Kutaan Egzibiishiniin Dhaabbataa Golambaa Saayinsii Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Argamanitti Ifatti Baname

Waxabajjii 07/2017(TOI)- Kutaan Egzibiishiniin Dhaabbataa Golambaa Saayinsii Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Argamanitti Ifatti Banameera.

Raawwiin Raajiin Kun Ramaddiiwwan Egzibiishinii Shan, Isaanis  Hubannoo Namtolchee, Jijjiirama Haala Qilleensaa fi Deebii Itiyoophiyaa, Qonna, Humna Bishaanii fi Inarjii, Eronotiksii fi Aviyeeshiniirratti Xiyyeeffatan Kan Ofkeessatti Qabatedha.

Kun Ammoo Fedhii Cimaa Biyyi Keenya Saayinsii Fi Teeknooloojii Fayyadamuuf Qabdu Kan Agarsiisudha Jechuun Beeksiseera Waajjirri Ministira Muummee.

Dabalataanis Galmi Agarsiisaa Bifa Hawaa qabu Kan Biyya Keenyatti Kan Jalqabaa Ta’e Ifoomeera.

Galmi Meetir Iskuweerii 1000 fi Dayameetira meetira 36 kun Teeknooloojii Ammayyaa Dijitaalaa 4k fakkii Agarsiisu Kan Maxxanfameef Ta’uun Ibsameera.

Agarsiiftuun Fakkii Hawaa Kun  Qulqullina Olaanaa Kan Qabu Fakkiiwwan Raajeffamoo Agarsiisuun Addunyaa Hawaa Dhiheenyatti Agarsiisa.

Beekumsi Sakatta’uun, Baruuf fi Kaka’umsaaf Mijataa Kan Ta’e Godambaan Saayinsii Daawwattootaaf Banaa Ta’uusaas Beeksiseera.

Ummanni Bakka Kana Dhufuun Abdii Boruu Saayinsii fi Teeknooloojii  Akka Ilaalu Waajjirichi Afeereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015