ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa tajaajila fe’umsaa filatamaa Afrikaa injifate
Jun 28, 2026 232
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa kaargoo, loojistikii fi dhiyeessii Eeshiyaa bara 2026 irratti Tajaajilli Kaargoo fi Loojistikii Itiyoophiyaa badhaasa kana injifateera. Kaargoo Fe’umsa Qilleensaa Afrikaa keessaa isa gaarii jedhamuun badhaafameera. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaa sadarkaa addunyaatti, walta’iinsa tarsiimoo fi furmaata loojistikii kalaqaan walitti dhufeenya loojistikii fi daldalaa addunyaa isaa cimsaa jiraachuu ibseera. Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa fe’umsaa kana kan injifate qooda fudhattoota indaastirichaa fi maamiltoota irraa sagalee caalmaa arachuun hordofee akka ta’e ibseera. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa michoota isaa, maamiltoota isaa fi hojjettoota isaa bu’aa kana dhugoomsaniif galateeffateera.
Naannoo Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 2.4 oliif carraan hojii uumame
Jun 28, 2026 162
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana keessatti hojiiwwan misoomaa fi invastimantii hojjetamaniin lammiilee miiliyoona 2.4 ol ta’aniif carraan hojii bal’aan uumameera jedhame. Biirichi mata duree "Ce'umsa Intarpiraayizootaa Olka'iinsa Biyyaaf"jedhuun, marsaa 16ffaaf Intarpiraayizoota ulaagaa ce'umsaa guutan kuma 1fi195 gara guddattuu gidduugaleessaatti (Invastimantiitti) ceesiseera. Intarpiraayizonni kunneen warreen kaappitaala waliigalaa Birrii biiliyoona 3.779 galmeessisan ta'uun himameera. Akka Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Misooma Magaalaa Naannoo Oromiyaa obbo Abdulqaadir Huseen waltajjii kana irratti hirmaatan ibsanitti, intarpiraayizoonni deeggarsa roga hedduu qabuu fi paakeejii mijataa mootummaan kennu sirnaan hojiirra oolchuun sadarkaa milkaa’inaafi ce’umsaa kanarra ga’aniiru jedhani. Mootummaan naannichaa hiyyummaa hir’isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuuf, rakkoo hoji dhabdummaa itti fufiinsaan furuuf ciminaan hojjechaa akka jirus ibsaniiru. Intarpiraayizoonni gara invastimantiitti ce’an bu’aa guddaa galmeessisuuf dameewwan invastimantii irratti bobba’an irratti cimanii hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Hoogganaan Biirichaa Injinar Eebbaa Garbaa wayita kana, intarpiraayizoonni guddina biyyattii keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uu ibsaniiru. Mootummaan kanaan dura rakkoowwan invastimantiirratti mudachaa turan hiikuun invastaroota hedduu horachuuf haala mijataa uumuu kaasaniiru. Bara bajataa kana keessa lammiileen naannichaa kuma 200 ol biyya alaatti hojii argachuu akka danda’an ibsaniiru. Lammiilee hojiitti seenaniif bakki hojii, manneen daldalaa fi wiirtuun akka kennamu kan ibsan Injinar Eebbaan, hiyyummaa hir’isuu keessatti hojiin barbaachisaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Hoji dhabdummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa magaalichatti hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Dr. Maatiyaas Sabbooqaa ibsaniiru. Adaamaa keessatti lammiileen kumaatamaan lakkaawaman dameewwan industirii Goojjoon, qonna magaalaa keessattuu horsiisa lukkuu, horsiisa saawwan aannaniifi damee midhaaniitiin hojii argachuu danda’uu ibsaniiru.
Nageenya daangaa fi buufata xiyyaaraa ammayyeessuun faayidaa ji’oo-tarsiimoo Itiyoophiyaa eeguuf dhimma murteessaadha – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
Jun 28, 2026 173
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Nageenya daangaa fi buufata xiyyaaraa ammayyeessuun faayidaa ji’oo-tarsiimoo Itiyoophiyaa eeguuf dhimma murteessaa ta’uu Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Koree Sagantaa Jijjiirama Bulchiinsa Buufata Xiyyaaraa fi Bulchiinsa Daangaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen himaniiru. Waltajjiin mariifi galtee walitti qabuu Sagantaa Eerpoortiifi Ce’umsa Bulchiinsa Daangaa gaggeeffamaa jira. Daayrektarri Olaanaan Tajaajilichaafi Walitti qabaan Koree Olaanaa Sagantichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana, sagantichi yaaddoowwan nageenyaa akka biyyaatti mudatan odeeffannoon deeggaruun dursanii beekuufi ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan. Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa taasisuufi yaa’iiwwan idil-addunyaa gara fuulduraatti keessummeessitu milkaa’inaan hogganuuf akka gargaarus eeraniiru. Saganticha milkaa’inaan hojiirra oolchuuf koree olaanaan qindeessitoota biyyaalessaafi koreewwan teekinikaa dhaabbilee 10 irraa walitti babba’an hammate hundaa’ee gara hojiitti galuu kaasaniiru. Milkaa’ina isaafis sanadani tarsiimawaan muuxannoo biyyoota garaagaraarraa qindaa’e qophaa’uun hojiirra ooluu dubbataniiru. Walitti bu’iinsotaafi yakkoota daangaa ce’oo dursanii ittisuuf sagantichi faayidaa olaanaa qabaachuufi hojiin nageenyaa dandeettii Itiyoophiyaan sadarkaa ardiittiifi naannawaatti qabdu giddugaleeffate hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojmaanni isaas teeknooloojiiwwan mandhaleen bal’inaan akka misooman gochuun birmadummaa saayibarii biyyattiifi faayidaalee biyyaalessaa karaa guutuu ta’een kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni dhaabbilee federaalaa, Pireezidaantonni naannolee, kantiibonni magaalotaafi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamaniiru.
