ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Agarsiisichi walitti hidhamiinsa gabaan alatti invastimantiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran ilaaluuf nu gargaareera-Kaampaaniiwwan paakistaan
Oct 17, 2025 74
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)-Yaa’iin misooma daldalaa fi agarsiifni Paakistaan-Afriikaa shanaffaan walitti hidhamiinsa gabaa uumuun alatti invastimantiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran laaluu akka isaan dandeessise kaampaaniiwwan Paakistaan ibsan. Sagantaan baniinsaa yaa’ii misooma daldalaa fi agarsiifni Paakistaan-Afriikaa shanaffaan gaggeeffamu itti fufeera. Kaampaaniiwwan Paakistaan agarsiisa hariiroo dinagdee fi daldalaa paakistaan cimsuuf akeemane kanarratti hirmaatan TOI’f akka ibsanitti, hariiroo daldalaa Paakistaanii fi biyyoota Afriikaa jidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf carraan guddaan uumameera. Maarkeetiing maanaajariin kaampaanii Piriiksi Seyid AbulhasanAbbaas akka jedhasnitti, yaa’iin daldalaa fi agarsiifni Paakistaan Afriikaa kaampaaniisaaniif carraa guddaa fideef. Daldaltoonnii fi fichisiiftoonni biyyoota Afriikaa hedduun bakka tokkotti kallattiin argamuunsaanii walitti hidhamiinsa gabaa uumuusaa eeraniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Giriin keebilsi Maarzaa Adinaan Manzur gamasaaniin, Itiyoophiyaan seensa Afriikaa ta’uushee fi filannoowwan invastimantii bal’aan jiraachuu hubanneerra jedhan. Hojii raawwachiisaa olaanaan huccuu Sadaqaat Taariiq Sataar akka jedhanitti, namoonni agarsiisa kana daawwatan hedduun oomishasaanii daawwachuunsaanii gabaa haaraa uumuuf carraa gaarii uumeeraaf. Oomishaalee dhaabbannisaanii oomishu biyyoota addaddaaf dhiheessuuf carraa gaarii argachuusaanii eeraniiru. Humni gabaa guddaan Itiyoophiyaa fi Afriikaa jiru ilaaluun Itiyoophiyaa keessatti Invast gochuuf qophaa’uusaanii beeksisaniiru.
Hojii qulqullina barumsaa eegsisuuf hojjetamu keessatti deeggarsii fi hordoffiin hooggansa damichaa cimuu qaba
Oct 17, 2025 63
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Hojii qulqullina barumsaa eegsisuuf naannoo Oromiyaatti hojjetamu keessatti deeggarsii fi hordoffiin hooggansa damichaa sadarkaan jiruu cimuu akka qabuhimame. Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessisaniif bakka hooggantoonni olaanoo naannichaa argamanitti badhaafnii fi beekamtiin kennameera. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannichaa obbo Kaffaaloo Tafarraa wayita kana akka ibsanitti, hooggansi sadarkaan jiru dhaloota beekumsaa fi ogummaan gabbate ijaaruuf tumsuu qaba. Keessumaa manneen barumsaa waggoota walitti aananitti barataa tokkollee dabarsuu indandeenye akka jiran kaasanii, manneen barumsaa kunneen rakkoosaanii sirriitti sakatta’anii furmaatarratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Kanaaf ammoo hooggansi damee barnootaa sadarkaan jiru miira itti gaafatamummaa qabuun humna guutuun damee barnootaa bu’a qabeessa gochuuf cimee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Damee barnootaan alattis hooggantoonni godinaa, aanaa fi magaalaa xiyyeeffannoo kennuun deeggaruu fi to’achuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hawaasnis hojiilee qulqullina barnootaa eegsisuuf hojjetaman deeggaruun dhaloota fooyya’aa ijaaruu keessatti deeggaruu akka qaban dubbataniiru. Badhaafamtoota keessaa mana barumsaa bultii addaa Yunivarsiitii Haroomayaarraa kan dhufe barataa Fira’aansii Mokonnon, qabxii fiduuf kan isa gargaare xiyyeeffannoo barumsaaf kennee fi yeroo qo’annaasaa sirnaan fayyadamuu ta’uusaa dubbateera. Barattoonni yeroosaanii guutummaan barnootaaf oolchuun qayyabachuu yoo danda’an qabxii gaarii fidu kan jedhe barataan kun, fuulduras barumsa isaan cimee qabxii gaarii galmeessuuf akka carraaqu ibseera. Mana barumsaa bultii addaa Dodolaarraa kan dhufe barataa Amaan Hashiim gamasaatiin, galtee barnootaa mana barumsaa addaatti mijatetti fayyadamuun cimee qayyabachuun qabxii olaanaa galmeessisuusaa dubbateera. Barattoonni biroos barumsa isaanii sirnaan hordofuun fi cimanii qayyabachuun qabxii fiduu akka danda’an yaada kenneera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad loojii Diinshoo fi lafa margaa Gesee daawwatan
