru. Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, qo’annoo gara imaammataa, kalaqa gra furmaata qabatamaatti jijjiiruudhaan wiirtuun kun oomisha qorichaatiin akka of dandeenyu, nageenya fayyaa fulla’aa mirkaneessuu fi hundaa ol ammoo milkaa’inoota amma ammaatti galmeessifne caalaatti guddisuuf kan gargaaru tarkaanfii guddaadha jechuun ibsaniiru.
Waggoota Jijjiiramaa darbanitti hojiileen tajaajila tola ooltummaan hojjetammaan fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha
Apr 3, 2026 1268
Bitootessa 25/2018(ENA)- Waggoota jijjiiramaa darban hojiileen namooma irratti xiyyeeffatamanii tajaajila tola ooltummaan Magaalichatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuusaanii Komishiniin Qindeessa Hirmaannaa Hawaasaa Finfinnee beeksise. Magaalattiitti waggoottan saddeettan darbanitti hojiin lammiilee hedduu fayyadamoo taasise qindoomina abbootii qabeenyaa fi dargaggootaan raawwatameera. Itti aantuun Komishinaara Komishinichaa Asraat Nuguusee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti; Magaalattii keessatti tajaajila tola ooltummaan hojiiwwan namoomaa irratti xiyyeeffatanii hojjetamaniin milkaa’inni hedduun galmaa’eera. Waggoottan jijjiiramaa darbanitti waggaa waggaan dameewwan xiyyeeffannoo 15 irratti sagantaalee Gannaa fi Bonaatiin hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuusaanii eeraniiru. Dameewwan tajaajilaa kunis, Haaromsa Manneen harka qal’eeyyii fi maanguddootaa, Maaddii qooddachuu, dhiiga arjoomuu, ittisa balaa tiraafikaa, Barnootaa fi leenjii, Eegumsa naannoo fi miidhagina akkasumas hirmaannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan hammatanidha. Keessattuu manneen harka qalleeyyii diiguun haaraa ijaaruun bu’aawwan gurguddoon hawaasa fayyadamoo taasisan galmaa’uusaanii dubbataniiru. Waggoota jijjiiramaa darban qofatti Manneen kuma 45 ol ijaaramanii jiraattotaaf dabarfamuu eeruun; manneen kun haala jireenya lammiilee ammayaa’aa fi jireenyaaf mijataa ta’een ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Maaddii qooddachuutiin jiraattota magaalichaa miliyoona 6 tuqaa 5 ol deddeebiidhaan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame eeraniiru. Hojiilee Namoomma irratti xiyyeeffatan keessatti abbootiin qabeenyaa gahee olaanaa bahuu isaanii Itti aantuun Komishinaraa kun ibsanii; abbootiin qabeenyaa deeggarsa ofiisaaniin tasisan malee kanneen biroo qindeessuun gumaacha guddaa taasisuu isaanii dubbataniiru.
Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegame kennuuf hojjetamaa jira
Apr 3, 2026 671
Bitootessa 25/2018(ENA)- Ejensiin Geejiba Oromiyaa Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegamee Hawaasaaf kennuudhaaf hojjechaa jiraachuu Biiroon Geejiba Oromiyaa beeksise. Daarektarri Daarektoreetii Koomunikeeshinii Ejensii Geejiba Oromiyaa Obbo Lammeessaa Tasaanaa,Tajaajila Geejibaa Qulqullina qabu hawaasaan gahuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina Leenjii Konkolaachisummaa, gahumsa konkolaataa fi Nageeenya Tiraafikaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Balaan Tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaataa fi konkolaachisaan wal-qabatee hojiin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru. Balaan Tiraafikaa irra caalaan kan uumamu rakkoo konkolaachisaa fi imaltoota lafoon ta’uu eeruun, rakkoon kun akka hin babal’anneef Ejensichi Qulqullina Leenjiirratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis, Leenjii Konkolaachisummaa gara teekinooloojiitti fiduun qulqullina Leenjii konkolaachisummaarratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Kenna Tajaajila Geejibaa Leenijii konkolaachisummaa, Galmeessaa fi kenninsa Boolloorratti, teekinooloojiidhaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Geejibaan wal-qabatee rakkoo jiru furuuf kaameeraan hordofuun rakkoon buufata konkolaataa keessatti mudatu hordofamaa jiraachuu obbo Lammeessaan eeraniiru. Rakkoo konkolachiftoonni taarifaan ol kaffalchiisuu fi darbaa fe’uun mudatu yoo argan bilbila bilisaan 8556n hawaasni eeruu akka kennus dhaamaniiru. Agarsiisnii fi baazaariin raawwii hojii sektaroota biiroolee Oromiyaa guyyaa sadiif galma aadaa Oromootti qopheessummaa Biiroo komunikeeshinii Oromiyaan gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetameera – Doktar Tolaa Bariisoo