Hanga abjuun keenya dhugoomutti cimnee hojjenna - Itti aanaa ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa
Jun 28, 2026 186
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Abjuun keenya damee hundaan karoorfannee hojiirra oolchine hanga dhugoomutti cimnee hojjenna jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan Ministira muummee obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin; yaadni ashaaraa magariisaa yaadama irraa hanga hojiitti hiikuutti,Itiyoophiyaan kan itti mul’atte hojii biyyaalessaati jedhani. Kuusaa qaroomina gurguddaa kan taate Itiyoophiyaan dhaloonni ammaas aadaa abbootii isaa fageessaanii warra yaadan fudhachuun mirkaneessee jira jedhani. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaadama ashaaraa magariisaa gara qabatamaatti jijjiiruun nu’agarsiisaniiru jedhan. Wayita ammaa ashaaraan magariisaa aadaa ta’ee jira;ummanni xinnaaf guddaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Kaka’umsi ijoolleen Itiyoophiyaa waggootaaf milkaa’inaan hojiirra oolchaa turan kun, mallattoo jijjiiramaa ija addunyaa duratti biyya keenyaaf ulfina fidaa jiru ta’uu beeksisaniiru. Carraan waltajjiiwwan idil-addunyaa kan akka COP 32 keessummeessuunis bu’aa tattaaffii waloo keenyaa fi badhaasa ashaaraa biyyaalessaa keenyaati jedhan. Itiyoophiyaan dhugumatti hojii cimaa fi injifannoowwan ashaaraa magariisaa fi galmoota jijjiirama biroo keessatti mul’atan walitti qindeessuun guddachaa fi ifaa jirti jedhan. Ergaa isaanii keessattis, "Abjuun keenya kan damee hundaan karoorfannee hojiirra oolchine hanga galma ga'utti cimnee hojjenna" jedhan. Abdii haa dhaabnu jechuun hawaasni dammaqinaan akka hirmaatu ergaa dabarsaniiru.
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Jun 28, 2026 365
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera. Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru. Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala. Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru. Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u. Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.
Siyaasa
Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtee dabarse
Jun 26, 2026 2894
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee 57ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murteewwan dabarseera. 1. Manni marichaa jalqaba walii galteewwan deeggarsaa fi liqii sadii waldaa misoomaa addunyaa waliin mallatteeffamanirratti mari’ate. Kan jalqabaa imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hunda hammataa raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba afurii fi miiliyoona soddomii torbaa fi kuma dhibba afurii (437,400,000) irratti mari’ate. Kan lammataa sagantaa qabannaa lafaa hawaasa irratti xiyyeeffatee walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona afurtamii shanii fi kuma dhibba shanii (145,500,000) ti. Kan sadaffaa pirojektii oomishtummaa misooma jallisii fulla’aa jijjiirama haala qilleensaan hin miidhamne raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona 54 fi kuma dhibba jaha(54,600,000) ti. Manni marichaa wixinee labsii waliigalteewwan liqii sadanuu irratti mari’atee mana maree bakka bu’ootaaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 2. Itti aansuun manni marichaa wixinee dambiiwwanii dhaabbileen ministeera bishaanii fi inarjii, tajaajila galmee fi mana kitaabaa fi tajaajilli madaallii fi qormaata barnootaa tajaajiloota garagaraa kennaniif kaffaltiiwwan tajaajilaa kaffalaman murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Manni marichaas danbiiwwanirratti mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 3. Itti aansuun Manni marichaa wixinee labsii walii galtee miseensummaa Niwu develoopimanti baankii Itiyoophiyaa dhaabuuf dhihaaterratti mari’ate. Manni marichaas dhimmicharratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni marichaa itti aansuun wixinee imaammataa industirii konistiraakshinii irratti mari’ateera Manni marichaas bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa mana marichaaf raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2019 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 5. Xumurarrattis wixinee imaammataa misooma magaalaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana marichaan guyyaa itti raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessuusaa odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.
Aadaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti gara boqonnaa haaraatti ce'aa jira – Obbo Mallas Alamuu
Jun 25, 2026 2803
Waxabajjii 18/2018 (ENA)– Itiyoophiyaa keessatti dirree siyaasaa bal'isuudhaan ijaarsi sirna diimokiraasii gara boqonnaa haaraatti ce'aa jiraachuu isaa, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Mallas Alamuu ibsan. Filannoon waliigalaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an 42 fi lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman adeemsa sagalee kennuu keessatti kan hirmaatan filannoo seena-qabeessa ta'ee xumurameera. Gamtaan Afriikaa, IGAD, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii hedduun adeemsi filanichaa bilisa, haqa-qabeessaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaa ragaa ba'uun mirkaneessaniiru. Guyyaa filannoo sanas lammiileen ganama sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga halkan walakkaatti hiriiruun, ijaarsa sirna dimokiraasiitiif kutannoo qaban gochaan agarsiisaniiru. Obbo Mallas Alamuu ENA'f akka ibsanitti; filannoon waliigalaa 7ffaan filannoo paartilee fi imaammataa qofa osoo hin taane, filannoo sirnaati. Dhaabbileen dimokiraasii fi ummatni Itiyoophiyaa abbaa aangoo ta'uun bilisummaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaanii filannoo gochaan mirkaneessan ta'uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni fedhii diimokiraasii dhugaa qaban firaafis diinaafis kan itti agarsiisan ta'uu eeranii; filannoo duraatii hanga filannoo boodaatti qindoominni agarsiifame kan dinqisiifatamuu dha jedhaniiru. Filannichi dorgommii paartilee siyaasaa irra darbee, kabaja biyyaalessaa fi bilisummaan kan itti mul’ate waan ta'eef “ Itiyoophiyaan mo'atteetti" jedhaniiru. Barii jijiiramichaarraa eegalee riifoormiin siyaasaa bal'aan taasifame cunqursaa fi baqattummaa paartilee hambisuun, dirree dorgommii siyaasaa fayyaalessa ta'e akka uumamu taasisuu isaa ibsaniiru. Fooyya'iinsi seeraa fi imaammata filannoo waliigalaa 6ffaa fi 7ffaa keessatti hirmaannaa paartilee guddisuudhaan, ijaarsi aadaa diimokiraasii haaraa akka dhalatu gochuu isaa ibsaniiru. Kunis paartileen siyaasaa maddi aangoo sagalee ummata irraa kennamu ta'uu hubachuudhaan, ijaarsa aadaa dimokiraasii keessatti gahee ijaarsaa irraa eegamu akka ba'atan carraa uumuusaa ibsaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatillee paartileen siyaasaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun, ijaarsa aadaa dimokiraasiitiif qaamolee ashaaraa isaanii kaa’an galatteeffataniiru. Mootummaan jijjiiramaa dhimmoota faayidaa biyyaalessaa irratti dorgommii irra hojii gamtaatti xiyyeeffate diriirsuun , filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti paartileen dorgomtoota ta'an faayidaa biyyaalessaa irratti ejjennoo tokko akka qabaatan godheera jedhan. Kunis bu'aa dimokiraasii guddaa ta'uu isaa kaasuun; garaagarummaan akkuma eegametti ta'ee, paartilee gidduutti amanamummaa uumuun qaamolee Itiyoophiyaaan akka dadhabdu barbaadanii fi diinota seenaa akka qaaneffatan taasiseera jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa biyyaa ammayyaawaa fi amanamaa sodaawwan humnoota faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa faallessan hanqisuu danda'u ijaarameera – Jeneraal Alamisheet Daggifee
Jun 25, 2026 2097
Waxabajjii 18/2018 (ENA):– Humnoota faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa faallessan ittisuu kan danda'u raayyaan ittisa biyyaa ammayyaawaa fi amanamaan ijaarameera jedhan Gorsaan Waraanaa fi Hoogganaan dhukaasaa ajaja waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Alamisheet Daggifee hubachiisan. Koleejjiin ittisa biyyaa Itiyoophiyaa yaa’ii waggaa mata-duree "Hudhaalee Nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi kallattii furmaataa" jedhurratti marii gaggeessaa jira. Jeneraal Alamishat Daggifee wayita kana akka ibsanitti; Itiyoophiyaan kallattii misoomaa sirrii guddina hunda-galeessa saffisiisu irratti argamti. Humnoota finxaaleyyii fi shororkeessitoota guddina biyyattii gufachiisuu barbaadaniin, gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa fi uummata nageenya jaallatuun fashalaa'aa jiraachuu isaa ibsaniiru.
