Wiirtuun dhandhama bunaa kan jalqabaa Afriikaa Bahaatti hundeeffamuun isaa qulqullina  Buna al-ergii  fooyyessuuf gumaacha olaanaa taassiseera

 Waxabajjii 23/2017(TOI)- Wiirtuun dhandhama bunaa kan jalqabaa Afriikaa Bahaatti hundeeffamuun isaa qulqullina Buna al-ergii akka fooyya’uu fi dhaabileen biyya alaa dameesanarratti akka bobba’aniif gahee guddaa bahaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi shayii  Itiyoophiyaa beeksise.

 Itti Aanaan Daarekteera Olaanaa Abba Taayitichaa Shaafii Umar TOI’f Akka ibsanitti, qulqullina bunaa fooyyessuuf wiirtuu dhandhama bunaa babal’isuun barabaachisaa ta’uu  ibsaniiru.

Afriikaa Bahaatti Wiirtuun dhandhama Bunaa isa jalqabaa kan ta’e hundeeffamuun qulqullinni  al-ergee  bunaa akka fooyya’uu fi dhaabileen alaa Damee  Bunaa irratti  akka bobba’aniif gahee guddaa akka gumaachu ibsaniiru.

Waggootan jijiiramaa darbanitti Xiyyeeffannoo addaa damee Bunaaf kennameen, hojiirra oolmaa tarsiimoo bunaa,  hojii caasaa fi  qajeelfama fooyyessuuf hojjetamaa tureen jijiiramni qabatamaan galmaa’uu kaasaniiru.

Biqiltuun Bunaa Biiliyoona 8 ol Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabamuusaan   omishitummaan akka fooyya’uu fi al-ergiin bunaa akka dabalu godheera jedhan.

 Bara Baajatichaa baatiwwan 11tti buna  toonii kuma 280 fi 887  al-ergiif karoorfamee,  Bunni tooniin kuma 409 fi 605 ergamuu fi  galii guddaan argamu ibsaniiru. 

Fooyya’insa Damee Bunaan taassifameen Qotee bulaaf eeyyamni kennamee  kallatiin Qonnaan Bulaan gara alaatti akka erguuf carraa uumuu fi  kanaanis Qonnan Bulaan 100 ol Omisha Buna kallattiin alatti erguu jalqabuusaanii  kaasaniiru.  

Dabalataanis,Tarsiimoo Bakka gabaa haaraatti babal’isuuf qophaa’e waliin walsimsiisuun  barana biyyoota haaraa 20tti erguu eegaluu ibsaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Buna biyyoolessaa Itiyoophiyaa Dr.Huseen Amboo akka jedhanitti, Buna sadarkaa Idil Addunyaatti beeksisuuf taateewwan biyyalessaa fi idil addunyaa qopheessaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara 2018tti Turizimii fi Egzibiishinii buna Itiyoophiyaa qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu  akka fakkeenyaatti kaasaniruu.

Buna dhandama addaa  Sidaamaa Sadarkaa Idila Addunyaatti  beeksisuuf hojiin Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitii  Hawaasaa waliin eegalame kanneen   biroottis cimee itti fufa jedhaniiru.

Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo naannoo bunni itti misoomaan waliin ta’uun Omishtummaa

 bunaa Qorannoo fi beekumsaan deeggaruuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015