Apr 3, 2026 230
Bitootessa25/2018(ENA)- Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa doktar Tolaa Bariisoo ibsan. Bu’aa Jijjiirama Imaammata Barnootaatiin Manni Barmsusaa Bu’uura Boruu babal’achuusaa ibsaniiru. Waggaa shaniin dura manni Burumsaa Bu’uura boruu kuma tokko kan hin caalle akka ture ibsuun, yeroo amma manni Barumsaa bu’uura boruu kuma 20 ol gahuu ibsaniiru. Barsiisota kuma 40 ol leenjisuun Mana Barumsaa Bu’uura Boruuratti ramaduun hojjetamaa jiraachuun jijjiirama gudda ta’uu dubbataniiru. Akkasumas Manni Barumsaa Bultii addaa ijaaramee Barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan keessatti barachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru. Manneen Barnootaa babal’isuun barattoonni Miiliyoona 12 ol Oromiyaa keessatti barachaa jiraachuu himaniiru. Gara fuuldurattis jijjiirama gama Barnootaan mul’ate ittifufsiisuuf fooya’insa Barnootaa fi jijjiirama Barsiisaa irratti hojii baay’ee kan hojjetan ta’uus eeraniiru. Manneen Barnootaa sadarakaa 2ffaa keessatti bu’uuraalee misoomaa hin guutamne guutuun, Barsiisaa fi Hoggansarratti itti fufiinsaan akka hojjetamu dubbataniiru. Qulqullina Barnootaa kan mirkaneessan keessa tokko hojii barsiisaarratti hojjetamu ta’uu eeruun, Barsiisonni Sadarkaasaanii akka fooyyeffatan kan hojjetan ta’uu himaniiru. Manneen Barnootaa dabalataa bu’uura booruu, sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi daree dabalataa ijaarun hanqina daree barnootaan jiru furuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaarratti xiyyeeffachuun guddina Teekinooloojii wajjin akka deemaniif wantoota barbaachisan guutuuf kan hojjetamu ta’a jedhaniiru.
Diinagdee
Tajaajilli elektiriikaa Itiyoophiyaa hoj-maata itti quufinsa maamiltootaa mirkaneesuuf gargaaran hojiirra oolchaa jira
Apr 4, 2026 356
Bitootessa 26/2018(ENA)- Tajaajilli elektiriikaa Itiyoophiyaa tajaajiloota isaatiin iftooninaa fi itti gaatamummaa hojiirra oolchuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuuf hoj-maatawwan garagaraa hojiirra oolchaa jiraachuu ibse. Tajaajilli dhaabbileen ummataaf kennan si’ataa, qulqulluu fi teknoolojiin kan deeggarame akka ta’uuf mootummaan hojiiwwan riifoormii gaggeessaa tureera. Kanaanis, kanneen akka tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masob' yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa itti quufinsa ummataa mirkaneessuu danda'an ijaaruun danda'ameera. Kana bu’uura godhachuun, dhaabbileen Mootummaa biroos hoj-maatasaanii ammayyeessuu fi ummataatti dhiyaachuun malaammaltummaa ittisuuf tooftaawwan dandeessisan hordofaa jiru. Daarektarri Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Tajaajila Elektriika Itiyoophiyaa Aadde Hibrawarq Yimanuu turtii ENA waliin taasisaniin, dhaabbatichi itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf hojiiwwan jijjiiramaa hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hoj-maata badaa kenna tajaajila maamilaarratti isaan mudatu icciitiin eeruuf appilikeeshinii salphaa, Mijataa fi nageenyisaa eegame hojiirra oolchuusaa beeksiseera. Kanaanis Maamiltoonni weebsaayitii "eeuethics.et" jedhamuun yookiin appilikeeshinicha bilbila isaaniirra buufachuun komii fi eeruu isaanii salphaatti dhiyeessuu akka danda’an ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun hirmaannaa maamiltootaa eeruu dhiyeessuu irratti qaban guddisuu kan danda'e yoo ta'u, baatiiwwan saddeettan darban keessatti eeruun 374 dhiyaachuusaa ibsaniiru. Eeruwwan dhiyaatan qulqulleessuun bu’aa argameerratti hundaa’uun hojjettoota 98 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu isaa Daarektarri kunibsaniiru. Dhaabbatichi namoota eeruu kennaniif eegumsa barbaachisaa taasisuun hoj-maata badaa ija-jabinnaan akka saaxilan qajeelfama dandeessisu qajeelfama beekamtii kennuu fi eegumsa taasisuu qopheessee hojiitti galuu isaas himaniiru. Hoj-maata teknoolojiin ammayyeessuurra darbee, haala naamusaa hojjettootaa ittiin addaan baasuuf hammattoon addaa qophaa'uu isaa ibsaniiru. Maamiltoonni Malaammaltummaa ittisuuf carraqqii taasifamu keessatti hirmaannaa dammaqaa akka taasisanii fi tajaajila kamiifuu kaffaltii yeroo raawwatan nagahee seeraa fudhachuun dirqama isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Naannichatti Dureeyyii Invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif onnachiiftuunii fi haalli mijataan uumameera –Bulchaa Naannichaa Ordiin Badrii
