Riifoormiin Dinagdee Gooroo agarsiistuu hundaan bu’aa eegamu galmeessaa jira-Bulchaa Baankiii Biyyoolessaa Maammoo Mihiratuu

Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Riifoormiin  Dinagdee Gooroo Guutuun agarsiistuu hundaan  bu’aa eegaman galmeessaa jiraachuu Bulchaa Baankiii Biyyoolessaa Maammoo Mihiratuu  ibsan.

 Bulchaan Baankiii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuu raawwii riifoormii Dinagdee Gooroo guutuu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin riifoormii Dinagdee gooroo guutuu guddina dinagdee itti fufaa galmeessuun  adeemsa abdachiisaarra  jiraachuu kaasaniiru.

Riifoormiin  Dinagdee Gooroo guutuu galii karoorfame argamsiisuun, liqaan irra deebi’amee akka  ilaalamu gochuu, Dinagdee Gooroo Tasgabbaa’aan akka jiraatu gochuu, sharafa alaa guddisuu, akkasumas damee faayinaansii fayya qabeessa taassisuu fi kaayyoowwansaa  biroo milkeessuurratti bu’aa boonsaan argamuu dubbataniiru.

Bu’aa qabessummaa Raawwii Dinagdee Gooroo guutuu hojiirra oolaa jiraachuu kan ibsan Bulchaan Baankichaa, Daldala Al-ergee, kuufama sharafa alaa, qaala’insa gatii hir’isuun  akkasumas kanneen biroon  bu’aan gaariin  argamaa jiraachuu ibsaniiru.

Saganticha kan deeggaran keessaa Gabaasni Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa baase akka ibsetti, hojiirra oolmaa  Rifoormii dinagdee gooroo Itiyoophiyaa galma karoorfamee  ol milkeessuu mirkaneessuu eeraniiru.

Riifoormiin Dinagdee Gooroo Guutuu  hojiirra erga oolee booda qaala’insi gatii yeroo gara yerootti hir’achaa dhufuu ibsaniiru.

Qaala’insi gatii soorataan walqabate dhibaentaa 12 gad  ta’uu kan  kaasan bulchaan baankichaa, dhuma bara dhufuurratti guutummaatti  qaala’insi gatii gara dhibbantaa 10 gadiitti buusuuf hojiin hojjetamaa jirachuu dubbataniiru.

Kanaanis Dinagdee Itiyoophiyaa fidurratti  kan argamu sharafni alaa dabaluu kaasuun,   baatiiwwan 11 darban raawwiin Al-ergii  dabaluusaa ibsaniiru.

Daldalli al-ergee biyyattii riifoormii sharafa alaan dura Doolaara Biiliyoona 3 tuqaa 8 akka ture hubachiisuun, yeroo ammaa  dhuma bara kanaa irratti daldalli al-ergee doolaara biiliyoona 8 akka  gahu  eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015