Jalqabaa - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuuf fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu himame
Mar 25, 2023 14
Bitootessa 16/2015(TO)- Qaawwaa Diinagdee Gooroo Itoophiyaa dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa daran guddisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan. Guddina diinagdee Itoophiyaa itti fufsiisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee haaraan waan barbaachiseef fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaa taasisuuf qophiin xumuramuu TOI’tti himaniiru. Fooyya’iinsi diinagdee kun hojii deebisanii dhaabuu saffisiisuufi qaawwaa diinagdee gooroo dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Sababoota keessoofi alaan dhiibbaa diinagdeerratti uumame hir’isuuf kan gargaaru ta’uus addeessaniiru.
IGAD Oromiyaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miliyoona 4.2 taasise.
Mar 25, 2023 17
Bitootessa 16/2015(TOI) - IGAD naannoo Oromiyaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miliyoona 4.2 taasisa. Barreessaan olaanaa IGAD Doktar Warqenaa Gabayyoo deeggarsa kana pirezidaantii naannichaa obbo Shimallis Abdiisaatti dabarsanii kennaniiru. Sababa jijjirama qillensaan hongeen Somaaliyaa, Keeniyaa fi Itoophiyaatti uumamuu ibsaniiru. Dhaabbatichis bakkeewwan hongeen lammileen miidhaman kanatti deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Mootummaan federaalaa rakkoo uumame kanaaf deebii kennuuf mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta'uun hojjechaa jira jedhaniiru. Barreessaan olaanaa IGAD balaa gogiinsa mudateef deebii kennuuf deeggarsa mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiran dinqisiifatanii, IGAD namoota hongee kanaan miidhaman deeggaruu kan itti fufu ta'uu himaniiru. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin deeggarsa IGAD lammilee miidhamaniif taasisan galateeffataniiru. Rakkoo kana karaa itti fufiinsa qabuun furuuf IGAD deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Mootummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin ta’uun ummata hongee kanaan miidhameef deeggarsa maallaqaafi meeshaa taasisaa akka jiru hubachiisaniiru.
Ummanni Guraagee rakkoolee jiran mariin kan hiiku ummata nagaa jaallatudha
Mar 25, 2023 21
Bitootessa 16/2015(TOI) - Ummanni Guraagee rakkoolee ka’an hirmaannaa ijaarsaaf fayyaduuniifi mariin kan hiiku ummata nagaa jaallatudha jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad. Marii guyyaa har’aa taasisaniinis yaaddoleefi abdii qaban kaasuusaanii dhagahuutti gammaduu ibsaniiru. Rakkoolee sadarkaa sadarkaan furamuu danda’an furuuf nihojjenna jedhaniiru.
Torbeen Boondii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Biyyaalessaa Har’a Magaalaa Asoosaatti Jalqabame
Mar 25, 2023 17
Bitootessa 16/2015 (TOI) – Waggaa 12ffaa dhakaan bu’uraa hidha haaromsaa Guddichaa Iiyoophiyaa itti kaa’ame sababeeffachuun torbeen Boondii hidha haaromsaa naannoo Beeniishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti har’a jalqabameera. Torbeen Boondii kun waajjirri qindeessaa pirojektii hidhichaa waggaa 12ffaa hidha haaromsaa ilaalchisuun galii walitti qabuuf qopheessee fi taateewwan biroo keessaa isa tokko ta’uun ibsamrrea. Daarektarri olaanaa waajjira pirojektii qindeessaa ummataa biyyaalessaa hidha haaromsaa guddichaa doktar Aragaawii Barihee wayita kana akka jedhanitti “hidhi haaromsaa guuddichi Itiyoophiyaa akkuma injifannoo Aduwaa tokkummaan Itiyoophiyaa olaanaan kan keessatti mul’atedha” jedhaniiru. Kun ammoo Itiyoophiyaan liqii fi gargaarsa alaarraa baatee abbaa dinagdee bilisaa akka taatu gochuuf yaalii taasiftuuf abdii qabatamaa kan kenne ta’uu ibsaniiru. Abdii kana itti fufsiisuun tokkummaa cimsuun dhiibbaa biyya alaa hidha haaromsaa kanarra gahaa jiru dhaabsisuun akka barbaachisu dubbataniiru. “Pirojekticha dhugoomsuuf qindoomina mootummaa fi ummataa kan addunyaa raajeffachiise Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf ooluu qaba” jedhaniiru doktar Aragaawiin. Hawaasni hojiiwwan eegumsa naannoo sulula abbaayirratti adeemsifamu irratti akkasumas deeggarsa maallaqaa fi bittaa boondiin taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru. Torbeen boondii biyyaalessaa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa baatii tokkoof tura. Daarektarri olaanaa waajjira mana maree qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha haaromsaa Beniishaangul Gumuz obbo Giraany Guddataa gamasaaniin bara 2013 irraa kaasee naannichatti hidha kanaaf galiin birriin miiliyoona 100 ol sassaabameera jedhan. Hidhicha xumuruuf hawaasni deeggarsa taasisu akka cimsus gaafataniiru. Hooggantoonni olaanoo naannichaa , ittigaafatamtoonni sadarkaa addaddaarra jiran fi jiraattonni sagantaa kanarratti hirmaachaa jiru. Torbeen boondii kun baatii tokkoof kan turu yemmuu ta’u birrii miiliyoona 100 sassaabuuf karoorfamuusaa odeeffannoon waajjira qindeessaa ijaarsa hidha haaromsaa guddichaarra argame nimul’isa.
Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse
Mar 25, 2023 20
Bitootessa 16/2015 (TOI) - Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Hojiirra Oolmaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dura taa’aa olaanaa Inistiitiyuutii Toonii Bileer Sre Toonii Bileer waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Mariin kun gamtoomina dhaabbilee lamaan jidduu jiruu fi dhimmoota fuuladura hojjechuuf karoorfame irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Inistiitiyuutiin Toonii Bileer tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa2025(Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa) yeroo qophiirraa kaasee amma raawwachiisuutti teekniikaan(ogeessa), hojiirra oolmaa I-sarviisii qorachuun, dandeettii raawwachiisummaa akkasumas deeggarsa gurmaa’insaa fi adeemsa hojii fooyyessuuf dandeessisutaasisaa turuun ibsameera. Inistiitiyuutichi bu’ura misoomaa dijitaalaa ilaalchisuun jiddugaleessa deetaa, qaqqabiinsa Intarneetiin, kilaawudii fi teeknooloojiiwwan haaraarratti deeggarsa fuuladuraaf taasisurratti mariin taasifamuu beekameera. Gama biraatiin daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa obbo Yoodaahee zemikaa’el Ser Toonii Bileeriif waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Daarektarichi deeggarsa tajaajilasaaf kennuu fi rakkoowwan misooma bu’uraan walqabatan irrattis ibsa taasisaniiru. Abbaa umurii waggaa 69 ministirri muummee Ingiliz duraanii Toonii Bileer akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1997 amma 2007tti ministira muummee ta’uun tajaajilaniiru.