Apr 4, 2026 374
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii Invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif onnachiiftuunii fi haalli mijataan uumamuusaa Bulchaa Naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Kumalaa Atileet Haayilee Gabirasillaasee Magaalaa Hararitti Invasti gochuuf qophii xumuruun Magaalaa Hararitti argamuun hojiilee misoomaa adda addaa daawwateera. Turtiisaa Harariin Hambaa Addunyaa Jugoolii fi hojiilee ijaarsa kooriidarii fi hojiiwwan misoomaa Magaalattii keessatti hojjetaman Bulchaa Naannichaa Obbo Ordiin Badrii waliin ta’uun daawwateera. Akkasumas, damee Invastimantii irratti bobba’uuf jiru ilaalchisee Bulchaa Naannichaa waliin marii taasiseera. Bulchaan Naannichaa Obbo Ordiin Badrii marichaan akka jedhanitti, Naannichatti dureeyyii filannoowwan invastimantii adda addaa irratti bobba’aniif onnachiiftuu fi haalli mijataan uumamuusaa kaasaniiru. Keessattuu, dureeyyii misooma irratti bobba’an jajjabeessuu, deeggaruu fi gargaaruu irratti hojiiwwan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, Atileet Haayilee Gabrasillaasee Magaalaa Harar keessatti hojii invatimantii hojjetuuf deeggarsi wal-fakkaataan akka taasifamuuf dubbataniiru. Magaalaan Harar Magaalaa umurii dheeraa lakkoofsiftee fi Magaalaa Turizimii ta’uu ishee kan ibsan obbo Ordiin Badrii, Magaalattii keessatti iddoo simannaa(boqonnaa) keessummaa ammayaa’aa ijaaruu fi babal’isuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis, Invastimantiin Hoteelaa fi Riizortii Atileet Haayilee Gabrasillaaseen ijaaramu Magaalattiif tarkaanfii guddaa akka ta’u dubbataniiru. Atileet Haayilee Gabrasillaasee gamasaatiin, Magaalaan Harar qabeenya seenaa durii fi bakka hawata turizimii qabdu, invastimantii Hoteelaa fi Riizortiitiif mijattuu ta’uu ishee dubbateera. Kanaan olittis misoomni koriidaraa Magaalichatti Ijaarame, dhiheessii bu’uuraalee misoomaa fi filannoowwan misoomaa biroon misooma damichaaf carraa guddaa dha jedheera
Xiyyeeffannoon tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Mekaanaayizeeshiniif kenname birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’u bu’ura ta’aa jira
Apr 4, 2026 374
Bitootessa 26/2018(ENA)- Xiyyeeffannoon Itiyoophiyaan tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Mekaanaayizeeshiniif kenname birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’u bu’ura ta’aa jiraachuu ministirri qonnaa Addisuu Araggaan ibsan. Sosochiin misooma midhaanii bara oomishaa 2018/19 mata duree ‘oomishaa fi oomishtummaadhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuu” jedhuun magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa wayita kana akka jedhanitti, birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf egereen Itiyoophiyaa ifaadha. Sochiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa mootummaa ida’amuutiin eegalame oyiruu qonnaarratti qabatamaan bu’aa mul’achuu eegaluusaa ibsaniiru. Qonna Itiyoophiyaa ammayyeessuudhaan gara mekaanaayizeeshiniitti cehaa jiraachuu ibsanii, Itiyoophiyaatti walabummaa nyaataa mirkaneessuuf hojii eegalameen jijjiiramni qabatamaan mul’achuusaa dubbataniiru. Yeroon misooma midhaanii gannaa fi bonaa bara 2018/19 qormaata gaaga’ama addunyaa keessatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsanii, haa ta’u malee Xaa’oo dursaan galchuun yaadduu jiru cehuun akka danda’ame eeraniiru. Keessumaa dhiibbaa waraanni jiddu galeessa bahaa sirna lojistiksiirratti qaqqabsiisu damdamachuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu qabna jedhaniiru. Wabii nyaataa fulla’insaan mirkaneessuuf qormaata gara carraatti kan itti jijjiirre muuxannoo yeroo weerara Koovid ture har’as itti fufuun