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa wixinee labsii fooyya'e sagalee guutuun raggaasise
Jun 25, 2026 2102
Waxabajjii 18/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 28ffaa gaggeesseen labsii bilisummaa odeeffannoo qorachuun raggaasiseera. Walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii obbo Iwunatuu Allanaa wayita yaada murtoo kana mana marichaaf dhiyeessan, labsichi gaazexeessitoonni kaffaltii tokko malee qaamolee garaagaraarraa odeeffannoo fudhachuun faayidaa uummataaf akka oolchan gargaara jedhan. Kanneen odeeffannoo gaafatan biroonis baasii sanadicha garagalchuuf barbaachisu qofaa uwwisuun odeeffannoo argachuu akka danda’an dubbataniiru. Adabbiin wixinee labsii Kanaan taa’e warreen seera yakkaan hin hammatamne qofa kan ilaallatu ta’uu kaasanii, adabbiiwwan biroon bu’uura seera yakkaan kan ilaalaman ta’uu himaniiru. Dhuma irrattis manni marichaa wixinee labsii kana labsii lakkoofsa 1427/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera. Gama biraan manni marichaa gabaasaafi yaada murtoo Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaa wixinee labsii Manneen Murtii Shari’aa Federaalaa ilaalchisee dhiyeesse qorachuun raggaasiseera. Walitti qabduun korichaa Itsagannat Mangistuu, wixineen labsii fooyya’e kun sirna haqaa Itiyoophiyaa fooyyessuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Wixineen labsii kun dhaddacha ijibbaataa Mana Murtii Shari’aa Federaalaa hundeessuuf, akkasumas waliin gahiinsa hojii manneen murtii babal’isuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru. Haaluma Kanaan wixineen labsichaa labsii lakkoofsa 18/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Waadaa Ummataaf Seenne gochaan raawwachuun dirqama seenaa keenya ni baana - Obbo Fiqaaduu Tasammaa
Jun 25, 2026 2041
Waxabajjii 18/2018 (ENA)-Paartiin Badhaadhinaa waadaa ummataaf seene gochaan raawwachuun dirqama seenaasaa gahumsa guutuun akka ba'u ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa wajjira muummee paartichaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsan. Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti lammiileen kan filatan nagaa, dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ta'uus dubbataniiru. Dhaabbileen Federaalaa Paartii Badhaadhinaa, hoggantoonni olanoon dhaabbilee federaalaa miseensa paartichaa ta'an bakka argamanitti waltajjii gabaasa xumuraa filannoo waliigalaa torbaffaa Finfinneetti gaggeessaa jiru. Waltajjicharratti Obbo Fiqaaduu Tasammaa haasaa taasisaniin; hoggantoonni dhaabbilee federaalaa milkaa'ina filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaaf gumaacha guddaa taasisuusanii ibsaniiru. Hoggantoonni kunniin filannicha qindeessuun, hordoffiin, falmiiwwan filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu fi dhaabbilee hawaasa siivilii waliin hidhata cimaa uumuun gumaacha olanaa gochuu isaanii dubbataniiru. Filannichi nagaa, haqaa fi bilisa ta'ee injifannoo Paartii Badhaadhinaatiin akka xumuramu gochuun dirqama seenaa ba'achuun akka danda'ames ibsaniiru. Milkaa'inni filannichaa Paartiin Badhaadhinaa caasaa cimaa qabaachuusaa qabatamaan kan itti mirkanaa'e ta'uusaa akka taatee seenaatti kaasaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaas filannicha milkaa'inaan hogganuun cimiina dhaabbilee dimookiraasii Itiyoophiyaa qabatamaan akka argisiise ibsaniiru. Paartileen siyaasaa miira dorgommii gaarii fi tumsaatiin socho'uun, dhaabbileen siivikii fi miidiyaaleen gabaasa madaalawaa dhiyeessuun milkaa'ina filannichaatiif qooda ijaarsaa ba'achuu isaanii eeraniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaas loogii malee bilisa ta'ee filannicha taajjabuun dirqama seenaa isaa ba'achuu isaa ibsaniiru. Ummannis guyyaa filannichaa barii subii kaasee hanga halkan walakkaatti obsaan sagalee kennuun isaa ijaarsa sirna dimookiraasiitiif kutannoo qabu gochaan akka mirkaneesse yaadachiisaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan lammiileen kan filatan nagaa, dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ta'uus hubachiisaniiru. Kanaanis Paartiin Badhaadhinaa filannoon dura waadaa uummataaf seene hojiin raawwachuun dirqama seenaasaa gahumsa guutuun akka ba'u mirkaneessaniiru. Hoggantoonni dhaabbilee federaalaas paartichi waadaa seene dandeettii guutuun raawwachuun fayyadamummaa hundagaleessa Itiyoophiyaa fi ummata isheetiif xiyyeeffannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru. See less
Faransaay Milkaa’ina filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsite
Jun 25, 2026 2115