Siyaasa

Yunivarsiitii Kolleejiin Ittisaa Barattoota Dameewwan Addaddaan Leenjise Ebbisiisaa Jira
Mar 25, 2023 15
Bitootessa 16/2015 (TOI) - Yunivarsiitii Kolleejiin Ittisaa Barattoota Dameewwan Addaddaan Leenjise Ebbisiisaa Jira. Qondaaltonni olaanoo, Attaasheewwan loltuu biyoota addaddaa, barattoonni eebbifamtoonni sirna eebbaa kolleejii Injiinariingii Bishooftuutti adeemsifamaa jirurratti argamaniiru. Barattoonni har’a eebbifamaa jiran barnoota maandisummaa fi fayyaatiin digirii tokkoffaa fi lammaffaan barnootasaanii hordofanidha. Kolleejichi sadarkaa Yunivarsiitiitti erga hundeeffamee waggaa 25 guuteera. Kolleejichi barattoota Itiyoophiyaatiin alatti barattoota Sudaan Kibbaa, Sudaan fi Ruwaandaarraa dufan leenjisee eebbisiiseera.
Doktar Abiy Ahimad godina Guraagee galanv
Mar 25, 2023 19
Bitootessa 16/2015(TOI)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad godina Guraagee galaniiru. Doktar Abiy Ahimadiifi hoggantoonni olaanoon mootummaa hawaasa godinichaa waliin mari’achuuf godina Guraagee galuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
Hoggantoonni Olaanoo Dhaabbilee Federaalaa Dhimmoota Wayitaawaa Nagaa, Nageenya Biyyaa fi Misoomaarratti Mari’achaa Jiru
Mar 24, 2023 35
Bitootessa 15/2015 (TOI) - Hoggantoonni Olaanoo Dhaabbilee Federaalaa Dhimmoota Wayitaawaa Nagaa, Nageenya Biyyaa fi Misoomaarratti Marii Taasisan Har’a Jalqabaniiru. Waltajjiin marii kun mata duree”dandeettii dhaabbatummaa ijaaruun milkiiwwan keenya nicimsina” jedhuun kan adeemsifamu yoo ta’u, milkiiwwan akka biyyaatti arganne cimsinee itti fufuuf akkasumas rakkoolee mul’ataniif furmaata kennuuf kallattiin nikaa’ama jedhameetu eegama. Tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuun yaada sabdaneessummaan gaggeeffamuun qormaatilee mudatan birmannaan hiikuuf badhaadhina Itiyoophiyaa hundagaleessa dhugoomsuuf cimanii hojjechuun akka barbaachisu eerameera. Waltajjichi hooggansi injifannoowwan cimsuun fi qormaata cehuuf ergama seenaa fudhatee hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa hundagaleessa ashaaraa irraa barbaadamu akka kaa’u akkasumas tokkummaa keessoo cimsuun qormaata injifannoon cehuuf dandeettii kan itti gabbifatu nita’a. Waltajjii guyyoota walitti aanan sadiif adeemsifamu kanarratti sanadoonni addaddaa dhihaatanii mariin kan taasifamu tahuu odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.
Naannoon Oromiyaa hojiiwwan gaaffiiwwan hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan hojjechaa jira
Mar 24, 2023 45
Bitootessa 15/2015 (TOI) - Naannoon Oromiyaa hojiiwwan gaaffiiwwan hawaasummaa fi dinagdee ummataa deebisan hojjechaa akka jiru Ittiaanaan Pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Qophiin qonna gannaa bara 2015/16 akkasumas sosochiin waltajjii jalqabsiisa ijaarsa mana jireenyaa qonnaan bultoota naannichaa magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa jira. Ittiaanaa pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii wayita kana akka ibsanitti, hojiiwwan jireenya ummata naannichaa fooyyessuu danda’anirratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Qonnaan bulaan mana ammayyaa akka qabaatuu fi tajaajila liqii baankiirraa argatee mana jireenyaa ammayyaa akka qabaatu nibarbaachisa jedhaniiru. Waltajjii sosochii har’a jalqabamee kanaan manneen baadiyyaa ammayyaa kuma 100 ijaaruuf karoorfamuu dubbataniiru. Manneen ammayyaa kunneen meeshaalee naannawatti rgamanirraa gatii salphaan kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru. Gama biraatiin bara kana karaa Buusaa Gonofaa naannichatti barattoonni miiliyoona 5 ol sagantaa nyaataa fayyadamaa ta’uusaanii yaadataniiru. Haala walfakkaatuun deeggarsi lammiilee naannichatti ongeen miihamaniif taasifamaa jiru cimee itti fufuu ibsanii, hooggansiifi kutaan hawaasaa sadarkaan jiru qooda irraa eegamu akka bahu waamicha taasisaniiru. Naannichatti rakkoo olaanaa kan ta’an daldala midhaanii seeraan alaa, daldala albuudaa fi qabeenya beelladaa, kontirobaandii hiikuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.
Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee Itti Fufti- Ambaasaaddar Jaan Jiyuwaan
Mar 23, 2023 47
Bitootessa 14/2015(TOI) - Chaayinaan Walta’iinsa dinagdee Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsitee akka Itti fuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Jaan Jiyuwaan ibsan. Jilli mootummaa olaanaa ministira maallaqaa federaalaa Ahimad Shideen durfamu daawwannaan hojii dhiheenya Chaayinaatti taasise hariiroo biyyppta lamaanii gama cimsuutiin gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Jilli kun turtiisaatiin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota addaddaa hariiroon biyyoota lamaanii cimuu danda’urratti mari’achuusaanii dubbataniiru. Dhimmoota daldalaa fi Invastimantii, ijaarsi bu’ura misoomaa hariiroo cimsuun danda’anirratti mari’atamuu eeranii, barbaachisummaa sirreeffama liqii ilaalchisuunis waliigalteerra gahamuu eeraniiru. Itiyoophiyaatti hirmaannaan Kaampaaniiwwan Chaayinaa dameewwan qonnaa, turizimii, fayyaa, misooma anniisaa fi albuudaan caalaa akka cimu akka jajjabeeffaman mirkaneesaniiru jedhan. Kana malees koreen waloo invastimantii fi walta’iinsi dinagdee mijeessuu dandeessisu akka hundaa’u waliigalteerra gahamuu kaasaniiru. Walta’iinsa dinagdee biyyoota lamaanii guddachaa dhufe caalaatti cimsuu fi ittifayyadama waloo mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hijjetamu ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru. Chaayinaan bu’uraalee misoomaa gurguddoo adeemsisuuf “inisheetiiviin Beelt endi rood” barana waggaa 10 akka qabatu ibsanii, waggootii kana keessatti Itiyoophiyaan hariiroo cimaa akka qabdu yaadataniiru. Fuuladuras hojiiwwan bu’ura misoomaa Itiyoophiyaatti Inisheetiivii kana keessatti hojjetaman mijeessuu fi walta’iinsa kana caalaatti cimsuuf akka hojjetamu ibsaniiru. Walta’iinsa gama Saayinsii fi Teeknooloojiin jiru cimsuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, keessumaa barattoonni Itiyoophiyaa carraan leenjii damee Kanaan Chaayinaatti kennamu bal’isuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Kaampaaniiwwan Chaayinaa bebbeekamoon hojii nvastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan nihojjetama jedhaniiru. Gama biraatiin waraana kutaa Kaaba biyyattiitti ture waliigaltee nagaatiin xumuramuunsaa Chaayinaan akka dinqisiifattu ibsanii, waliigaltichi biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf qooda akka qabaatu eeraniiru. Nageenyi Itiyoophiyaa gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaaf murteessaadha kan jedhan ambaasaaddarichi, waliigaltichi Itiyoophiyaan gara nageenyaa fi ijaarsa dinagdee duraaniitti deebisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Yaalii mootummaan Itiyoophiyaa iddoowwan waraanaan miidhaman deebisee ijaaruu fi lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruuf taasisu Chaayinaan akka deeggartu dubbataniiru. Gojiin deebisanii dhaabuu erga xumuramee booda abbootiin qabeenyaa Chaayinaa iddoowwan kanneenitti invast akka taasisan gochuuf yaaliin nitaasifama jedhaniiru. Akkaataa Chaayinaan nageenya addunyaa mirkaneessuuf “Inisheetiiviin nageenyaa idil addunyaa” waggaa darbe baafteen mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun gaanfa Afriikaa fi Afriikaa bahaatti nagaa fi tasgabbii cimsuuf qindoominaan akka hojjettu dubbataniiru. Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2022 waljijjiirraan dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru doolaara biiliyoona 2 tuqaa 19 yemmuu ta’u, Itiyoophiyaatti Invastimantiin kallattii Chaayinaa doolaara biiliyoona 3 tuqaa 3 qaqqabeera. Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan jalqabame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1970 dha.
