Finfinnee mijattuu fi qulqulluu gochuuf hojiin hojjetamu cimanii ittifufu

Waxabajjii 22/2017(TOI) Finfinnee jiraattotaaf mijattuu fi qulqulluu gochuuf hojiin jalqabaman  cimanii akka ittifufan kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa 7ffaan sadarkaa magaalaa Finfinneetti mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamaa jira

Kantiibaa Adaanech Abeebee, af-yaa’iin mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alqaadir, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame Finfinnee Mogos Baalchaa, abbootiin amantaa, ogeeyyonni aartii, hawaasni Ispoortii, hooggantoonni paartilee dorgomtootaa fi kanneen biroo saganticharratti argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech wayita kana akka jedhanitti hirmaannaa Itiyoophiyaanota hundaan waggoottan darban biqiltuun biiliyoona 40 dhaabamaniiru jedhan.

Waggoottan jahan darban sadarkaa magaalaa Finfinneetti biqiltuun miiliyoona 85 dhaabamuu eeranii, uwwisni bosona magaalattii 2 tuqaa 8 irraa harka 22tti qaqqabuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biqiltuu dhaabuun gargaaramuu seenaa gochuun hojjechaa jirti kan jedhan kantiibaa Adaanech baranas lafti biqiltuun irra dhaabamu heektaarri 916 qophaa’uusaa ibsuun biqiltuu dhaabuun dinagdee jijjiirama qilleensaan hinmiidhamne akka ijaaramu eeraniiru.

Hojiiwwan Finfinnee jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu gochuuf jalqabaman cimanii akka ittifufan dubbataniiru.

Hojii ashaaraa magariisaa waggoottan darban hojjetamaniin laggeen bishaan qabachuu eegalaniiru kan jedhan kantiibaa Adaanech eegumsa biyyoo fi bishaaniinis bu’aan argamuu eeraniiru.

Hoogganaan biiroo miidhaginaa fi misooma magariisaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Girmaa Seegfuu gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa dhaloonni har’aa dhaloota boruuf dirqama akka qabu agarsiiftuudha jedhaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa imala guddummaa Itiyoophiyaa kan kaa’u adeemsi ijaarsa  biyyaa jalqabame akka ittifufu bu’ura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru.

Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa bakka miminstirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamuun nibeekama.

Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuun biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabamu ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015