Oct 17, 2025 92
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad,giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo fi hooggantoonni mootummaa garagaraa Godina Baaleetti ijaaramaa kan jiru loojii Diinshoo fi lafa margaa Gesee daawwataniiru. Finfinneerraa kibba lixaatti km. 400 naannoo Oromiyaatti kan argamu paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee iskuweer kiiloo meetirii kuma 2 caalurratti akka argamu odeeffannoon waajjira ministira muummee nimul’isa. Paarkiin kun gaara Itiyoophiyaatti dheerinasaatiin lammaffaa ta’e dabalatee teessuma lafaa dinqisiisaa, bineensota bosonaa, bosonoota, Gachee margaa fi biqiltuuwwan akaakuu garagaraa waan of keessaa qabuuf “addunyaa garagaraa paarkii tokko keessatti” jedhamee amma waamamuutti akka gahe eerameera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaggeessaa biyyaalessaa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa irratti argaman
Oct 17, 2025 120
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaggeessaa biyyaalessa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa irratti argaman. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Keeniyaa Joomoo Keeniyaataa wayita gahan ministira dhimma alaa Keeniyaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaaddar Uburuu Deeniis, barreessaan kaabinee ministeera dhimma alaa Keeniyaa Adin Du’allee, barreessaan Kaabinee ministeera barnootaa Keeniyaa Juliiyes Ogambaa, Keeniyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Baacaa Dabalee fi dippilomaatonni embaasii Itiyoophiyaa Keeniyaatti argamuu simataniiru. Gaggeessaan biyyaalessaa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa Naayiroobii Istaadiyeemii biyyaalessaa Ninaayootti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota garagaraa sirnicharratti argamaniiru. Awwaalchi Odiingaa Dilbata Onkoloolessa 9 bara 2018 bakka dhalootasaanii Boondootti akka raawwatamusagantaan bahe nimul’isa. Raayilaa Odiingaa Hinditti waldhaanamaa turanii torbee kana keessa waggaa 80tti lubbuunsaanii darbuun niyaadatama.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa keenyaa nibaana
Oct 17, 2025 97
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa ga’umsaan akka bahatan hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila duu Itiyoophiyaa waadaa galuun mirkaneessan. Hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa mata duree “faayidaa biyyaalessaa fi dhaabbii Ji’oostiraateejii” jedhurratti mari’ataniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seyifee Darribee akka jedhanitti, gaazexessoonni mata dureewwan faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf dandeessisanirratti hojjechuu qabu. Hojiiwwan seenessa waloo ijaaruu fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechuun ittigaafatama ogummaa bahuun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa seenesa duraanii jijjiiruu akka dandeessise kaasanii, pirojektoonni toora Itiyoophiyaa boruu jijjiiran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan ummata hedduu fi dinagdee guddaa qabaattus Ulaa galaanaa akka hinqabne kaasanii, ogeeyyonni sabquunnamtii Tattaaffii Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf ittigaafatama ogummaasaanii gahumsaan akka bahan ibsaniiru. Hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa dhageettii fi dandeettii dhiibbaa geessisuu Itiyoophiyaan qabdu mirkaneessuuf lammummaan gamatti ittigaafatama ogummaa akka qaban ibsaniiru. Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa Nagaasii Ambaayee, barreeffama maree wayita dhiheessan akka ibsanitti, bara dhugaan boodaatti badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf sadarkaa yeroo madaaluun itti gaafatama ogummaa sirriitti bahachuun nibarbaachisa. Faayidaan biyyaalessaa dhimma jiraachuu biyyaa, nageenyaa fibadhaadhinaa ta’uu eeranii, dhaabbiin faayidaa biyyaalessaa fi ji’oostiraatejikaawii ajandaa ummataa fi dhalootaa gochuuf qooda keenya bahuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan boqonnaa bayyanachuurra kan jirtuu fi pirojektoota gurguddoo raawwachaa jiraachuushee kan kaasan ammoo itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Tafarraa Baqqalaati. Hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hojjechuun miidiyaaleerraa kan eegamu ta’uus kaasaniiru. Hojjettoon TOI gamasaaniin, hojiileen misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran akka milkaa’anii fi seenessa waloo ijaaruuf qoodasaanii cimsanii akka itti fufan dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti itti gaafatama ogummaasaanii cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Siyaasa

Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaadha
Oct 17, 2025 106
Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee ibsaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa kan qananii osoo hintaane dhimma jiraachuu ta’uu Yuunivarsiitii Yuunitiitti barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee TOI’f ibsaniiru. Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Adeemsa amma ammaatti jiruun ulaagaalee hedduutiin fudhatama idil addunyaa akka qabu hubachuusaanii ibsaniiru. Bu’a qabeessummaasaaf Itiyoophiyaan bu’ura seeraa qabdu, seena qabeessummaa fi ragaan sanadaa qabdutti fayyadamuun mala olaantummaa dippilomaasii karaa nageenyaatiin tattaaffii itti jirtu cimsuun akka irraa eegamu gorsaniiru. Kanaaf ammoo waanti gargaaru ejjennoonshee sirrii ta’uu biyyoota ollaa, gamtaa Afriikaa, IGAD, dhaabbilee idil addunyaa fi biyyoota dhiibbaa uuman kan guddina waloo deeggaraniif amma barbaadamu hubachiisuu ta’uu hubachiisaniiru. Ulaan galaanaa guddina hunda galeessa fooyya’aaf ijoo ta’uu hubachiisanii, Ulaa galaanaa karaa seeraan alaa fi fedhii ummataan alatti dhabde argachuu akka qabdu dubbataniiru.
Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa waloo agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoosaanii ibsan
Oct 17, 2025 111
Onkoloolessa 7 /2018 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf miseensota mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii teessoo muummee gamtichaa Finfinneetti dubbisaniiru. Dura taa’ichi tasgabbii, nageenyaa fi misooma dabalatee dameelee xiyyeeffannoo gamtaa Afriikaa ilaalchisuun miseensota mana marichaaf ibsaniiru. Tumsi gamtaa Afriikaa fi mana maree nageenyaa Dh.M.G Afriikaa karaa hammattoo biyyoota Afriikaa bakka bu’uun mana maree nageenyaa Dh.M.G miseensa jjjiiramaa ta’uun tajaajilaa jiranii (A3) cimsuun akka barbaachisu dubbataniiru. Afriikaan mana maree kana keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa argachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru. Manni maree nageenyaa ergamoota nagaa kabachiisuu Afriikaan durfamu ilaalchisee yaada murtoo raggaase lakk. 2719 eeruun hojiin naggaa kabachiisuu tasgabbii fulla’aa Afriikaaf guddaa murteessaa akka ta’e dubbataniiru. Miseensonni mana maree tasgabbii gaggeessummaa gamtaa Afriikaa dinqisiifateera. Miseensonni gamtaan Afriikaa fi tasgabbii, nageenyaa fi misooma fulla’aa mootummoota gamtoomanii dabalatee ajandaawwan Afriikaa kan waloo ta’an irratti tumsa qaban cimsuuf kutannoo qaban ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa. Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa fi manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii marii waloo kaleessa Finfinneetti kan eegalan yoo ta’u mareen kun har’as itti fufa.
Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan
Oct 16, 2025 230
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan Leenjiin gabbisa dandeettii miseensota damee dargaggootaa fi dubartootaaf Paartii badhaadhinaatti waajjirri damee Dirreedawaa qopheesse xumurameera. Dargaggoonni leenjii mata duree “Ijaarsi dhaloota ida’amuu guddummaa Itiyoophiyaa” jedhuun kenname irratti hirmaatan akka jedhanitti, pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman dhugoomsuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahachaa jiru. Hirmaattota leenjichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Ramadaan Dastaa akka jedhetti, hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii Dirree Dawaatti eegalaman akka milkaa’an qoodasaa bahaa akka jiru ibseera. Beekumsaa fi humna qabduun badhaadhinni biyyaa akka mirkanaa’u qoodashee bahaa akka jirtu kan ibsite ammoo shamarree Tsiyoon Wubisheeti. Pirojektoonni biyyaalessaa akkaataa karoorfameen akka milkaa’an nagaan jiraachuun bu’ura waan ta’eef hojiirra oolmaa isaaf hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eerteetti. Dargaggii Ibsaa Ahimad gamasaan, pirojektoonni biyyaalessaa gurguddoon eegalaman sadarkaa sadarkaan fayyadama misoomaa dargaggootaa akka guddisan dubbateera. Paartii badhaadhinaatti itti aanaan hoogganaa waajjira damee Dirree Dawaa obbo Shaakir Ahimad, dargaggoon hirmaannaa misooma biyyaarratti qabu guddisuuf bulchiinsichi deeggarsa walirraa hincinne taasisa jedhaniiru. Biyyi akka misoomtu nageenyi bu’ura waan ta’eef dargaggoon mootummaa waliin qindaa’uun caalaatti hojjechuu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa giddugaleeffachuu qaba
Oct 16, 2025 192
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazzexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa karaa gidduugaleeffateen hojiirra ooluu akka qabu ministirri Gorsaan Minsitira Muummee Damee Hawaasummaa Mu’aze xibebaati Diyaaqon Daani’eel Kibrat ibsan. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Sagantaa jalqabsiisa giddugala gahumsa Miidiyaa Mooraa Yuunvarsiitii Finfinneetti gaggeesseera. Gidduugalli Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Miidiyaa fi damee Beeksisaa ogummaa fi teekinooloojii yeroon gaafatuun deeggaramuun akka hojjetuuf gahumsa ogeeyyii fi dhaabbiilee Miidiyaa dagaagsuuf kan kaayyefatedha. Giddu galli Gahumsaa kun Yuunvarsiitii Finfinnee waliin wal-tumsuun faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachjiisuuf Naamusa ogummaa Gaazzexeessummaa, seerotaa fi dhimmoota biroo wal qabatan irratti leenjii kenna jedhameera. Ministirri Gorsaan Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, Gaazexeessummaan biyya keenya jiru Itiyoophiyaa fakkaachuu qaba. Miidiyaawwan Itiyoophiyaa keessa jiran, kan dhuunfaas ta’e kan uummataa, Kan Amantaa, dhimmooota Afur irratti garaagarummaa qabaachuu hin qaban jedhaniiru. Faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa eegsisuurratti gaazexeessaan Miidiyaa kamirrattiyuu hojjetu dhimma dagachuu hin qabne ta’uu ibsaniiru. Miidiyaan Tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan cimsan, tokkummaa fi tumsa hawaasaa kan agarsiisan ta’uu qabu jedhaniiru. Seenessa waloo ijaaruu fi yaadama Itiyoophiyaan Badhaadhuu qabdi jedhu giddu galeeffatee hojjechuu akka qaban xiyyeefannoo kennaniiru. Daarekteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Dr.Saamsoon Mokonnin gamasaaniin, Miidiyaan Guddina hunda galeessaa biyyaa fi faayidaan biyyoolessaa qooda bakka hin bu’amne akka qaban ibsaniiru. Giddu galli Gahumsaa kun faayidaa biyyoolessaa kan bu’uureffatee fi Gaazexeessummaa Itiyoophiyummaa gonfate ga’oomsuuf ni gargaara jedhaniiru. Giddu galli gahumsaa kun humna namaa gahoomee fi teekinooloojiin kan gurmaa’e ta’uu ibsuun, Imaammata baastotaa fi dhaabbilee Barnootaa olaanoo waliin tumsaan hojjeta jedhaniiru. Saganticharratti Afayaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Qondaaltonni Olaanoon Federaalaa, Miidiyaalee adda addaa fi Hoggantoonni Yunvarsiistii Finfinnee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef hirmaataniiru.