Ministirri Muummee DR. Abiy Ahimad Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidaantii Yeroo Naannoo Tigiraay taasisuun muudaan.
Mar 23, 2023 79
Bitootessa 14/2015 (TOI) :- Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidaantii yeroo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigiraay taasisuun muuduu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise. Manni Maree Federeeshinii bu’uura Heeraa mootummaa keeyyata 62/9, labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14/2/b’tiin bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay akka hundaa’uu murtoo dabarseera. Akkasumaas, nageenyaa waaraa mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti mirkaneessuu fi walitti bu’iinsaa dhaabuuf, bu’uuraa waliigalteen Piritooriyaa keeyyataa 10(1) bulchiinsa yeroo hirmaachisaa hundessuun waan barbaachiseef, Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee bitootessa 9, 2015 gaggeesseen dambii Bulchiinsa Yeroo Hirmaachisaa Naannoo Tigraay raggaasisuun eerameera. Bu’uura dambiichaa keeyyata 3(2)’n Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidaantii yeroo Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Tigraay taasisuun muuduu ibseera. Pireezidaantichi bakka bu’iinsa humnoota siyaasaa garaagaraa naannichaatti socho’anii fi bulchiinsa hirmaachisaa hundeessuu, qaamolee raawwachiistotaa naannicha hogganuu fi qindeessuuf itti gaaftaamnii kennamuu beeksiseera.
Biyya Haqa Hawaasummaa Qabdu Ijaaruuf Bu’a Qabeessummaa Qabsoo Farra Malaammaltummaaf Hundi Gaheesaa Bahuu Qaba
Mar 22, 2023 71
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Biyya Haqa Hawaasummaa Qabdu Ijaaruuf Bu’a Qabeessummaa Qabsoo Farra Malaammaltummaaf Hundi Gaheesaa Akka Bahu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltumm Federaalaa Waamicha Dhiheesse. Komishinichi leenjiin kutaa naamusaa fi farra malaammaltummaa, tajaajila odiitii keessaa, tajaajila seeraa fi hooggantoota hojiiwwan jijjiiramaa dhaabbilee mootummaa jala jiraniif qopheesse har’a magaalaa Bishooftuutti jalqabameera. Hooggantoonni kutaa naamusaa fi farra malaammaltummaa Yunivarsiitiiwwanii leenjii kanarratti hirmaataniiru. Itti aanaa Komishinaraa komishinarii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa Waddoo Axxoo rakkoowwan gurguddoo Itiyoophiyaa mudatan keessaa malaammaltummaan tokko ta’uu ibsanii, malaammaltummaan bifasaa jijjiiruun guddina dinagdee gufachiisuun, tokkummaa diiguun mootummaa diiguuf balaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Rakkoon kun yaaddoo nageenyaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa waan ta’eef mootummaan malaammaltummaarratti qabsaa’uuf koree biyyaalessaa hundeessee hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Kanaaf biyya haqa hawaasummaa cimaa qabdu ijaaruuf qabsoon farra malaammaltummaa bu’aqabeessa akka ta’u hundi gaheessaa bahuu akka qabu dubbataniiru. Namni hundi qaama qabsoo farra malaammaltummaa ta’uu akka qabu ittiaanaa komishinaraa kun dubbataniiru. Hooggantoonni dhaabbilee federaalaa 260 ol leenjii har’aa kaasee guyyoota sadiif turu kanarratti akka hirmaatan ibsameera.

Hawaasummaa
IGAD Oromiyaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miliyoona 4.2 taasise.
Mar 25, 2023 17
Bitootessa 16/2015(TOI) - IGAD naannoo Oromiyaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miliyoona 4.2 taasisa. Barreessaan olaanaa IGAD Doktar Warqenaa Gabayyoo deeggarsa kana pirezidaantii naannichaa obbo Shimallis Abdiisaatti dabarsanii kennaniiru. Sababa jijjirama qillensaan hongeen Somaaliyaa, Keeniyaa fi Itoophiyaatti uumamuu ibsaniiru. Dhaabbatichis bakkeewwan hongeen lammileen miidhaman kanatti deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Mootummaan federaalaa rakkoo uumame kanaaf deebii kennuuf mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta'uun hojjechaa jira jedhaniiru. Barreessaan olaanaa IGAD balaa gogiinsa mudateef deebii kennuuf deeggarsa mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiran dinqisiifatanii, IGAD namoota hongee kanaan miidhaman deeggaruu kan itti fufu ta'uu himaniiru. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin deeggarsa IGAD lammilee miidhamaniif taasisan galateeffataniiru. Rakkoo kana karaa itti fufiinsa qabuun furuuf IGAD deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Mootummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin ta’uun ummata hongee kanaan miidhameef deeggarsa maallaqaafi meeshaa taasisaa akka jiru hubachiisaniiru.
Yuunivarsiitiin Jimmaa hayyoota 5'f sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu kenne.
Mar 24, 2023 25
Bitootessa 15/2015 (TOI) –Yuunivarsiitiin Jimmaa hayyoota 5'f sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu kennuu beeksise. Seeneetiin Yuunivasiitichaa yaa'ii idilee 58ffaa gaggeesseen hayyoota kanneeniif sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu kennuu mirkaneesseera. Hayyoon kunneenis, 1. Natsaannat Warqinah Giddii- yaala fi fayyaa daa'immaniin, 2. Geetaachaw Abbashuu Disaasaa - Gorsaa Xinsammuun, 3. Guddinaa Tarrafaa Tuuchoo - Inarjii fi fayyaa naannoon, 4. Taammanee Addunyaa Dammissee - Mahaandisummaa Qabeenya Bishaaniin, 5. Qaalkidaan Hasan Abaatee - Sirna Nyaataa fi fayyaa hawaasaan sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu argataniiru.
