Imalli bayyanannaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u Sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisasa jira-Ministiroota - ENA Afaan Oromoo
Imalli bayyanannaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u Sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisasa jira-Ministiroota

Waxabajjii 23/2017(TOI)-Imalli bayyanannaa Itiyoophiyaa akka milkaa’u Sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisasa jiraachuu Ministiroonni ibsan.
Ministirri muumme Dr. Abiyyi Ahimad, Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Shetiimaa, Hooggantoonni federaalaa fi naannolee bakka argamanitti sagantaan misooma qarqara lagaa Finfinnee biqiltuu dhaabuu gaggeeffamuun niyaadatama.
Ministiroonni saganticharratti hirmaatan akka ibsanitti, dina
gdeen akkka bayyanatu galmoota qabaman milkeessuuf sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Sagantaan ashaaraa magariisaa kennaa dhaloota boruuf gumaachame ta’uu eeranii, bu’aan qabatamaan sagantaa kanarraa argamaa akka jiru kaasaniiru.
Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa akka ibsanitti, waggoottan jahan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin bbiqiltuuwwan miiliyoona 40 caalan dhaabamaniiru.
Dinagdeen saffisaan akka guddatu sagantaan ashaaraa magariisaa gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru wabeeffataniiru.
Biqiltuuwwan bunaa hedduun sagantaa Kanaan dhaabamuu ibsanii, sababa Kanaan galiin alergii Itiyoophiyaan Bunarraa argattu dabalaa akka dhufu taasisuu dubbataniiru.
Avokaadoo dabalatee muduraa garagaraa alatti erguun galiin argamaa jiraachuu eeranii, sagantaa maaddii guutuu galmasaa akka gahu sagantaan ashaaraa magariisaa qooda guddaa qaba jedhaniiru.
Carraaqqii biyyaalessaa dinagdeen Ityoophiyaa akka bayyanatu taasifamu keessatti sagantaan ashaaraa magariisaa qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru.
Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis gamasaaniin, ashaaraan magariisaa kennaa dhalootaaf gumaachamudha jedhaniiru.
Bu’aan ashaaraa magariisaa argamaa jiraachuu eeranii, dinagdeen akka cimee ittifufu deeggaruun alatti, jireenyaaf naannawaaf mijatu uumaa akka jiru ibsaniiru.
Ministirri bishaanii fi inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittaffaa akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa bishaan lafa jalaa fi lafarraa akka dabalu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Maddeen akka gabbatan taasisaa jiraachuus ibsanii, haroon Haramayaa gogee ture deebi’ee guutuunsaa bu’aa ashaaraa magariisaa ta’uu himaniiru.
Biyoon akka hindhiqamnee fi hidhoonni biyyoon akka hinguutamne qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Sagantaa shaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabaman ibsameera.