akka barbaachisu ibsaniiru. Hogganaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Geetuu Gammachuu gamasaaniin, naannichatti inisheetiivonni 33 ol hojiirra oolaniiru jedhaniiru. Naannoleen qabeenya uumamaa qaban sirnaan hojiirra oolchuun hojjechuun yoo danda’ame jijjiiramni akka dhufu Inisheetiivotaan qabatamaan mul’achuu ibsaniiru. Muuxannoowwan Itiyoophiyaa keessa naannolee garagaraa keessa jiran fudhachuun sanyiiwwan madaqsuun oomishaalee akaakuu garagaraa oomishuun eegalamuusaa ibsanii, naannoo Amaaraarraa muuxannoo fudhachuun Ruuzii misoomsuun akka danda’ame dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Haalaa jijiirama Addunyaa tilaama Keessa Galchuun Xaa'oo bittee Galchiteetti
Apr 4, 2026 174
Bitootessa 26/2018(ENA)-Itiyoophiyaan haala Addunyaa hin tilaamamnee fi jijjiiramaa jiru hubannoo keessa galchuun dursitee xaa’oo bituun gara biyya keessaatti galchuushee Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan. Waraanni gidduugala Bahaatti uumamee fi gaaga’amni Addunyaa bittaa fi sochii meeshaalee irratti gufuu uumuun isaa ni beekama. Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa akka jedhanitti, naannoon Giddu-galeessa Bahaa sararoota xaa'oon ittiin fe'amu keessaa tokko ta’uusaa ibsanii, waraanni naannichaa sochii geejibaarratti rakkoo uumuusaa eeraniiru. Haa ta'u malee, Mootummaan haala jijjiirama Addunyaa hin tilmaamnee fi haala jijjiiramaa hubannaa keessa galchuun xaa'oo ilaalchisee dursuun qophii taasisuun gara hojiitti galuu dubbataniiru. Kanaanis bittaa xaa’oo omishaa bara kanaaf oolu raawwachuun gara yuuniyeenota hojii Gamtaa fi qonnaan bultoota bira akka gahu taasifamuu ibsaniiru. Bara omishaa darbe Xaa'oon qonnaan bultootaaf raabsame kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 akka ture ibsuun, bara omishaa kanatti, kan Jibuutii gahe dabalatee xaa’oon kuntaalli miiliyoona 20 galeera jedhaniiru. Tiraansifoormeeshinii Qonnaa mirkaneessuu fi itti fayyadama galteewwanii fooyyessuuf xaa'oo kuntaala miiliyoona 30 bituuf karoorfamuu eeruun, kan hafe galmaan gahuuf biyyoota michuu waliin tumsaa fi waliigaltee cimaan uumamuu ministirichi ibsaniiru. Birmadummaan nyaataa dhimma jiraachuu ta’uu kan dubbatan Obbo Addisuun, Hariiroo misooma qonnaa keessatti oomisharraa kaasee hanga sona dabaluu fi gabaatti adeemsa jiru to'achuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Haalaa Kanaan Ijaarsi warshaa xaa'oo Itiyoophiyaan jalqabduun haala addunyaan hin tilmaamamnee fi jijjiiramaa jiru keessatti rakkoolee mudachuu danda'an injifannoon darbuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis, qonnaan bultoonni xaa'oo uumamaa (koompostii) irratti bal'inaan hirmaachuun dhiibbaa jiru hir'isuu akka qaban dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii uummataa deebisan cimanii ittifufaniiru
Apr 4, 2026 211
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan gaaffii bulchiinsa gaarii uummataa deebisan cimanii itti fufuusaanii waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasa Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa, Aanaa OmooNaadaa Magaalaa Asandaabootti, giddugalli tajaajila wiirtuu Masoob Sadarkaa Aanaatti isa jalqabaa ta’e har’a eegalameera. Obbo Namarraa Bulii wayita sanatti ergaa dabarsaniin, tajaajilli Masoob Naannichatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummataa adeemsaan deebisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Akka Itti gaafatamichi Jedhanitti, tajaajilli kun hoj-maata badaa ittisuu bira darbee, gaaffiiwwan uummataa tokko tokkoon deebisaa jiraachuu keenyaaf ragaadhajechuun; gara fuulduraattis tajaajilicha ammayyeessuun lammiilee hedduuf akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, gaaffiiwwan misoomaa fi tajaajilaa jiraattonni Godinichaa yeroo adda addaa kaasan furuuf tajaajilli Masoobii sadarkaa Aanaatti babal’achaa jiraachuu eeraniiru. Kantiibaan Magaalaa Asandaaboo Obbo Naziif Sheek Kamaal, giddugala kanatti dhaabbileen 11 gosa tajaajila 52 foddaawwan 8’n akka kennan ibsuun, Ogeessonni tajaajila qulqulluu fi saffisaa kennuuf leejii fudhatanii gara hojiitti galaniiru jechuun ibsaniiru.
