Pirojektiin daandii km. 14 ol marfata 18-ashawaa meedaa qabatee amma Keellaati hojjetamaa jiru saffisaa jira-bulchiinsicha - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin daandii km. 14 ol marfata 18-ashawaa meedaa qabatee amma Keellaati hojjetamaa jiru saffisaa jira-bulchiinsicha

Waxabajjii 23/2017(TOI)- Pirojektiin daandii km. 14 ol Finfinnee marfata 18-ashawaa meedaa- Keellaa hojjetamaa jiru saffisaa jiraachuu bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise.
Pirojektiin daandii kun qaama daandii Finfinnee-Amboo-Naqamtee yoo ta’u, guddina dinagdee biyyattii hubannoo keesa galchuun sadarkaansaa eegamee hojjetamaa akka jiru bulchiinsichi ibseera.
Pirojektiin daandii kun dinagdee biyyattii hubannoo keessa galchuun oomisha gabaa qaqqabsiisuuf karaa dandeessisuun daandilee qaxxaamura biyyaan akka walquunnamu taasifamee hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.
TOI’n hooggantoota pirojektichaa fi kutaalee hawaasaa garagaraa dubbiseera.
Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti qindeessaan pirojektii injiinar Yohaannis Siyaayi akka ibsanitti, daandiin kun km. 14 tuqaa 72 kan dheeratu yoo ta’u, baatii sadii keessatti harka 20 raawwatameera.
Amma dhuma bara kanaatti aspaaltiin akka uwwifamu ibsaniiru.
Daandiin kun guddina magaalotaa, haala jireenya ammayyaa hawaasaa hubannoo keessa galchuun ijaaramaa kan jiru pirojektii daandii Ismaarti ta’uu dubbataniiru.
Bal’inni daandii kanaa meetira 66 yoo ta’u kana keesaa daandiin afpaaltii meetira 50 ta’uu eeranii, daandii lafoo, bishkieetii, daandii fiigichaa fi bakkeewwan magariisaa akka qabu ibsaniiru.
To’ataan pirojektichaa Injiinar Takkaalign Asraat gamasaaniin, daandiin qun qulqullina akka qabaatu sakatta’insi taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Diizaayinii ilaalchisee sadarkaa olaanaa kan guute ta’uu ibsanii, uwwisa aspaaltii sadarkaa sadii akka hojjetamuuf dubbataniiru.
Daandiin marfata 18 amma keellaa jiru muddama tiraafikaa kan qabu ta’uu kan dubbatan konkolaachiftoota Mulugeetaa Gulummaa fi Geetaachoo Biyaadig yaada kennaniiru.
Ijaarsi daanii haaraa kun rakkoo kana furuun konkolaachiftoonni yeroon bakka barbaadan akka gahan kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.