Jaayikaan Tumsa Misoomaa Itiyoophiyatti raawwachaa jiru cimsee itti nifufa–Itiyoophiyaatti bakka bu’aa Jaayikaa Kensukee Ashiimaa - ENA Afaan Oromoo
Jaayikaan Tumsa Misoomaa Itiyoophiyatti raawwachaa jiru cimsee itti nifufa–Itiyoophiyaatti bakka bu’aa Jaayikaa Kensukee Ashiimaa

Waxabajjii 23/2017(TOI)-Ejensiin Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan (JICA) hojii misoomaa Itiyoophiyatti raawwachaa jiru cimsee akka itti fufu Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Jaayikaa Kensukee Ashiimaa ibsan.
Jaayikaan Itiyoophiyaa waliin tumsa Misoomaa Yeroo dheeraa akka qabdu TOI’f kan ibsan bakka bu’aan kun, hojiileen Misoomaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran jijjiirama hedduu akka fidan arguusaanii eeraniiru.
Jaayikaan (Jica) Itiyoophiyaa waliin Qonnaa fi Misooma Baadiyaa, Bu’uuraalee Misoomaa fi Barnoota irratti hojjechaa jira jedhan.
Akkasumas, Qonna gabaarratti xiyyeeffate, omishtummaa Ruuzii, fi misooma Damee Bishaanii Dameewwan tumsa Jaayikaan Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiru keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru.
Jaayikaan Leenjiiwwan Ijaarsa Dandeettii fi Dameewwan Biroo irratti tumsaan hojjechaa jiraachuu fi tumsa hojii misoomaa raawwachaa jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru.
Hojiiwwan Misoomaa Itiyoophiyaatti raawwatamaa jiran jijjiirama argisiisaa jiraachuu arguusaanii ibsuun, Magaala Finfinnee fi Magaalota birootti hojiiwwan misoomaa raawwataman agarsiistuu milkaa’inaa ta’uu ibsaniiru.
Gutuu biyyaatti hojii Misoomaa wal fakkaataa cimsuuf hojii hojjetamaa jiru Jaayikan akka deeggaru bakka bu’ichi mirkaneessaniiru.