Naannoo Oromiyaatti Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Dhaabuuf Qophiin Taassifameera- Biiroo Qonna Naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Dhaabuuf Qophiin Taassifameera- Biiroo Qonna Naannichaa

Waxabajjii 23/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Dhaabuuf Qophiin Taassifamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa Beeksise.
Naannichatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaan mata duree “dhaabuun bayyanachuu’’ jedhuun boru akka eegalu ibsameera.
Hoggganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa dhaabbii biqiltuu baranaa ilaachisuun Miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Ibsa Isaaniin Waggottan Jahan Darban lafa Hekaara Miiliyoona 6 tuqaa 8 ol irratti Biqiltuuwwan Faayidaa adda addaa qaban dhaabamuu ibsuun, kanneen dhaabaman keessaa dhibbentaa 88 qabateera jedhaniiru.
Hojiin Misooma Magariisaa filmaanni bishaanii akka babal’atan, lageenii fi haroowwan qabeenyi uumamaa manca’uun gogan deebi’anii akka bayyanatan gochuusaa dubbataniiru.
Dabalataan dhiqama biyyee hir’isuun omishaa fi Omishtummaan Qonnaan bulaa guddisuun wabiin nyaataa akka mirkanaa’u taassiseera.
Misoomicha cimsanii ittifufsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa Bara Kanaan hojii eegumsa biyyee fi bishaanii Baatii Bonaa lafa duwwaa irratti raawwatameeratti biqiltuuwwan akka dhaabaman ibsaniiru.
Kanaafis naannichatti buufata biqiltuu itti baay’ifaman kuma 38 keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’uusaanii hubachiisaniiru.
Biqiltuuwwan kana dhaabuuf lafti Hekaarri Miiliyoona 1 tuqaa 1 qophaa’uu ibsuun, Biqiltuwwan dhaabbiif qophaa’an keessaa dhibbenta 40 bosonaaf, kan oolan ta’uu dubbataniiru.
Dabalataanis dhibentaa 30 kan ta’an faayidaa hedduu kan qaban, dhibbentaa 19 nyaata horii, fi dhibbenta10 soorataaf kan oolan yoo ta’an, kanneen hafan miidhaginaaf kan olan ta’uu beeksisaniiru.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu milkeessuuf uummanni akkuma armaan duraa baay’inaan akka hirmaatuu Obbo Geetuun waamicha dhiheessaniiru.