Gamoon haaraan ammayyaa’aa, qulqullinaan kan ijaaramee fi waadaan kan ittiin dhugoomedha-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Waxabajjii 23/2017(TOI)- Gamoon haaraan bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijaarsisee bataskaana tahaahidoo Ortodoksii Itiyoophyaaf kenne ammayyaa’aa, qulqullinaan kan ijaaramee fi waadaan kan ittiin dhugoome ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Bulchiinsi magaalichaa gamoo bataskaanichaa sababa deebisanii misoomsuun kaafamee gamoo hundagaleessa haaraa ijaaruun eebbisiisee har’a kenneera.

Gamoon kun kantiibaa Adaanech Abeebee fi paatiriyaarkii bataskaana tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaasiin eebbifamee tajaajilaaf banameera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee furtuu gamoo kanaa paatiriyaarkii bataskaana tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaasiif knnaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana, gamoon kun waadaan qabatamaan kan itti dhugoome  ta’uu ibsanii, gamoon bu’aa wal’amanuu, waliin hojjechuu fi walii tumsuuti jedhaniiru.

Gamoon kun bakka konkolaataan dhaabatu abbaa darbii torbaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi gamoo kanaa guutummaatti baasii bulchiinsa magaalichaan raawwatamuu ibsaniiru.

Misoomni kooriidaraa bu’a qabeessa akka ta’u bataskaanni tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa hojii fakkeenya qabu murtee kennuun qoodashee bahaa akka jirtu ibsanii, galateeffataniiru.

Hojiiwwan bataskaanittiin raawwatuuf bulchiinsi magaalattii tajaajila barbaachisu kennuuf yoomiyyuu qophii ta’uusaa mirkaneessaniiru.

Paatiriyaarkii bataskaana tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas, Bulchiinsi magaalichaa baasii isaatiin ijaaree kennuusaa galateeffataniiru.

Hojii gaggeessaan luboota waliigalaa, Phaaphaasii phaaphaasotaa lallaba Shawaa kibba Lixaa fi magaalaa Shaggar  qulqulluu Abuna Saawiroos gama saaniin misoomni yaada waan gaarii yaaduu akka ta’e ibsaniiru.

 Bataskaanni tawaahidoo Ortodoksii Itiyoophiyaa wayituma kana kantiibaa bulchiinsa magaalaa FinfinneeAdaanech Abeebeef beekamtii fi badhaasa kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015