Kaanaadaan tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti-Ambaasaaddara Kaanaadaa Niikolaas sii maardi
Oct 16, 2025 196
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Sii Maardi dhiheenya muudaman Kaanaadaan tumsa dinagdee garagaraa Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuun cimsitee akka itti fuftu ibsan. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Onkoloolessa 4 bara 2018 xalayaa muudamaa biyyoota garagaraa masaraa biyyaalessaatti fudhataniiru. Ambaasaaddarri Sii Maardi wayita kana TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Kaanaadaan hariiroo dippilomaasii, dinagdee fi ummattoota iyyoota lamaanii cimaa bara dheeraaf ture qabu. Hariiroon biyyoota lamaanii oolee bulee bal’achaa fi guddachaa dhufuusaa eeranii, Biyyoota Itiyoophiyaa misoomaan deeggaran gurguddoo keessaa Kaanaadaan ishee tokko ta’uuibsaniiru. Ambaasaaddar Sii Maardi akka ibsanitti, Kaanaadaan tumsa dameelee Erispees, , albuuda, barnootaa fi kanneen biroon tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu Cimsitee itti fufti. Dabalataanis Itiyoophiyaa fi Kaanaadaan riijinii Afriikaa Bahaatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf walitti dhiheenyaan hojjechaa akka jiran ibsanii, tumsa kana cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Tumsa kana fuulduras ciminaan akka itti fufan ambaasaaddarichi dubbataniiru.
Dhimmoonni teekiniikaa hafan furamuu kan qaban dandeettii, carraaqqii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin ta’uu qaba-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Oct 14, 2025 564
Onkoloolessa 4/2018(TOI-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalayaa muudamaa ambaasaaddara Gibxi Itiyoophiyaatti haaraa muudaman Abayida El Dandarawin har’a fudhataniiru. Odeeffannoon TOI’n waajjira pirezidaantiirraa argate akka agarsiisutti pirezidaant Taayyeen ambaasaaddaricha waliin marii taasisan irratti hariiroo gama hedduu bara dheeraa biyyoota lamaan jidduu ture kaasaniiru. Dhimmoonni teekiniikaa hafan biyyoota lamaan jidduu jiru jiraatanis dandeettii, tattaaffii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin qofa kan bira gahamu ta’uu himaniiru. Biyyoonni lamaan hariiroosaanii qonna dabalatee gama Industirii, maanuufaakchariingii fi dameelee biroo hedduutiin itti fufuu akka qaban cimsanii kaasaniiru.

Hawaasummaa
Hojii qulqullina barumsaa eegsisuuf hojjetamu keessatti deeggarsii fi hordoffiin hooggansa damichaa cimuu qaba
Oct 17, 2025 63
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Hojii qulqullina barumsaa eegsisuuf naannoo Oromiyaatti hojjetamu keessatti deeggarsii fi hordoffiin hooggansa damichaa sadarkaan jiruu cimuu akka qabuhimame. Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessisaniif bakka hooggantoonni olaanoo naannichaa argamanitti badhaafnii fi beekamtiin kennameera. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannichaa obbo Kaffaaloo Tafarraa wayita kana akka ibsanitti, hooggansi sadarkaan jiru dhaloota beekumsaa fi ogummaan gabbate ijaaruuf tumsuu qaba. Keessumaa manneen barumsaa waggoota walitti aananitti barataa tokkollee dabarsuu indandeenye akka jiran kaasanii, manneen barumsaa kunneen rakkoosaanii sirriitti sakatta’anii furmaatarratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Kanaaf ammoo hooggansi damee barnootaa sadarkaan jiru miira itti gaafatamummaa qabuun humna guutuun damee barnootaa bu’a qabeessa gochuuf cimee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Damee barnootaan alattis hooggantoonni godinaa, aanaa fi magaalaa xiyyeeffannoo kennuun deeggaruu fi to’achuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hawaasnis hojiilee qulqullina barnootaa eegsisuuf hojjetaman deeggaruun dhaloota