Sagantaan ashaaraa magariisaa ashaaraa dhalootaa lammiin hundi abbummaan irratti    hirmaatudha-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo

Waxabajjii 21/2017(TOI)-Sagantaan ashaaraa magariisaa ashaaraa dhalootaa kan lammiin hundi abbummaan irratti hirmaatudha jedhan Af-yaa’iin manam maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo.

Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Shetiimaan akkasumas miseensonni hawaasa dippilomaatikii biroon fi hooggantoonni mootummaa olaanoon bakka argamanitti kaleessa adeemsifamaniiru.

Guyyaa har’aas bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itti aanaan pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Shetiimaan bulchitoonni naannolee kantiibonni Bulchiinsa magaalaa lameenii akkasumas ministiroonni argamanitti misooma qargara lagaa Finfinneetti sagantaan biqiltuu dhaabuu gaggeeffameera.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo Saganticharratti akka ibsanitti, sagantaan Ashaaraa magariisaa misooa dinagdee biyyaalessaan kan walitti hidhatedha.

Jijjiiramni qilleensaa oomishtummaarratti dhiibbaa guddaa akka uumu eeranii, haala Kanaan sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa jijjiiruun gamatti dinagdeen Itiyoophiyaa akka bayyanatu qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa erga jalqabamee asitti bu’aan Itiyoophiyaan oomishtummaa bunaarratti galmeessifte agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa hojii dhalootaa lammiin hundi biyya jijjiiruuf abbummaan irratti hirmaatu ta’uu dubbataniiru.

Haala Kanaan hundi hirmaannaa cimaa akka taasisu Af-yaa’ii Taaddasaan dhaamaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun adeemsifamuun sadarkaa biyyaalesaatti biqiltuun biiliyoona 7 tuqaa 5 nidhaabamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015