Hojiiwwan kalaqaa rakkoo Furan yaadama biyyaa “Kalaquu fi saffisuu ’’ Jedhu galman ga’uuf gumaacha olaanaa bahaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan kalaqaa rakkoo Furan yaadama biyyaa “Kalaquu fi saffisuu ’’ Jedhu galman ga’uuf gumaacha olaanaa bahaa jiru
Waxabajjii 12/2017(TOI)-Hojiiwwan kalaqaa rakkoo furan yaadama biyyaa ‘‘Kalaquu fi saffisuu’’ galman ga’uuf gumaacha olaanaa bahaa jiraachuu Itti aanaan Kantiibaa Magaala Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma Industirii Obbo Jaanxirar Abbay ibsan.
Sagantaan Xumuraan Dorgommiin daldala kalaqaa Mata duree “kalaqni yaadaa ifa booruuf’’ jedhuun gaggeeffamaa jiru injifannoo yaadannoo Adawaatti raawwatamaa jira.
Itti aanaan Kantiibaa fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxirar Abbay ergaa saganticha irratti dabarsaniin akka jedhanitti, Dorgommii Yaada Kalaqa Daldalaa Marsaa Sadiin Finfinneetti Gaggeeffameen Bu’aan Onnachiisaan Galmaa’eera.
Dorgaommichi dargaggoonni hojii uumuu, dorgomaa fi sochii Dinagdee biyyittii keessatti hirmaannaa olaanaa gochuurra darbee dandeettii teekinooloojii qaban baasuuf carraa uumeera jedhaniiru.
Dargaggoonni kalaqaa yaadaa rakkoo furan maddisiisan itti fufinsaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessummaa hojiiwwan kalaqaa Misooman Biyyarra darbuun Fudhatama Idil Addunyaa akka qabaataniif hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Mootummaan yeroo yerootti qulqullinasaanii, nageenyasaanii fi rakkoo kan furan ta’uusaanii kan mirkanaa’anii fi filataman hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Dorgomiin kalaqa yaadaa agarsiistuu tokko ta’uu dubbachuun kunis yaadama biyyaa ‘’kalaquu fi saffisuu’ jedhu galmaan ga’uuf qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hogganaan biiroo hojii fi ogummaa obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, hojiin kalaqa dargaggootaa haala jireenya lammiilee fooyyesuuf qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru.
Itti Aanaan Kantiibaa kun dorgommiin bu’aa kalaqaa dhaloonni biyya ceessisan uumamaa jiru jedhanii, dorgommii yaada kalaqaan bakka bu’aawwan kalaqaa barbaachisoo ta’an kan itti ifa bahan ta’uu beeksisaniiru.
Kalaqxoonni dorgommicha irratti hirmaatan dhiheessii faayinaansii fi walitti hidhamiinsa gabaa kan uumamuuf ta’uu mirkaneessaniiru.
Dargagoonni 145 Dorgommicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa 15 Finfinnee Bakka Bu’uun Sadarkaa Fedraalaatti dorgommii wal fakkaatu irratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Dorgommii goggeeffamaa jiru Kanaan dorgmtoonni filatamoo shan akka badhaafaman ibsaniiru