Waxabajjii 18/2018 (ENA): Faransaay filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan xumuramuu isaatiin ergaa baga gammaddanii ergite. Bu'aan filannoo waliigalaa 7ffaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaan labsuu hordofuun Faransaay ergaa baga gammaddan jedhu ergitee jirti. Akkasumas, aangawoota Itiyoophiyaa fi qooda fudhattoota adeemsa filannoo milkeessuuf gumaacha taasisaniif beekamtii kan kennite yoo ta’u, paartilee siyaasaa, dhaabbilee hawaasa siivikii fi taajjabdoota adeemsa filannoo irratti hirmaatan galateeffatteetti. Hundaa ol Faransaay ergaa baga gammaddan jedhu ummata Itiyoophiyaa, kan milkaa’ina filannoo mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphateef ergiteetti. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Filannoon walii galaa ga’umsa keessummeessuu, gaggeessuu fi to’achuu dhaabbatichaa qabatamaan kan agarsiisedha
Jun 24, 2026 2859
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Filannoon walii galaa torbaffaan ga’umsa keessummeessuu, gaggeessuu fi to’achuu boordii filannoo biyyaalessaa qabatamaan kan agarsiise ta’uu hayyoonni ibsan. Adeemsi filannichaa karaa qaroomeen dorgommiin yaadaa kan ittiin mul’atee fi ijaarsa sirna demokiraasii Itiyoophiyaaf bu’ura gaarii kan buusedha jedhaniiru. Filannoon walii galaa waggaa shan-shaniin gaggeeffamu, ummanni abbaa aangoo ta’uusaa fi ijaarsa sirna demokiraasii mirkaneessuuf kan gaggeeffamu taatee biyyaalessaa isa guddaadha. Paartiin badhaadhinaa filannoo walii galaa torbaffaadhaan teessoo mana maree caalmaa argachuun mo’ateera. Paartileen siyaasaa morkattootaas paartii badhaadhinaa dorgommicha mo’ateef hawwii gaarii ibsanii, filannichi bilchinni siyaasaa akkasumas ummanni abbaa aangoo birmaduu ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa ibsaniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kutaa barnoota bulchiinsaa Dr. Fiqaaduu Tolasaa ENA’f akka ibsanitti, filannoon walii galaa torbaffaan seenaa biyya keenyaa keessatti filattoonni hedduun kan itti hirmaatan, dorgommiin siyaasaa bilisaa fi haqa qabeessi kan itti taasifame filannoo seena qabeessa ta’uusaa dubbataniiru. Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaas filannichi akka milkaa’u baay’ee kan hojjetee fi ga’umsaan gaggeessuusaa taajjabdoonnillee dhugaa ba’aniiruuf jedhaniiru. Akka walii galaatti qophiirraa eegalee filannoon dura, yeroo filannoo fi filannoon booda akkaataan boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa ittiin gaggeesse kan raajeffatamu ta’uu kaasaniiru. Filannoon walii galaa 7ffaan paartileen siyaasaa 42 kan itti dorgomanii fi filattoonni miiliyoona 54 caalan kan galmaa’an dirreen demokiraasii bal’atee kan itti mul’ate ta’uun ibsameera.
Afriikaa nagaa qabeettii fi badhaate ijaaruuf Itiyoophiyaa fi Burundiin waliin dhaabbatu – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 24, 2026 2521
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Afriikaa nagaa qabeettii fi badhaate ijaaruuf Itiyoophiyaa fi Burundiin waliin dhaabbatu jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Burundii Ivaristee Nidaayishimiyee maqa biyya isaanii fi Gamtaa Afriikaatiin ergaa baga gammaddanii dabarsuun isaanii miira jajjabina guddaa kan namatti horudha jedhan. Itiyoophiyaa fi Burundiin hariiroo obbolummaa gadi fagoo fi waadaa waloon Afriikaa badhaateefi ijaarsa nageenyaaf waliin dhaabbatu jedhaniiru. Michummaa biyyoota lamaaniitiif gatii guddaa akka kennan kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itiyoophiyaan tumsa fayyadamummaa ummatoota fi Afriikaa mirkaneessu kana daran cimsuuf qophii ta’uu eeraniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Beekumsi argannee fi bu'aan gaariin galmeessine biyya amanamummaan tajaajiluuf bu'uura dha- eebbifamtoota Yunivarsiitii Baahir Daar
Jun 28, 2026 279
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Eebbifamtoonni Yunivarsiitii Baahir Daar beekumsa barnoota isaaniitiin argatanii fi bu’aa gaariin galmeessan amanamummaadhaan biyya tajaajiluuf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiiticha irraa barnoota akkaawuntiingii fi faayinaansiin kan eebbifame Izraa Andu’aalam qabxii 4 galmeessisuun waancaa badhaafameera. Fedhii fi kutannoo cimaan ofii isaa, maatii isaa fi biyya isaa gargaaruuf kutannoo inni qabu akka milkaa’uuf bu’uura ta’uu himeera. Hojii barbaaduu caalaa beekumsa yeroo barnootaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa argate walitti dhufeenya hawaasummaa isaa waliin walitti qindeessuun hojii mataa ofii uumuuf qophaa’uu isaa ibseera. Kutaa Barnoota Manaajimantii keessaa 3.98 galmeessisuun badhaasicha kan injifatte Maahleet Maatabeen yeroo yunivarsiiticha keessa turtetti hojii cimaa hojjetteen milkaa'ina akka argatte dubbatteetti. Yeroo ishee ogummaadhaan fayyadamuu fi cimtee barachuun ishee milkaa'ina akka argattu ishee taasisuu dubbatteetti. Namoonni biroos seenaa milkaa'ina ishee akka hordofan gorsiteetti. Hojii barbaaduu dhiistee dandeettii kana guddifachuun hojii uummattee hojjechuuf karoorfachuu ishee dubbatteetti.