Godina Baaleetti hojiin misooma lafa dheedichaa qindaa’aa baasii birrii miiliyoona 90’n adeemsifamaa jira
Mar 24, 2023 37
Bitootessa 15/2015 (TOI) – Hanqina nyaata loonii ongeen geessisu hir’isuuf misoomni lafa dheedichaa birrii miiliyoona 90’n hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godina Baalee beeksise. Waajjirichatti itti aanaa itti gaafatamaandamee beelladaa obbo Salamoon Daadhii TOItti akka himanitti, miidhaa ongeen beelladarraan gahu hir’isuuf misoomni lafa dheedichaa qindaa’aan hojjetamaa jira. Haala Kanaan hojiin aanaa Dalloomannaatti jalqabame hanqina nyaata loonii hir’isuun cinaatti sababa lafa dheedichaa gadhiisiitiin miidhaa qabeenya uumamaa daamgeffamerra gahu akka hir’isu dubbataniiru. Hojiin waggoota lamaaf turu kun roobaa fi filaata bishaanii kanneen biroo fayyadamuun dhiheessii nyaata loonii cimsuu fi hojiiwwan eegumsa naannoo yeroo addaddaa taasifamaa jiran misooma beelladaa waliin akka walitti hidhu obbo Salamoon dubbataniiru. Hojiin horiisee bulaa 400 hirmaachisuun adeemsifamaa jiru kun lafa qoree fi aramaa bakka biraatii dhufee uwwifame heektaarri kuma 43 ol ciramaa akka jiru ibsaniiru. Amma ammaattis lafti heektaarri kuma 5 ciramee misoomaaf qophaa’uu fi ciraan kun guutummaatti wayita xumurame nyaanni loonii Alfaa Alfaa, Roodaas fi Sinnaar jedhaman akka misooman himaniiru. Hirmaattota keessaa jiraataa ganda Barraaq horsiisee bulaa obbo Ahimad Badiruu yaada kennaniin, hojiin kun misooma beelladaa baramerraa gara horsiisa loonii ammayyaatti cehuuf nigargaara jedhaniiru. Horsiisee bulaa Huseen Mahimud gamasaaniin horsiisa looniitti hirmaachuun muuxannoo dheeraa qabaatanis hanqina nyaata loonii ongeen mudatuun amma dhamaatiisaanii akka hinfayyadamne dubbataniiru. Hojii Kanaan rakkoon nyaata loonii salphatee fayyadamaa akka ta’an amantaa qaban ibsaniiru. Godina Baaleetti beelladoonni addaddaa miiliyoona 5 akka argaman odeeffannoon waajjira qonnaa godenichaa nimul’isa.
Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun nibarbaachisa- ittiaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin
Mar 23, 2023 52
Bitootessa 14/2015 (TOI) - Lammii ga’oomaa fi oomishuu danda’u uumuuf sirna nyaataa ammayyeessuun murteessaa ta’uu itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin ibsan. Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin sagantaa ifoomsuu qorannoo nyaataa fi sirna nyaataa irratti argamanii ergaa dabarsaniiru. Ajandaan mootummaa lammiirratti kan xiyyeeffate keessumaa hiyyeessaaf dursa kan kennu ta’uu kaa agarsiisudha jedhan ergaa dabarsaniin. Qorannoon biyyaalessaa har’a ifoome qaqqabummaa nyaata madaalawaa bal’isuuf sochuu guutuutti seenuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataatiin sirna nyaataa lammiilee mirkaneessuun yeroon kan hinkennamneef ta’uu obbo Dammaqaan ibsanii, nyaata madaalawaa guuttachuun ajandaa Qananii miti jedhaniiru. Tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuuf walitti bu’iinsa dhaabsisuun nageenya waaraa cimsuu fi qaala’iinsa jireenyaa ittisuu barbaachisa jedhaniiru. Kanaafis mootummaan sochiiwwan seeraan alaa to’achuu fi ittisuun nageenya buusuu fi qaala’insa jireenyaa gadi buusuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ongee fi haalli qabatamaa addunyaa qaala’insa jireenyaarratti dhiibbaa geessisuu ibsanii, mootummaan qaamolee oomisha dhoksanii qaala’iinsa jireenyaa itti caalchisanirratti tarkaanfii keessa hindeebi’amne nifudhata jedhaniiru. Lammii biyyasaa jaalatu, oomishuu danda’uu fi ga’oomaa uumuuf sirni nyaataa fayyaalessi murteessaa waan ta’eef oomishtummaa fooyyessuun hojii ittiaanudha jedhan.
Diinagdee
Hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuuf fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu himame
Mar 25, 2023 14
Bitootessa 16/2015(TO)- Qaawwaa Diinagdee Gooroo Itoophiyaa dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa daran guddisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan. Guddina diinagdee Itoophiyaa itti fufsiisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee haaraan waan barbaachiseef fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaa taasisuuf qophiin xumuramuu TOI’tti himaniiru. Fooyya’iinsi diinagdee kun hojii deebisanii dhaabuu saffisiisuufi qaawwaa diinagdee gooroo dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Sababoota keessoofi alaan dhiibbaa diinagdeerratti uumame hir’isuuf kan gargaaru ta’uus addeessaniiru.
Torbeen Boondii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Biyyaalessaa Har’a Magaalaa Asoosaatti Jalqabame
Mar 25, 2023 17
Bitootessa 16/2015 (TOI) – Waggaa 12ffaa dhakaan bu’uraa hidha haaromsaa Guddichaa Iiyoophiyaa itti kaa’ame sababeeffachuun torbeen Boondii hidha haaromsaa naannoo Beeniishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti har’a jalqabameera. Torbeen Boondii kun waajjirri qindeessaa pirojektii hidhichaa waggaa 12ffaa hidha haaromsaa ilaalchisuun galii walitti qabuuf qopheessee fi taateewwan biroo keessaa isa tokko ta’uun ibsamrrea. Daarektarri olaanaa waajjira pirojektii qindeessaa ummataa biyyaalessaa hidha haaromsaa guddichaa doktar Aragaawii Barihee wayita kana akka jedhanitti “hidhi haaromsaa guuddichi Itiyoophiyaa akkuma injifannoo Aduwaa tokkummaan Itiyoophiyaa olaanaan kan keessatti mul’atedha” jedhaniiru. Kun ammoo Itiyoophiyaan liqii fi gargaarsa alaarraa baatee abbaa dinagdee bilisaa akka taatu gochuuf yaalii taasiftuuf abdii qabatamaa kan kenne ta’uu ibsaniiru. Abdii kana itti fufsiisuun tokkummaa cimsuun dhiibbaa biyya alaa hidha haaromsaa kanarra gahaa jiru dhaabsisuun akka barbaachisu dubbataniiru. “Pirojekticha dhugoomsuuf qindoomina mootummaa fi ummataa kan addunyaa raajeffachiise Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf ooluu qaba” jedhaniiru doktar Aragaawiin. Hawaasni hojiiwwan eegumsa naannoo sulula abbaayirratti adeemsifamu irratti akkasumas deeggarsa maallaqaa fi bittaa boondiin taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru. Torbeen boondii biyyaalessaa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa baatii tokkoof tura. Daarektarri olaanaa waajjira mana maree qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha haaromsaa Beniishaangul Gumuz obbo Giraany Guddataa gamasaaniin bara 2013 irraa kaasee naannichatti hidha kanaaf galiin birriin miiliyoona 100 ol sassaabameera jedhan. Hidhicha xumuruuf hawaasni deeggarsa taasisu akka cimsus gaafataniiru. Hooggantoonni olaanoo naannichaa , ittigaafatamtoonni sadarkaa addaddaarra jiran fi jiraattonni sagantaa kanarratti hirmaachaa jiru. Torbeen boondii kun baatii tokkoof kan turu yemmuu ta’u birrii miiliyoona 100 sassaabuuf karoorfamuusaa odeeffannoon waajjira qindeessaa ijaarsa hidha haaromsaa guddichaarra argame nimul’isa.
