Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa eegalameera - ENA Afaan Oromoo
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa eegalameera

Waxabajjii 23/2017(TOI)-Ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa Yuunivarsiitii Boongaatti eegalchiisan.
Bulchaan Ummattoota Itiyoophiyaa kibba Lixaa doktar Injiinar Nagaash Wageeshoo, sadarkaa itti aanaa bulchaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa fi hoogganaan biiroo barnootaa naannichaa Almawu Zawudee fi pirezidaantii eeggataan Yuunivarsiitii Boongaa Dr. Dagalaa Ergannoo sagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru.
Ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana akka jedhanitti, akka biyyaatti lammiin walirraa hojjechuu jibbuu fi ofitti amanu waan barbaachisuuf milkaa’inasaaf qooda fudhattoonni cimanii hojjechuu qabu.
Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa barana qoraman waliigalaa keessaa kuma 137 karaa onlaayinii akka qoraman ibsaniiru.
Bulchaan naannichaa Dr. Injiinar Nagaash Wageeshoo gamasaaniin, barattoonni ammuma qormaataaf qophaa’an tasgabbaa’anii hojjechuu akka qaban gorsaniiru.
Naannichatti bara 2017 barattoonni kuma 19 fi 127 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka qoraman kan ibsan sadarkaa itti aanaa bulchaatti qindeessaa kilaastara hawaasummaa fi hoogganaa biiroo barnootaa naannichaa Almaawu Zawudeeti.
Odeeffannoon ministeericharraa argame akka mul’isutti, qormaanni biyyaalessaa har’aa eegalee amma Adoolessa 8 bara 2027tti marsaa lamaan kennamu barattoonni kuma 608 caalan akka qoraman beekameera.