Damee ogummaa leenjifamneen biyya keenya ciminaan tajaajiluuf qophiidha- Eebbifamtoota qabxii olaanoo galmeessisan
Jun 28, 2026 162
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Eebbifamtoonni qabxii olaanoon eebbifaman Yunivarsiitii Amboo damee ogummaa isaaniitiin ciminaa biyya isaanii tajaajiluuf qophii ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Amboo kaleessa barattoota 930 damee barnootaa adda addaatiin digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan eebbiseera. Eebbifamtoonni qabxii olaanoo kuni ENA’f yaada kennan beekumsaa fi dandeettii waggoota darban keessatti horatan hojiitti hiikuuf qophaa’uu isaanii mirkaneessaniiru. Yuunivarsiiticha kutaa qoricha beeyladaatiin qabxii 3.95 fi meedaaliyaa argachuun kabajaan kan eebbifame Heenook Darajjee yeroo ofii sirnaan yoo fayyadaman, galma ifa ta’ee fi cimina yoo qabaaan kaayyoo ofii galmaan ga’uun rakkisaa hin ta’u jedheera. "Damee ogummaa ani jaalladhu irratti kabajaan eebbifamuu kootti baay'een gammada," kan jedhu Heenook , Guddina biyyaa saffisiisuun damee ogummaa isaatiin ciminaa fi walqixxummaan hawaasa tajaajiluuf qophii ta’uu ibseera. Kana malees, eebbifamtichi beekumsaa fi dandeettii yeroo yunivarsiiticha keessa turetti argate fayyadamuun, carraa hojii mataa isaa uumuun of jijjiiruuf qophii ta’uu ibseera. Gama biraatiin dameema barnootaa kanaan barattoota dubaraa dippaartimantii sana keessa jiran keessaa sadarkaa olaanaa 3.78’n eebbifamte Tsiggee Chubaaroo, waliin dubbisuu fi qo’achuun danda’uun bu’aa fooyya’aa akka argamsiise dubbatteetti. Qormaata hunda darbuu fi milkaa'uu danda'uu isheetiin gammachuu guddaa ishee qooddatteetti. Itti dabaluunis damee ogummaa isheetiin ciminaan hawaasa tajaajiluuf qophii guutuu ta’uu ibsiteetti. Gama biraatiin ammoo, beekumsa ogummaa yeroo yunivarsiiticha keessa ture keessatti argateen hojii mataa isaa uumuun ofii fi biyya isaa jijjiiruuf karoorfachuusaa Saayinsii Kompiitaraatiin kan eebbifame Lalisaa Milikeesaa dubbatera. Barattoonni biroo yeroo isaaniitti ogummaadhaan yoo itti fayyadaman bu’aa fi gammachuu akka qabaatan dubbateera.
Ogummaa wal’aansaatiin sadarkaadhaan kan eebbifamte Dr. Nabiilaa Shiifaa
Jun 27, 2026 1030
Doktar Nabiilaa Shifaa damee ogummaa wal’aansaatiin qabxii walii galaa 3 tuqaa 9 galmeessisuun har’a Yunivarsiitii Jimmaarraa sadarkaadhaan eebbifamteetti. Yunivarsiitiin Jimmaa barattoota kuma 2 fi dhibba 9 ol sagaltaalee garagaraatiin leenjise akkasumas digirii sadaffaan 100 fi sab ispeeshaalitiin kan leenjise 7 har’a eebbisiiseera. Doktar Nabiilaa Shiifaa furtuu milkaa’inshee yoo ibsitu yeroosheetti sirnaan gargaaramuun, cimtee barumsashee hordofuunshee kabaja har’aa Kanaan akka ishee ga’e kaaftee, namni kamiyyuu cimee hojjennaan milkaa’uu ni danda’a jetteetti. Milkaa’ina ishee duuba deeggarsii fi hordoffiin maatii ishee baay'ee cimaa akka ture ibsuun, gara fuulduraattis sadarkaa fooyya'aa irra gahuun biyyaa fi ummataa kan boonsitu ta'uuf akka hojjettu dubbatteetti. Eebbifamtuun kun waan baratte gara hojiitti jijjiiruun biyya ishee amanamummaadhan tajaajiluuf akka dhimmitu waadaa galteetti. Qabxii 3tuqaa 73 fiduun eebbifamaan badhaasa ol-aanaa Yunivarsiitichaa kan biraa Amaanu’eel Nabii gama isaatiin, namni hunduu jabaatee yoo hojjete galma isaa ni dhugoomsa jedha. Yeroo Yunivarsiitii turetti beekumsa argachuusaa kan dubbatu Amaanu’eel, maatii fi barsiisota isaa galateeffateera. Eebbifamaan har'aa kan biraa Daani'eel Ifaa damee barnoota Seeraatiin qabxii 3 tuqa 75n galmeessuun eebbifameera. Ogummaa barateen biyyasaa amanamummaadhaan tajaajiluuf akka dhimmu ibseera. Sagantaa eebbaa kana irratti Hoogganaan Waajjira Muummee Ministeeraa, Ministeerri Dhimmoota Kaabiinee fi Walitti Qabaan Boordii Bulchiinsa Yunivarsiitii Jimmaa Aadde Alamtsahaay Phaawulos "Barattoonni har'a eebbifamtan qabeenya qaqqaalii biyya keenyaati" jedhaniiru. Eebbifamtoonni beekumsa yeroo Yunivarsiitii keessatti argatanitti fayyadamuun Itiyoophiyaa ijaaruu fi badhoomsuu, akkasumas guddina iseetiif qaama furmaataa ta'uu akka qaban hubachiisaniiru.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota ogummaa gara garaatiin barsiisaa ture kuma 1 ol eebbisiise
Jun 27, 2026 440
Waxabajjii 20/2018 (ENA) - Yunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota ogummaa gara garaatiin barsiisaa ture kuma 1 fi 089 har'a eebbisiisee jira. Sirna eebbaa Yunivarsiitii Madda Walaabuu har'a gaggeeffame irratti barattoota barattoonni 1 fi 089 eebbifaman keessaa, barataa Tolchaa Kabbadaa ogummaa Narsiingiitiin qabxii guutuu (4.00) fiduun xiyyeeffannoo nama hundaa ta'uun badhaasa Waancaa fi Meedaaliyaa Warqee argateera. Barattoonni barattoota damee barnoota gara garaatiin digrii jalqabaa fi lammaffaan leenjisaa ture kuma 1 fi 089 har'a eebbisiiseera. Barattoota eebbifaman keessaa 325 dubartoota ta'uu sirna eebbaarratti ibsameera. Ogummaa Neersingiitiin kan eebbifame Tolchaan, jireenya Yunivarsiitii keessatti koorsiiwwan fudhate 39 keessaa 25 'A+', warra hafan immoo 'A' fiduun qabxii waligalaa (CGPA) 4.00 galmeessisuu danda'eera. Qabxiin kunis Yunivarsiitichatti barataa qabxii olaanaa fiduun badhaasa meedaaliyaa warqee fi waancaa akka argatu isa taasisera. Tolchaan Godina Baalee Aanaa Gaasaraatti dhalatee kan guddate yoo ta'u, barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaas