Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Tajaajila Olaanaan Afriikaarraa Tokkoffaa Bahuun Badhaafame

Waxabajjii 17/2017(TOI)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Tajaajila Olaanaan Afriikaarraa Tokkoffaa Bahuun Gamtaa Afriikaan Badhaafameera.

Tiyoophiyaan Foramii Tajaajila Mootummaa fi Bulchiinsa Afriikaa 10ffaa Akkasumas Foramiin Riijinii Afriikaa Dhaabbata Mootummootaa I Waxabajjii 14 Bara 2017 Irraa Eegalee Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Galma Walgahii Gamtaa Afriikaatti Walcinaa Taa’amaa Ture  milkaa’inaan Xumurteetti.

Dhaabbilee Egzibiishinii Foramichaan Qophaa’erratti Tajaajila Mootummaa Qabatanii Dhihaatan Kessaa Poolisiin  Federaalaa Itiyoophiyaa Isa Tokkodha.

Komishinichi Teeknooloojii Yeroon Gaafatutti Fayyadamuun Akkasumas Tajaajila Si’ataa fi Olaanaa Kennuun Tokkoffaa Bahuun Gamtaa Afriikaarraa Badhaafameera.

Komishinariin Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Dr. Makuriyaa Hayilee Badhaasa Waancaa Kana Komishinar Jeneraalaa Poolisii Federaalaaf Dammallaash Gabramikaa’eliif Kennaniiru.

Komishinar Jeneraaliin Poolisii Federaalaaf Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el Wayita Kana Akka Jedhanitti, Polisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Tajaajilasaa Ammayyeessuu fi Si’achiisuun Nageenya Lammiilee Haala Amansiisaan Eegaa Jira.

Haala Kanaan Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Dorgommii Idil Addunyaa Emereetota Araba Gamtoomaniitti Tasifameen Appilikeeshinii Poolisii filatamaa Badhaafamuusaa Yaadachiisaniiru.

Poolisiin Muuxannoo fi Dandeettii qabu Walgahii Tajaajilaa fi Bulchiinsa Mootummaa Afriikaa fi Foramii Riijinii Afriikaa Dh.M.G Gamtaa Afriikaa Irratti Afriikaanotaaf Qoodeera Jedhniiru

Haala Kanaan Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Teeknooloojiin Deeggaramuun Ga’umsaan Gaggeessuu fi Tajaajila Olaanaatiin Tokkoffaa Bahee Waancaa Badhaafamuusaa Kaasaniiru.

Badhaafnii fi Beekamtiin Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Hojiisaatiin Argate Fuulduraaf Tajaajila Fooyya’aa Kennuuf Kaka’umsa Kan Uumu Ta’uu Ibsaniiru.

Komishinariin Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Dr. Makuriyaa Hayilee Gamasaaniin, Biyyoonni Miseensa Gamtaa Afriikaa Dandeettii Tajaajila Mootummaan Dorgomanii Itiyoophiyaan Qophii Fooyyee Akka Qabdu Adda Baafamee Taatee Kana Akka QopheessituTaasifamuu Ibsaniiru.

Dorgommiin Badhaasaa Kun Gamtaa Afriikaan Taasifamuu Ibsanii, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Dhaabbata Teeknooloojiin Deeggaramee Ga’umsaa fi Gurmaa’inaan Gaggeeffamu Jedhmee Badhaasa Dorgommichaa Isa Guddicha Warqee Mo’ateera Jedhaniiru.

Badhaasichi Poolisii Qofa Osoo Hintaane Itiyoophiyaan Kan Itti Mo’atte Ta’uu Ibsanii, Ijaaramuun Tajaajila Olaanaa Kennuun Kan Nama Boonsu Ta’uu Dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015