Diyaaspooraan Itoophiyaa hanga ammaatti ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 50 ol gumaacheera
Mar 25, 2023 20
Bitootessa 16/2015 (TOI) :- Erga Hidha Haaromsa Guddichi Itoophiyaa ijaaramuu jalqabee as Diyaaspooraan Itoophiyaa deeggarsa doolaara miiliyoona 50 ol taasisuu Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa beeksise. Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa deeggarsa qamaa kamiiyyuu malee ijaarama kan jiru Bitootessa 2003 dhagaan bu'uuraa kaa'amuun isaa ni yaadatama. Addunyaarra biyyoota adda addaa keessa miseensota diyaaspooraa Itoophiyaa miliyoona sadii ol ta'an akka jiraan himama. Lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoonni Itoophiyaa ijaarsa hidhichaa humna, maallaqaa fi yaadaan deeggaraa akka jiraan daarektarri kominikeeshinii Tajaajila Diyaaspooraa Itoophiyaa obbo Wandoseen Girmaa TOItti himaniiru. Diyaaspooraan Itoophiyaa erga ijaarsi hidhichaa eegalamee waggoota 12 keessatti Doolaara miiliyoona 50 ol deeggarsa taasisuu ibsaniiru. Deeggarsa maallaqaatiin alatti, "miseensonni diyaaspooraa Itoophiyaa sochii humnoota alaa ijaarsa Hidha Haaromsaa jeequuf yaalan ifatti mormuudhaan dhugaa jiru addunyaa beeksisuu keessatti gahee bakka hin buune taphachaa jiru" jedhan. Tajaajilichi qabeenya walitti qabuu, dippiloomaasii ummataa cimsuu, beekumsaa fi ce'umsa teeknooloojiin diyaaspooraan gumaacha isaa akka cimsuuf walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Diyaaspooraan Itoophiyaa hanga ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramutti deeggarsa taasisaa jiru akka walirraa hin kunne waamicha taasisaniiru. Ijaarsa Hidha haaromsaa Itoophiyaaf bara 2003 dhagaan bu'uuraa erga kaa'amee as lammileen Itoophiyaa bifa adda addaan deeggarsa birrii biliyoona 17 taasisuu ragaan Waajjira Pirojektii Qindeessaa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Oromiyaatti gabaa tasgabbeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran Biiroon daldalaa naannichaa ibse.
Mar 24, 2023 27
Bitootessa 15/2015 (TOI) :- Naannoo Oromiyaatti sababa hanqina omisha nam-tolchee mudateen hawaasni akka hin rakkannee hojii gabaa tasgabbeessuu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldala naannichaa beeksiseera. Hogganaan Biiroo Daldala naannichaa obbo Daani’eel Charnat TOItti akka himanitti, koreen qaamolee haqaa, poolisii, bulchiinsa naannoo fi qaamolee biroo of keessaa qabu ijaaramee hojii gabaa tasgabbeessuu kana hojjechaa jira. Naannichatti gabaa tasgabbeessuuf omishinni Xaafii, Qamadiifi Boqqoolloo bal'inaan gara gabaatti akka bahu taasifamaa jira jedhaniiru. Hanga ammaatti oomisha Xaafii, Qamadiifi Boqqoolloo kumtaalaa kuma 120 ol gabaaf dhihaachuu himanii, gara fuulduraattis oomishafi Daakuu Qamadii, Xaafii fi Boqqolloo kuntaala kuma 500 ol gara gabaatti baasuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru Haaluma kbaan Waldaaleen bu'uuraa fi yuuniyeenonni oomishaalee kanneen kallattiin fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, oomishni kuduraa fi muduraa gabaa Dilbataan dhiyaatus cimee itti fufa jedhaniiru. Gama biraatiin, oomisha qonnaa fi boba’aa karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture kan gatiin isaa birrii miiliyoona 632tti tilmaamamu to'atamee gabaaf akka dhihatu taasifameera jedhaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse
Mar 25, 2023 20
Bitootessa 16/2015 (TOI) - Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Hojiirra Oolmaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dura taa’aa olaanaa Inistiitiyuutii Toonii Bileer Sre Toonii Bileer waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Mariin kun gamtoomina dhaabbilee lamaan jidduu jiruu fi dhimmoota fuuladura hojjechuuf karoorfame irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Inistiitiyuutiin Toonii Bileer tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa2025(Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa) yeroo qophiirraa kaasee amma raawwachiisuutti teekniikaan(ogeessa), hojiirra oolmaa I-sarviisii qorachuun, dandeettii raawwachiisummaa akkasumas deeggarsa gurmaa’insaa fi adeemsa hojii fooyyessuuf dandeessisutaasisaa turuun ibsameera. Inistiitiyuutichi bu’ura misoomaa dijitaalaa ilaalchisuun jiddugaleessa deetaa, qaqqabiinsa Intarneetiin, kilaawudii fi teeknooloojiiwwan haaraarratti deeggarsa fuuladuraaf taasisurratti mariin taasifamuu beekameera. Gama biraatiin daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa obbo Yoodaahee zemikaa’el Ser Toonii Bileeriif waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Daarektarichi deeggarsa tajaajilasaaf kennuu fi rakkoowwan misooma bu’uraan walqabatan irrattis ibsa taasisaniiru. Abbaa umurii waggaa 69 ministirri muummee Ingiliz duraanii Toonii Bileer akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1997 amma 2007tti ministira muummee ta’uun tajaajilaniiru.
Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiin dursaa Jira- Fireehiywoot Taammiruu
Mar 24, 2023 24
Bitootessa 15/2015 (TOI) - Itiyo-Telekom Ijaarsa Dinagdee Dijitaalaatiitiin dursaa akka jiru hojii raawwachiiftuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom teeleebirrii haaraa baase appilikeeshinii moobaayilii “suppar app” ifoomseera. Teeknooloojiin kun maamiltoonni hojiisaanii guyya guyyaa salphaa taasisuu fi hojiilee daldalaa teeknooloojiin deeggarame mijeessuuf yaadamee kan qophaa’edha. Appilikeeshiniin kun maamiltoonni altokkotti tajaajiloota bittaa fi gurgurtaa addaddaa akka argatanii fi adeemsa bittaa kamiifuu akka itti fayyadaman kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Appilikeeshiniin haaraa kun rakkinoota kanneen akka raawwii, sirna seekuriitii, xiqqaachuu dandeettii bilbilaa deetaa qabachuu fi rakkinoota kanneen biroo appilikeeshinii teeleebirrii yeroo ammaa hojiirra jiruurratti mul’atan hiikuuf nidandeessisa jedhameera. Akkasumas appilikeeshinii maayi-Itiyoo-teel fi appilikeeshiniiwwan kanneen biroo bakka tokkotti fiduun kanqindaa’e, ga’oomaa akkasumas tajaajiloota salphaatti argachuuf kan dandeessisu ta’uudha jedhameera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka jedhanitti kaampaanichi tajaajila kennu yeroo gara yerootti guddisaa jira. Itiyoo Telekoom dinagdee dijitaalaa dhugoomsuuf cimee itti fufuun damee Kanaan dursaa akka jiru ibsaniiru. Qabeenyaa sirnaan itti fayyadamuuf teeknooloojiin deeggaramuun murteessaa ta’uu dubbatanii, appilikeeshiniin har’a dhugoome kun kanuma kan gabbisu ta’uu dubbataniiru. Kna biraammoo fayyadamni bilbila Smaart ta’uu ibsanii, bilbiloota amma ammaatti neetwoorkiirratti galmaa’an miiliyoona 81 keessaa dhibbantaa 46 bibila Smaart ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin guyyaa har’aa ifoome teelee birr suppar app appilikeeshinoota tajaajiloota addaddaaf itti fayyadamnu hunda appilikeeshinii tokkorratti fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Yeroo fi baasii gama qusachuutiin appilikeeshiniin kun qooda olaanaa akka qabus eeraniiru.
Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Akka Taasifamuuf Gaafatan
Mar 22, 2023 63
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Imaammatarratti Hundaa’e Akka Taasifamu Gaaffii Dhiheesse. Imaammanni dargaggoota hojii uumtota yaada haaraa qabatanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii ibseera. Waldaan dargaggoota hojii uumtotaa Itiyoophiyaa ministeera Innoveshinii fi Teeknooloojii waliin ta’yuun waltajjii maree walitti hidhiinsaa fi advookeesii imaammataa “Zalala” jedhamu adeemsiseera. Pirezidaantiin waldichaa Saamiyaa Abdulqaadir, namoonni kalaqaa hedduun deeggarsa kanneen akka faayinaansii dhabuusaaniitiin waan yaadan milkeessuu akka hindandeenye ibsaniiru. Rakkoo kana furuuf sirna faayinaansii keessa galchuun dargaggoota kalaqxootaaf gargaarsa maallaqaa Imaammataan deeggarame gochuu barbaachisa jedhaniiru. Haala walqabateen waldichi rakkoolee gama kanaan mul’atanirratti hojjechuu fi furmaata barbaaduuf yaalii taasisaa turuusaa beeksisaniiru. Haala Kanaan miseensota kuma 1 ol walittiqabuun dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa 17 ol waliin walitti hidhiinsi akka uumamuuf taasisuusaanii Pirezidaantiin kun eeraniiru. Kalaqxoonni TOI’n dubbise yaada kennaniin deeggarsi faayinaansii fi leenjii karaa mootummaa osoo guutameefii hojii biyya fayyadu hojjechuu akka danda’an dubbataniiru. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti hooggantuun misooma staartaappii inniveeshinii Salaamyihun Adafris gamasaaniin, imaammanni faayinaansii namoota yaada kalaqaa qaban deeggaru dhabamuunsaa rakkoo ta’ee turuusaa ibsaniiru. Kanaaf rakkoo kana egereef hiikuuf imaammanni dargaggoota hojii kalaqaa haaraa fidanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru eeranii, yeroo dhihootti hojiirra akka oolu dubbataniiru. Hooggantoonni ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii, Hooggantoonnii fi ogeessonni Baankii, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa maree advookeesii imaammataa kanarratti hirmaataniiru. Mariin baatii tokkotti altokko adeemsifamu kun dargaggoonni gama teeknooloojiin gahumsa kalaqaa qaban mootummaa fi mitmootummaarraa deeggarsa faayinaansii fi leenjii argatanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jira
Mar 21, 2023 70
Bitootessa 12/2015(TOI) - Miseensaa Komishiinii idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal keessatti hirmaachuun galteewwan elektirooniksii sadarkaa isaanii eeggatan gabaa biyya keessaaf akka dhihaatan hojjetamaa jiraachuu Instiitiyutiin Sadarkaalee Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyutii sadarkaalee Itoophiya jalatti kan argamu miseensoota koreen Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaaf leenjii Elektiroonikisiifi tekinolijiiwwan biroon sadarkaa isaanii kan eeggata akka ta'aniif gargaaru kennameefira. Komishiiniin idil addunyaa Elektiroo- Tekinikaal Itoophiyaa dabalatee 170 biyyoota miseensoota kan qabu yoo ta'u Elektironik, Elektirikaaliifi Tekinolojiiwwan biroof akka idil addunyaatti sadarkaa kan kennudha. Itoophiyaatti tekinolojiiwwan sadarkaa idil addunyaan kennameef akka eeggatan ta'uu isaanii kan mirkaneessuu Koreen biyyaalessa Elektiroo- tekinikaal hundaa'uun isaa ni yaadatama. Koreen biyyaalessa Elektiroo-tekinikaal Itoophiyaa miseensoota dhaabbilee adda addaarra walitti dhufan 205 kan qabu yoo ta'u isaan keessaa 34 damee Elektiroonikiifi Elektiroo makanikaal irratti kan bobba'anidha. Daarektarri olaantuu Instiitiyuutii sadarkaalee Itoophiyaa doktar Masarat Baqqalee akka himanitti Biyya keessatti kan oomishamaniifi biyya alaa kan galan meeshaalee Elektiroonikiifi meeshaaleen isaan waliin hidhata qaban qulqullina isaanii kan eeggatan ta'uu qaba. Kanaaf Itoophiyaan miseensa Komishiinichaa ta'uun oomishaaleen sadarkaa isaanii eeggatan akka hojiirra oolaniif sadarkaa baasuun hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kunis biyya keessatti kan oomishaman sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'an gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru. Haaluma kanaan Itoophiyaatti kan oomishaman haadni Elektironiik, Tiraanisformarootafi meeshaaleen Elektiromakaanilaaliin sadarkaa isaanii eeggatanii oomishamanii biyya keessatti tajaajilarra oolaa jiraachuu himaniiru. Inistiitiyutichi abbummaan sadarkaa oomishaalee kan baasuu yoo ta'u Dhaabbanni madaalli majaa'ummaa sadarkaalee immoo oomishaaleen kunneen haala sadarkaa baheen dhihaachuu isaanii mirkaneessa.
Ispoortii
Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa jalqabame
Mar 22, 2023 67
Bitootessa 13/2015 (TOI) - Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti har’a jalqabame. Daarektarri teekniikaa federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa obbo Asfaawu Daanyee akka jedhanitti kaayyoon shaampiyoonaa kanaa atileetotaaf carraa dorgommii uumuu akkasumas atileetonni naannolee, bulchiinsonni magaalaa, kilaboonnii fi dhaabbilee dandeettiisaanii kan ittiin madaalan gochuudha jedhaniiru. Atileetonni kilabootaa fi dhaabbilee 19 irraa walitti babahan 600 ol akka hirmaatan ibsaniiru. Baniinsa shaampiyoonaa kanarratti dorgommiiwwan xumuraa dubartootaan meetira kuma sadii gufachiisaa, utaalcoo dheerinaa dubartootaa fi dhiiraan darbannaan diskasii taasifamaniiru. Dorgommiiwwan xumuraa alattis dorgommiiwwan calaluu kanneen biroonitaasifamu. Dorgommiin Shaampiyoonaa kun amma Bitootessa 17 bara 2015tti nitaasifama. Shaampiyoonaan gabaabaa, jiddugaleessaa, meetira kuma 3 gufachiisaa tarkaanfii fi sochii dirree Itiyoophiyaa erga jalqabame waggaa 20 ol akka ta’e odeeffannoowwan ni eeru.
Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa tapha waancaa Afriikaa gita isaa Giinii waliin taphachuuf gara Morookootti imaale
Mar 21, 2023 96
Bitootessa 12/2015 (TOI) :- Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa tapha dorgommii waancaa Afrikaa gita isaa Giinii waliin taphachuuf gara Morookootti imaale. Taphatoota 23 kan of keessatti hammatee gareen kun kaleessa galgala gara Morookoo Kaazaabilaanlkaatti imaaluu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera. Gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itoophiyaa Tapha waancaa Afrikaa 34ffaa Kootdivuwaar qopheesiturratti hirmaachuuf gita isaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Giinii waliin Bitootessa 15 fi 18/2015 tapha gulaalli rammaaddi ni xaphata. Leenjisaan garichaa Wubatuu Abaatee taphatootaa 23'f waamicha taasisuun Bitooteessa 6/2015 irraa jalqabee shaakala taasisaa turaniiru. Garichi dheengadda Istaadeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti tapha madaallii gita isaa Ruwaandaa waliin taasisaniin goolii Kanaa'an Markineen galcheen 1 fi 0 injifachuun isaa ni yaadatama Gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itoophiyaa dorgommii waancaa Afrikaa irratti ramaddii garee Arfaffaa keessatti kan argaman Gibtsi, Maalaawii fi Giinii waliin kan ramadame yoo ta'u haga ammaatti tapaha lama taphateen qabxii 3 dursaa jira.
Atileetoonni Itoophiyaa dorgommiwwan biyyoota adda addaatti taasifaman injifatan.
Mar 20, 2023 87
Bitootessa 11/2015(TOI) - Atileetoonni Itoophiyaa dorgommiwwan dhuma torban kanaa biyyoota adda addaatti taasifaman injifatan. Maraatoonii Dhiirootaan Ameerikaa Loosaanjalasitti geggeeffameen Atileet Jamaal Himar tokkooffaan yoo xumuru, Atileet Yamaanee Tsaggayee sadarkaa lammaffaan xumureera. Dorgommii maraatoonii dubartootaa magaala gudditti Tayiiwaan Taypeetti geggeeffameen Baqqalech Guddataa, Masarat Dinqeefi Gabaayinesh Ayyalaa walitti aansuun sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaatti galuun injifataniiru Chaayinaa Shingeezitti dorgommii maraatoonii geggeeffameen saala lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa injifataniiru. Haaluma kanaan dhiirotaan atileet Baantaayyoo Adaanee 1ffaan xumuruun yoo injifatu dubartootan immoo Agaree Taamir sadarkaa 1ffaan xumuruun injifateetti. Dorgommii maraatoonii Barsaloonaatti geggeeffameenis atileetiin Itoophiyaa Zenebaa Yimar sadarkaa tokkooffaan injifateetti. Dorgommii walakkaa maraatoonii Ameerikaa Niwuyoorikitti geggeffameenis dubartootaan atileet Sambaree Tafarii sadarkaa 2ffaan injifateetti.
Piriimer Liigii Beetkiingii Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Miinci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu
Mar 9, 2023 223
Guraandhala 30/2015 TOI) – Sagantaa torbee 16ffaa Piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaatiin magaalaan Arbaa Minci magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu. Taphni kilaboota lamaanii guyyaa keessaa sa’aatii 11tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatama. Magaalaan Arbaa Minci taphoota Liigichaa 15amma ammaatti taphateen sadii mohatee al afur mo’atameera, al saddet ammoo walqixa baheera. Taphoota 15’n goolii 18 lakkoofsiseera, gooliin 20 ammoo ittigaleera. Haala Kanaan qabxii 17’n sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aa keessatti argama. Magaalaan Arbaa Minci taphoota liigichaa walitti aanan shan Kanaan dura taphateen altokko qofa mo’ate. Al tokko mo’atameera, alsadii ammoo walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Walqixxee taphoota piriimer Liigii amma ammaatti taphateen al shan mo’ateera, alshan ammoo mo’atameera, alshan ammoo walqixa baheera. Taphoota 15niin goolii 18 galcheera,gooliin 17 itti galeera. Qabxii jahaan sadarkaa 12ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota Liigichaa walitti aanan shan taasiseen al tokko qofa mo’ate. Al lama mo’atameera,al lama walqixa baheera. Taphni garee lamaanii Guraandhala 23 bara 2015 taphatamuun kan irra ture yoo ta’u rooba cimaa Dirreedawaatti roobeen dirreen manca’uusaatiin taphni kun har’a akka taasifamu koreen naamusaa fi dorgommii murteessuunsaa nibeekama. Oduu walfakkaatuun taphoota torbee 16ffaa kaleessa taphatamaniin magaalaan Bahaardaar Itiyoo-elektiriik goolii 3 fi 1’n akkasumas magaalaan Adaamaa Faasiil Kanamaas goolii 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Kooti kan jennu qabeenya waloo taasisuun fi misoomsuun waliin hojjennee haabadhaanu-ministira muummee Abiyyi Ahimad
Mar 20, 2023 85
Bitootessa 11/2015(TOI) – Ministrirri muummee doktar Abiyyi Ahimad kooti kan jennu qabeenya waloo taasisuun fi misoomsuun waliin hojjennee haabadhaanu jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad. Biyya hunda caaltu qabna kan jedhan ministirri muummee Abiyyi, ijji keenya banamee yoo hojjenne iddoowwan addunyaa hawachuu danda’an hedduun biyya keenya jiru jedhaniiru. Naannawa keenya ilaaluu fi sakatta’uu akka qabnu ibsanii, “kan kooti kan jennu qabeenya waloo haa taasisfnu, haamisoomsinu, waliin hojjennee haabadhaanu jedhuun ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru.
Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa jiru
Mar 17, 2023 87
Bitootessa 08/2015 (TOI) - Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa akka jiran waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Itti aanaa ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Aliyyi Daadhii TOI’f akka ibsanitti, qophii amma ammaatti taasifameen biqiltuuwwan miiliyoona 368 ol qopheessuudhaan karoorarraa dhibbantaa 80 milkeessuun danda’ameera. Qophiin biqiltuu kun gandoota 495 aanaalee godinichatti argaman 15 keessatti fi buufataalee biqiltuu mootummaatti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Godinichatti waggoota dheeraaf biqiltuu haaraa qopheessuu mannaa kan ture qofa fayyadamuun akka mul’atu itti gaafatamaa itti aanaa kun ibsaniiru. Haala Kanaan godinicha aanaalee hedduu keessatti muka ciruu fi lafti duwwaatti hafuun mudatee akka ture yaadataniiru. Kan darberraa barachuun sagantaan ‘ashaaraa magariisaa’ erga jalqabamee asitti ummata hirmaachisuun jijjiirama fiduun danda’ameera jedha. Kaayoon olaanaa hojii misooma sululaa hirmaannaa ummataan hojjetame kun naannoo magariisa uffisuu ta’uu ibsaniiru. Hojii misooma sululaa godinichatti hojjetameen lafa heektaara kuma 288 caalurratti hojiin misooma sululss hojjetameera jedhan. Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran Maangoo, Avokaadoo, Giishxaa fi Temirii akkasumas mukoota misooma bosonaaf oolanii fi nyaanni loonii keessatti argamu. Biqiltuuwwan waggoota darban gaarren muka malee hafanii fi lolaan haqaman irratti dhaabaman akka gaariitti qabachuusaanii ibsanii, iddoowwan bosonni deebi’etti bineensonni bosonaa deebi’aa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan Kanaan dura sagantaa ashaaraa magariisaatiin godinichatti dhaabaman keessaa dhibbantaan 88 qabachuusaanii mirkaneessaniiru. Namoonni miiliyoona 1 ol biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, sagantaan biqiltuu dhaabuu kun lafa heektaara kuma 200 irratti ni adeemsifama jedhaniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu qaba- pirezidaantiinaannoo Gaambeelleeobbo Umood Ujuluu
Feb 11, 2023 207
Guraandhala 4/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa egeree fooyyessuun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa ob. Umood Ujuluu hubachiisan. Misoomni sululss baatiiwwan bonaa godinichaa godina Sablammii Nuweer aanaa Makkootyitti har’a ifatti jalqabameeera. Pirezidaant Umood wayita kanatti akka jedhanitti, Kunuunsaa fi itti fayyadama lafa, bishaanii fi qabeenya bosonaa naannichaa fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hundi qindoomee ciminaan hojjechuu qaba. Hojiiwwan kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamaniin rakkoo lafti qullaatti hafuu fi manca’a bosonaa gama ittisuutiin hojiileenjajjabeessoo hojjetamuu dubbataniiru. Kanaaf lafa qullaatti hafe gara duriitti deebisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa cimee akka itti fufu ibsaniiru. Milkaa’ina hojiiwwan sululaa baatii bonaa jalqabame kanaaf qaamoleen hooggansaa sadarkaa hundarra jiran kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Bulchaan godina sablammii Nuweer ob. Boot Teer gamasaaniin hojiilee misooma sululaa cimsuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu hojii ijoo qaamolee qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru. Hijiin misooma sululaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa keenya aanaa Makkooyitti jalqabamuusaatiin gammachuu qaban ibsanii bu’aqabeessummaasaatiif ummata qindeessanii akka hojjetan ibsaniiru. Baatii bonaa baranaatiin sululoota 124 lafa heektaara kuma 60 olirratti hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti hojjechuuf karoorfamee gara boqonnaa hojiitti seenamuusaa kan ibsan ammoo itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa ob. Ajaak Uchaalaa ti. Hojiileen misooma sululaa kan adeemsifaman idilee fi pirojektootaag gargaaramuun ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun kanaanis ummanni kuma 120 ol akka hirmaatu nieegama jedhaniir. Sagantaan sosochii misooma sululaa guyyaa kana jalqabame baatii tokkoof akka turu Ob. Ajaak ibsaniiru. Sagantaa jalqabsiisa misooma Sululaa irratti hooggantoonni olaanoo naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni argamaniiru.
Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa jira
Feb 8, 2023 200
Guraandhala 01/2015 (TOI) - Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti gaggeessaan garee qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo ob. Umar Ejeree TOItti akka himanitti, biqiltuun kunneen gogiinsa dandamachuu fi ciidha tursiisuun oomishtummaa kan dabalanidha. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godinichi bokkaa gannaa roobu kuusuuf daagaa, boollii fi hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii kanneen biroo hojjechaa akka jiru ibsanii, sagantaan biqiltuu dhaabuu baatii Eblaa irraa kaasee akka adeemsifamu eeraniiru. Biqiltuuwwan qophaa’an xaa’ummaa lafaa kan dabalamanii fi nyaata looniif kan oolan sanyii addaddaa yoo ta’an, kunis hojiilee gogiinsa damdamachuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha jedhaniiru. Biqiltuuwwan kunneen qophaa’aa kan jiran buufataalee biqiltuu godinichatti argaman kuma 3 fi 225 fi qonnaan bultootaan akka ta’e ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan biyya keessaa kanneen akka Waddeessaa, gaattiraa, muka gurraachaa, birbirsaa fi kanneen biroo qophaa’aa akka jiran beeksisaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaan waggaa darbe biqiltuuwwan dhaabbatan miiliyoona 146 keessaa kunuunsa taasifameen dhibbantaan 85 qabachuusaa ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun ala tajaajilaaf amma oolanitti kunuunsi barbaachisaan akka taasifamudubbataniiru.
Gabaasa addaa
Ministeerri Dhimma Alaa miidhaa sababa Kirkira lafaan Turkiyeetti mudateef gadda itti dhaga'ame ibsate.
Feb 6, 2023 207
Amajji, 29/2015(TOI) - Ministeerri Dhimma Alaa FDRI dhiimmaa sababa kirkira lafaa Kibba Turkiyyeetti mudateen lubbuun namootaa darbuu, miidhaa qaamaafi barbaadaa'uu qabeenyaaf gadda itti dhaga'ame ibsateera. Ministeerichi ibsa isaan Lammilee balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniif gadda guddaa itti dhaga'amee ibsuun , kanneen qaamaa miidhamanii ariitiin madaa isaaniirraa akka fayyaan hawii qabu ibseera. Ministeerichi odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasumaa isaa qoodeen akka ibsetti Mootummaan Itoophiyaa yeroo rakkoo cimaa kanatti uummataafi mootummaa Turkiyyee cinaa kan dhaabbatu ta'uu eereera.
Balaa ibiddaa Finfinneefi Buraayyuutti mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gaheera.
Jan 24, 2023 231
Amajji, 16/2015(TOI) - Komishiniin hooggansa balaa ibiddaa fi sodaa balaa Finfinnee balaa kaleessa magaalaa Finfinneefi Buraayyuutti Balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gahuu beeksise. Komishinichi qabeenyaa birrii 258 baasu balaa kanarraa baraaruun akka danda'amees beeksiseera. Daarektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaneehe akka TOItti himanitti kaleessa galgala sa’aatii 4:48 irratti Kutaama magaala Lammii Kuraatti sababa balaa Elektirikiin gamootti ibiddi qabtee qabeenya birrii miliyoona 1.6tti tilmamamuu barbadeeseera. Hojjettoonni balaa tasaa 40 poolisii magaalaa Finfinnee fi hawaasni naannoo waliin ta’uun qabeenya birrii miiliyoona 148tti tilmaamamu balaa ibiddaa kanarraa baraaru danda'uus himaniiru. Balaa kanaan hojjettoota balaa tasaa sadii fi namoota biroo 7 irraa miidhaan salphaa gahuu himaniiru. Haaluma walfakkatuun kaleessaa galgala sa'aatii 3:55 irratti Kutaama magaalaa Gullee aanaa 5 naannoo buufata Konkolaataa konkolaataa geejjiba ummataa qaxxaamura biyyaa irratti ka'een qabeenyi birrii miliyoona tokkootti tilmaamamu barbadaa'uu ibsameera. Akka daayreektarri hariiroo hawaasaa kun jedhanitti, hojjettoonni balaa tasaa sagal Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi hawaasni naannoo waliin ta’uun balaa ibiddaa kana dhaamsaniiru. Gama biraatiin kaleessa galgala sa'aatii 10:46tti magaalaa Buraayyuutti warshaa huccuu Chaayinaa Shufenia jedhamu keessatti balaa ibiddaa sababa elektirikiin mudateen qabeenyi Birrii kuma 300tti tilmaamamu barbadaa'uu himaniiru. Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf carraaqqii guddaa taasifameen qabeenyi birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu balaarra hambisuun danda'umuus himaniiru. Obbo Gululaat lammiileen fi dhaabbileen ergaa of eeggannoo komishinichi yeroo yeroon erguun balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru. Hawaasni balaan akkasii yeroo mudatu sarara bilbilaa bilisaa 939 bilbili; Bilbila 0111555300 ykn 0111568601 bilbiluun beeksisuu akka danda'us hubachiisaniiru.