qabxii olaanaadhan xumuruu isaa dubbateera. Milkaa'ina isaatiif bu'urri qisaasama yeroo dhabuu, carraaqqii walitti fufiinsaa fi jabaatanii hojjechuudha kan jedhu Tolchaan: "Gargaarsi haatii fi abbaan isaa, akkasumas deeggarsi barsiisotni isaa taasisaniif bu'aa kanaaf gumaacha guddaa isaaf gochuu dubbateera. Gara fuulduraattis ogummaa fayyaa baradheen biyya koo hafuura garaalafummaa fi amanamummaatin tajaajiluuf qophiidha." Jechuun Barataa Tolchaa Kabbadaa kan dubbate. Pireezidantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Birhaanamasqal Xannaa sirnicha irratti akka dubbatanitti, bu'aan Tolchaa fi barattoonni biroo galmeessan dargaggoota biroof fakkeenya kutannoo fi jabinna kaayyooti jedhaniiru. Guyyaan kunis "abjuun gara dhugaatti jijjiirame, imimmaan maatii gara gammachuutti kan geddarame fi dadhabbiin barsiisotaa firii itti godhate dha" jedhan. "Digiriin harʼa fudhattan galata dhumaa osoo hin taane, amanaa (dirqama) hawaasaa ti. Addunyaniis har'a ragaa barumsaa qofa osoo hin taane, dandeettii furmaata fiduu, amanamummaa, uumama dandeettii haaraa, garaalafummaa fi hafuura tajaajiltummaa isin irraa eegdi." jedhan Dr. Birhaanamaasqal Xanaa ergaa isaaniitiin. Pireezidantichi keessattuu eebbifamtoota ogummaa fayyaaf yommuu dubbatan, lubbuun namaa amanaa harka isaanii irra jiru ta'uu erga yaadachisanii booda, teeknoolojii fi (AI) addunyaa jijjiiraa jiraatanis, garaalafummaa namaa fi qalbii qulqulluu bakka bu'uu akka hin buune beekuun miira saniin socho'uu akka qaban himan. “Jechi gaariin qorichaan dura nama fayyisa" jedhuun, dhukkubsattoota garaalafummaa fi jecha jajjabeessuun tajaajiluun abdii isaanii akka haaromsan gorsaniiru. Eebbifamtoonni ogummaa fayyaa fi seeraa kakuu dhalootaa kan raawwatan yoo ta'u, hundi isaaniiyyuu ogummaa barataniin biyya isaanii tajaajiluuf waadaa galaniiru. Yunivarsiitiin Madda Walaabuu eebba har'aa dabalatee, hanga ammaatti barattoota kuma 48 ol ta'an ogummaa adda addaan leenjisee biyyaaf gumaachuu isaa beekameera.
Diinagdee
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa tajaajila fe’umsaa filatamaa Afrikaa injifate
Jun 28, 2026 232
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa kaargoo, loojistikii fi dhiyeessii Eeshiyaa bara 2026 irratti Tajaajilli Kaargoo fi Loojistikii Itiyoophiyaa badhaasa kana injifateera. Kaargoo Fe’umsa Qilleensaa Afrikaa keessaa isa gaarii jedhamuun badhaafameera. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaa sadarkaa addunyaatti, walta’iinsa tarsiimoo fi furmaata loojistikii kalaqaan walitti dhufeenya loojistikii fi daldalaa addunyaa isaa cimsaa jiraachuu ibseera. Daandiin xiyyaaraa kun badhaasa fe’umsaa kana kan injifate qooda fudhattoota indaastirichaa fi maamiltoota irraa sagalee caalmaa arachuun hordofee akka ta’e ibseera. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa michoota isaa, maamiltoota isaa fi hojjettoota isaa bu’aa kana dhugoomsaniif galateeffateera.
Naannoo Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 2.4 oliif carraan hojii uumame
Jun 28, 2026 162
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana keessatti hojiiwwan misoomaa fi invastimantii hojjetamaniin lammiilee miiliyoona 2.4 ol ta’aniif carraan hojii bal’aan uumameera jedhame. Biirichi mata duree "Ce'umsa Intarpiraayizootaa Olka'iinsa Biyyaaf"jedhuun, marsaa 16ffaaf Intarpiraayizoota ulaagaa ce'umsaa guutan kuma 1fi195 gara guddattuu gidduugaleessaatti (Invastimantiitti) ceesiseera. Intarpiraayizonni kunneen warreen kaappitaala waliigalaa Birrii biiliyoona 3.779 galmeessisan ta'uun himameera. Akka Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Misooma Magaalaa Naannoo Oromiyaa obbo Abdulqaadir Huseen waltajjii kana irratti hirmaatan ibsanitti, intarpiraayizoonni deeggarsa roga hedduu qabuu fi paakeejii mijataa mootummaan kennu sirnaan hojiirra oolchuun sadarkaa milkaa’inaafi ce’umsaa kanarra ga’aniiru jedhani. Mootummaan naannichaa hiyyummaa hir’isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuuf, rakkoo hoji dhabdummaa itti fufiinsaan furuuf ciminaan hojjechaa akka jirus ibsaniiru. Intarpiraayizoonni gara invastimantiitti ce’an bu’aa guddaa galmeessisuuf dameewwan invastimantii irratti bobba’an irratti cimanii hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Hoogganaan Biirichaa Injinar Eebbaa Garbaa wayita kana, intarpiraayizoonni guddina biyyattii keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uu ibsaniiru. Mootummaan kanaan dura rakkoowwan invastimantiirratti mudachaa turan hiikuun invastaroota hedduu horachuuf haala mijataa uumuu kaasaniiru. Bara bajataa kana keessa lammiileen naannichaa kuma 200 ol biyya alaatti hojii argachuu akka danda’an ibsaniiru. Lammiilee hojiitti seenaniif bakki hojii, manneen daldalaa fi wiirtuun akka kennamu kan ibsan Injinar Eebbaan, hiyyummaa hir’isuu keessatti hojiin barbaachisaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Hoji dhabdummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa magaalichatti hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Dr. Maatiyaas Sabbooqaa ibsaniiru. Adaamaa keessatti lammiileen kumaatamaan lakkaawaman dameewwan industirii Goojjoon, qonna magaalaa keessattuu horsiisa lukkuu, horsiisa saawwan aannaniifi damee midhaaniitiin hojii argachuu danda’uu ibsaniiru.