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 192
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti. Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani. Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 219
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru. Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru. Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 444
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru. Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru. Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan. Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 411
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru. Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Dorgaommiin Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Ispoortiiwwan Aadaa Sadarkaa Biyyaalessaa har'a Magaalaa Harariitti ni jalqabama
Mar 29, 2026 435
Bitootessa 20/2018(ENA)- Dorgommiin Ispoortii Aadaa biyyaalessaa 23ffaan fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan har'aa eegalee Magaalaa Hararitti ni gaggeeffama. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Ministeerri Aadaa fi Ispoortii qophicha( taatee kana) waliin ta'uun qopheessaniiru. Dorgommiinii fi Feestivaalli kun mata-duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun kan gaggeeffamudha. Dorgommii gosoota Ispoortii 11n gaggeeffamu kanarratti Naannolee fi Bulchiinsa Magaalota hundaarraa Isportessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jechuun Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiseera. Dorgommii fi Feestivaala kanarratti keessummoonni kabajaa Konfedereeshinii Ispoortii fi Taphoota Aadaa Afrikaa irraa affeeraman ni argamu. Sagantichi tokkummaa, garaagarummaa fi waliin jireenya Sab-daneessummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisudha. Feestivaalichi Hawaasa Ispoortii Aadaa irratti hirmaachisuu fi fayyadamaa taasisuun alatti, Ispoortii Aadaa Hawaasummaa taasisuu dandeessisuuf kaayyoo akka qabu ragaan Ministeerichaa ni mul’isa. Mootummaan xiyyeeffannoo addaa Misooma Ispoortiitiif kenneen, Imaammata Ispoortii haaraatiin Ispoortiiwwan Aadaa misoomsuuf hojjechaa akka jirus ibsameera.
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 402
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 314
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera. Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera. Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Apr 4, 2026 396
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan. Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru. Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru. Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru. Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru. Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 654
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 151
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jira.
Mar 29, 2026 390
Bitootessa 20/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti Ogeessi misooma bosonaa Obbo Guddataa Xuurii ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa soorataaf kan oolanii fi sanyiiwwan fuduraa akka keessatti argaman dubbataniiru. Baatiiwwan gannaa keessatti walumaagala lafa hektaara kuma 94 ol irratti sagantaan dhaabbii biqiltuu akka gaggeeffamu ibsuun; hojiin biqiltuu biqilchuu Aanaalee Godinichaa hunda keessatti kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachiseen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qophiin kun fayyadamummaa qonnaan bulaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf akka danda’uuf sanyiiwwan biqiltuu oomishtummaan isaanii ol’aanaa ta’ee fi fooyya’an irratti xiyyeeffannoo gochuusaanii eeraniiru. Sagantaalee 'Ashaaraa Magariisaa' waggoottan darbanitti raawwatamaniin bu’aawwan jajjabeessaan galmeeffamuu isaanii ibsuun, biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu fi eeguurrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman naannoo (ecosystem) jijjiiruu keessatti gahee ol'aanaa taphachuu bira darbee, harawwan goganii turan deebi'anii bishaan akka qabatan gochuun qonnaan bulaaf haala mijeessuusaanii dubbataniiru. Waggoottan torban darban walii gala lafa hektaara kuma 616 fi 613 irratti biqiltuuwwan dhaabamuusaanii yaadachiisuun; hawaasni naannichaa aadaa bosona eeguu qabuun milkaa’ina misooma magariisaatiif gumaacha guddaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2543
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10712
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.