Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Gorsaa Olaanaa Afriikaa Pirezidaant Doonaald Tiraamp Waliin Mari’atan

Waxabajjii 17/2017(TOI)- Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Gorsaa Olaanaa Afriikaa Pirezidaant Doonaald Tiraamp Maasaad Bolos Waliin Mari’ataniiru.

Mariin Kun Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Magaalaa Guddoo Angoolaa Luwaandaatti Taa’amaa Jiru Cinaatti Adeemsifame.

Hariiroo Seena Qabeessa Biyyoota Lamaanii Waggoota Dheeraaf Ture Cimsuun Haala Danda’amurratti Mari’achuusaanii Ministeera Dhimma Alaatti Ittaanaan Daarektar Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Ambaasaaddar Mulee Taarraqany Ibsaniiru.

Yeroo Ammaa Keessumaa Hammattoo Dippilomaasii Invastimantii fi Daldalaa Xiyyeeffannoo Ameerikaan Biyyoota Afriikaaf Kenniteen Biyyoonni Lamaan Tumsa Damee Kanaan Qabn Caalaatti Guddisuu fi Bal’isuuf Waliigalteerra Gahuusaanii Eeraniiru.

Gama Biraatiin Dhimmoota Misoomaa fi Nageenya Riijiniirratti Mari’achuusaanii Ambaasaaddar Mulee Agabaasaa TOI Bakkatti Argamuuf Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015