Nageenya daangaa fi buufata xiyyaaraa ammayyeessuun faayidaa ji’oo-tarsiimoo Itiyoophiyaa eeguuf dhimma murteessaadha – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
Jun 28, 2026 173
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Nageenya daangaa fi buufata xiyyaaraa ammayyeessuun faayidaa ji’oo-tarsiimoo Itiyoophiyaa eeguuf dhimma murteessaa ta’uu Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Koree Sagantaa Jijjiirama Bulchiinsa Buufata Xiyyaaraa fi Bulchiinsa Daangaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen himaniiru. Waltajjiin mariifi galtee walitti qabuu Sagantaa Eerpoortiifi Ce’umsa Bulchiinsa Daangaa gaggeeffamaa jira. Daayrektarri Olaanaan Tajaajilichaafi Walitti qabaan Koree Olaanaa Sagantichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana, sagantichi yaaddoowwan nageenyaa akka biyyaatti mudatan odeeffannoon deeggaruun dursanii beekuufi ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan. Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa taasisuufi yaa’iiwwan idil-addunyaa gara fuulduraatti keessummeessitu milkaa’inaan hogganuuf akka gargaarus eeraniiru. Saganticha milkaa’inaan hojiirra oolchuuf koree olaanaan qindeessitoota biyyaalessaafi koreewwan teekinikaa dhaabbilee 10 irraa walitti babba’an hammate hundaa’ee gara hojiitti galuu kaasaniiru. Milkaa’ina isaafis sanadani tarsiimawaan muuxannoo biyyoota garaagaraarraa qindaa’e qophaa’uun hojiirra ooluu dubbataniiru. Walitti bu’iinsotaafi yakkoota daangaa ce’oo dursanii ittisuuf sagantichi faayidaa olaanaa qabaachuufi hojiin nageenyaa dandeettii Itiyoophiyaan sadarkaa ardiittiifi naannawaatti qabdu giddugaleeffate hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojmaanni isaas teeknooloojiiwwan mandhaleen bal’inaan akka misooman gochuun birmadummaa saayibarii biyyattiifi faayidaalee biyyaalessaa karaa guutuu ta’een kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni dhaabbilee federaalaa, Pireezidaantonni naannolee, kantiibonni magaalotaafi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamaniiru.
Damee magaalaa fi bu’ura misoomaatiin hojiileen fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessan raawwatamaniiru
Jun 27, 2026 1412
Waxabajjii 20/2018 (ENA)- Bara bajatichaatti damee magaalaa fi bu’ura misoomaatiin hojiileen fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessan raawwatamuusaanii ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan. Ministeerichi gamaaggama raawwii hojii bara 2018 magaalaa Arbaa Miincitti eegaleera. Mootummaan guddinaa fi babal’ina magaalotaaf akkasumas jireenyi lammiilee akka milkaa’u hojjechaa waan jiruuf, barri kun bara bayyanachuu magaalaati jedhan ministirri Caaltuu Saanii. Bara bajataa kana dandeettii raawwachiisuu dhaabbilee, itti fayyadama qabeenyaa fi kenniinsa tajaajilaatiin fooyyessi bal’inaan taasifamuu ibsaniiru. Magaalota fakkeenya badhaadhinaa gochuun kan danda’ame yoo ta’u, aadaa hojii keenya jijjiiruudhaan dandeettii dorgommii guddisuun danda’ameera jedhan. Kanaan ala fayyadama hawaasummaa fi dinagdee lammiilee keenya magaalaa sadarkaa jireenyaa gadi aanaarra jiranii mirkaneessuu danda’an hojjetamuusaanii ibsanii, damee misooma manaatiinis jijjiiramni guddaan argamaa jira jedhaniiru. Fuulduras magaalonni rakkoolee hiyyummaa, quucaruu, hojii dhabdummaa fi bulchiinsa gaarii jalaa bahanii, imalli badhaadhinaa eegalame akka si’atu xiyyeeffannoon akka hojjetu eeraniiru. Kantiibaan magaalaa Arbaa Minci Dr. Masfin Manzaa gamasaaniin, magaalattiin qabeenya qabdu irratti hundaa’uun guddachuuf fagootti aggaammattee carraaqaa akka jirtu ibsaniiru. Keessumaa turizimii wiirtuu ga’oomaa gochuun misoomni hedduun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, misoomni kooriidaraas dandeettii dorgommii fi miidhagina caalaatti saaqee agarsiisaa akka jiru eeraniiru. Hoggantoonni olaanoon ministeerichaa, hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo akkasumas dhaabbilee itti waamamtootaa waltajjii gamaaggama raawwii hojii kanaratti hirmaachaa jiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 1930
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti
Jun 23, 2026 1410
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru. Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 3226
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Jun 20, 2026 2193
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru. Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru. Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.
Ispoortii
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Jun 28, 2026 365
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera. Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru. Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala. Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru. Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u. Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 4574
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 3210
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 2838
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hanga abjuun keenya dhugoomutti cimnee hojjenna - Itti aanaa ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa
Jun 28, 2026 186
Waxabajjii 21/2018 (ENA): Abjuun keenya damee hundaan karoorfannee hojiirra oolchine hanga dhugoomutti cimnee hojjenna jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan Ministira muummee obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin; yaadni ashaaraa magariisaa yaadama irraa hanga hojiitti hiikuutti,Itiyoophiyaan kan itti mul’atte hojii biyyaalessaati jedhani. Kuusaa qaroomina gurguddaa kan taate Itiyoophiyaan dhaloonni ammaas aadaa abbootii isaa fageessaanii warra yaadan fudhachuun mirkaneessee jira jedhani. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaadama ashaaraa magariisaa gara qabatamaatti jijjiiruun nu’agarsiisaniiru jedhan. Wayita ammaa ashaaraan magariisaa aadaa ta’ee jira;ummanni xinnaaf guddaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Kaka’umsi ijoolleen Itiyoophiyaa waggootaaf milkaa’inaan hojiirra oolchaa turan kun, mallattoo jijjiiramaa ija addunyaa duratti biyya keenyaaf ulfina fidaa jiru ta’uu beeksisaniiru. Carraan waltajjiiwwan idil-addunyaa kan akka COP 32 keessummeessuunis bu’aa tattaaffii waloo keenyaa fi badhaasa ashaaraa biyyaalessaa keenyaati jedhan. Itiyoophiyaan dhugumatti hojii cimaa fi injifannoowwan ashaaraa magariisaa fi galmoota jijjiirama biroo keessatti mul’atan walitti qindeessuun guddachaa fi ifaa jirti jedhan. Ergaa isaanii keessattis, "Abjuun keenya kan damee hundaan karoorfannee hojiirra oolchine hanga galma ga'utti cimnee hojjenna" jedhan. Abdii haa dhaabnu jechuun hawaasni dammaqinaan akka hirmaatu ergaa dabarsaniiru.
Biqiltoota Ashaaraa Magariisaatiin dhaabneef kunuunsa fulla’aa ni taasifna - jiraattota Naannoo Hararii
Jun 26, 2026 1059
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Hirmaattonni sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Naannoo Hararii, biqiltuu dhaabbuu bira darbee kunuunsa fulla’aa taasisuuf kutannoosaanii ibsan. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa sadarkaa biyyaalessaatti kaka’umsa olaanaa fi hirmaannaa ummataatiin raawwatamaa jiru irratti dammaqinaan hirmaachaa kan jiran jiraattonni Naannoo Hararii, xiyyeeffannaan isaanii ijoon biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taane, kunuunsuu irrattis ta’uu eeraniiru. Hirmaattota duula kanaa keessaa yaada isaanii ENA’f kan kennite Faayoo Muktaar, Ashaaraan Magariisaa naannoo keenyaatti magariisa akka arginuu fi qilleensa qulqulluu akka argannu nu dandeessiseera jetteetti. Biqiltuu dhaabanii kunuunsuu dhiisuun akka daa’ima da’uun utuu hin guddisin dhiisuuti, jechuun hojii biqiltoota dhaabaman kunuunsuu cimsuun dubbatteetti. Ooriit Abdii gama isheetiin, hojiin misooma Ashaaraa Magariisaa gannaa raawwatamaa jiru Harar magariisaa uffisuun miidhaginni ishee akka dabalu taasiseera jetteetti. Biqiltoota Ashaaraa Magariisaatiin dhaabaman kunuunsuu hojii karoora irratti hundaa’een raawwachuuf qophaa’uu isaaniis ibsiteetti. Koolleejjii Qonnaa Yunivarsiitii Haramayaatti Qindeessaa Pirojektii Misooma Sulula Haroo Haramayaa fi Barsiisaa Itti Fayyadama Qabeenya Umamaa kan ta’an Diinee Rashiid akka jedhanitti hojiin dhaabbii biqiltuu sululoota irratti Ashaaraa Magariisaatiin hojjetamaa jiru dhiqama biyyee ittisuun bishaan gara keessa lafaatti akka seenu gochaa jira jedhaniiru. Kanaanis Haroon Haramayaa waggoota dheeraaf gogee ture akka deebi’u gochuun bu’aa sochii hojii Ashaaraa Magariisaa ta’uu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana ummanni Ashaaraa Magariisaa irratti tokkummaan hirmaachuun naannoo isaa jijjiiraa jiraachuu isaas dabalaanii ibsaniiru. Dargaggoon Rastam Umar gama isaatiin, hojiin dhaabbii biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin hojjetamaa jiru biyya bira dabree biyyoota ollaatiifis akka geenyu kan nu dandeessisedha jedheera. Naannoo Harariitti sagantaan Ashaaraa Magariisaa gannaa kan bara kanaa kaleessa Pirezidaantii Naannichaa Oordiin Badrii bakka argamanitti eegaluunsaa ni yaadatama.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaloota egereef biyya magariisaa fi mijataa ta'e dhaalchisuuf hojii agarsiiftuu guddaadha – Pireesidaanti Ordiin Badrii
Jun 25, 2026 1129
Waxabajjii 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaloota egereef biyya magariisaa fi mijataa ta'e dhaalchisuuf hojii agarsiiftuu guddaadha jedhan pireesidaantiin mootummaa naannoo Hararii Ordiin Badrii. Naannoo Harariitti sagantaan dhaabbii biqiltuu bara kanaa Pirojektii Inishiyeetiivii Gaara Hakiim irratti eegalameera. Sagantaan ashaaraa Magariisaa sochii biyyaalessaa guddaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf, uwwisa bosonaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf akka biyyaatti hojiirra oolaa jirudha. Naannoon Harariis waamicha biyyaalessaa kanaaf deebii kennuun waggaa waggaan biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa'aman kaayyoo adda addaatiif oolan dhaabaa tureera. Sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa naannichaa har’a eegale sochii bal’aa hawaasa naannichaa keessattuu eegumsa naannoo, miidhagina magaalaa fi hojiiwwan misoomaa irratti hirmaachisudha. Sagantaa jalqabsiisa kana irratti itti pireesidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii, itti aantuu pireesidaantii bulchiinsa naannichaa aadde Roozaa Umar, af-yaa’ii mana maree naannichaa, Sulxaan Abdusalaam, itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee naannoo Hararii, Geetuu Wayyeessaa fi hoggantoonni biroo argamaniiru. Akkasumas qondaaltonni olaanoo Ajaja Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, hojjettoonni waajjira seektaraa, abbootiin amantaa, maanguddoonni, qonnaan bultootaa fi miseensonni hawaasaa biroo argamaniiru. Pireesidaanti Ordiin Badrii saganticha irratti argamanii ergaa dabarsaniin, Sagantaan ashaaraa magariisaa kun jireenya dhaloota boruutiif haala mijataa uuma jedhan. Gocha fakkeenyaa ta’ee galma biyyaalessaa tumsaan galma ga’uu akka danda’u kan agarsiisu ta’uus dubbataniiru. Erga Sagantaan ashaaraa magariisaa naannichatti eegalamee as uwwisa bosona naannichatti dabaluu qofa osoo hin taane dhiqama biyyee ittisuu fi wabii nyaataa mirkaneesseera jedhan. Naannoo gara lafa lalisaatti jijjiiruun dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuun fayyadamummaa cimsuus hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan bara kana dhaabaman hunda kunuunsaa fi eegumsa argachuu akka qaban dubbataniiru. Itti Aantuun pireesidaantii naannichaa fi Hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa Aadde Roozaa Umar akka himanitti, Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin naannichatti lafa heektaara kuma sagal irratti biqiltuu miiliyoona 1.7 dhaabuuf ni hojjetama jedhan. Duula kanaan biqiltuuwwan baadiyyaa fi magaalota naannichaa keessatti dhaabaman keessaa dhibbeentaan 70 biqiltuu kuduraa fi muduraa hojii wabii nyaataa mirkaneessuuf eegalame cimsu; kanneen hafan immoo biqiltuu nyaata beeyladootaaf oolaniifi bosonaati jedhani. Biqiloonni kanaan dura dhaabaman qonnaan bultoota hirkatummaa roobaa jalaa baasuun oomishaa fi omishtummaan akka dabalu taasiseera jedhani. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 ashaaraa magariisaan ni dhaabamu
Jun 24, 2026 1153
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbiif qophaa’uu biiroon misooma qonnaa naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaaa sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf qophiin ga’aan taasifamuu beeksiseera. Biiroo misooma qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’an keessaa dhibbantaa 70 kan ta’an kuduraa fi muduraa ta’uusaanii eeraniiru. Kan hafan bosonaa fi nyaata looniif kan oolan ta’uu kaasaniiru. Haala Kanaan naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 qophaa’aniiru jedhaniiru. Naannichatti sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa boru Waxabajjii 18 bara 2018 ifatti akka eegalamu eeraniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 8339
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 11819
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.