fooyya’aa ijaaruu keessatti deeggaruu akka qaban dubbataniiru. Badhaafamtoota keessaa mana barumsaa bultii addaa Yunivarsiitii Haroomayaarraa kan dhufe barataa Fira’aansii Mokonnon, qabxii fiduuf kan isa gargaare xiyyeeffannoo barumsaaf kennee fi yeroo qo’annaasaa sirnaan fayyadamuu ta’uusaa dubbateera. Barattoonni yeroosaanii guutummaan barnootaaf oolchuun qayyabachuu yoo danda’an qabxii gaarii fidu kan jedhe barataan kun, fuulduras barumsa isaan cimee qabxii gaarii galmeessuuf akka carraaqu ibseera. Mana barumsaa bultii addaa Dodolaarraa kan dhufe barataa Amaan Hashiim gamasaatiin, galtee barnootaa mana barumsaa addaatti mijatetti fayyadamuun cimee qayyabachuun qabxii olaanaa galmeessisuusaa dubbateera. Barattoonni biroos barumsa isaanii sirnaan hordofuun fi cimanii qayyabachuun qabxii fiduu akka danda’an yaada kenneera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad loojii Diinshoo fi lafa margaa Gesee daawwatan
Oct 17, 2025 92
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad,giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo fi hooggantoonni mootummaa garagaraa Godina Baaleetti ijaaramaa kan jiru loojii Diinshoo fi lafa margaa Gesee daawwataniiru. Finfinneerraa kibba lixaatti km. 400 naannoo Oromiyaatti kan argamu paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee iskuweer kiiloo meetirii kuma 2 caalurratti akka argamu odeeffannoon waajjira ministira muummee nimul’isa. Paarkiin kun gaara Itiyoophiyaatti dheerinasaatiin lammaffaa ta’e dabalatee teessuma lafaa dinqisiisaa, bineensota bosonaa, bosonoota, Gachee margaa fi biqiltuuwwan akaakuu garagaraa waan of keessaa qabuuf “addunyaa garagaraa paarkii tokko keessatti” jedhamee amma waamamuutti akka gahe eerameera.
Tajaajila tola ooltummaa Aadaa godhachuun Harka Qal’eeyyii deeggaruu fi hojiin jireenyasanii jijjiiruu bakkeewwan hundatti itti fufa-Ministira Dr. Alamuu simee
Oct 17, 2025 56
Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Tajaajila tola Ooltummaa Aadaa godhachuun harka qal’eeyyii deeggaruu fi hojiin jireenyasaanii jijiiruu bakkeewwan hundatti kan itti fufu ta’uu Miistirri Geejibaa fi LoojistiksiiDr.Alamuu Simee ibsan. Paartii Badhaadhinaatti gurmaa’insa Dhaabbilee Federaalaa kilaastera badhaadhina Dinagdee, bulchiinsa Diree Dawaatti, tajaajila tola ooltummaa Gannaan manneen Ijaarsise fayyadamtootaaf dabarsee kenneera. Sirna wal harkaa fuudhinsaa kanarratti kan argaman gurmaa’insa dhaabbilee federaalaatti gaggeessaan kilaastera badhaahina Dinagdee fi Miistirri Geejibaa fi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee, Waggoottan torban darban mootummaan badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa hojii tola ooltummaa Gannaa fi bona hojjetamaa jiraniin wal gagaaruu fi walooma cimsuurra darbee rakkoo hawaasummaa uummataa furaa jiraachuusaanii dubbataniiru. Bu’aawwan kana itti fufsiisuun Itiyoophiyaanota hunda aadaa wal deeggaruu dagaagsuu akka qabnu hubachiisaniiru. Guyyaa har’aa Diree Dawaatti Tajaajila tola ooltummaa Gannaan manneen ijaaraman jireenya maatii harka qal’eeyyii fi manguddootaa fooyyessuuf kan dandeessisanidha jedhaniiru. Tajaajila tola ooltummaa Aadaa godhachuun harka qal’eeyyii deeggaruu fi hojii jireenya saanii fooyyessuu bakkeewwan hundatti itti fufa jechuun mirkaneessaniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Diree Dawaa Harbii Buh gamasaaniin Dhaabbilee Federaalaa kilaastaricha jala jiran tajaajila tola ooltummaa Dirree Dawaatti raawwatan galateeffataniiru. Bulchiinsichatti tajaajila tola ooltummaa bara 2017n Manneen Haarawaan 291 kan ijaaraman yoo ta’u, Manneen 281 immoo Haaromsuun jireenyaa fi haala jireenyaa maatii harka qal’eeyyii jijiiruuf tattaaffiin taassifameera jedhaniiru. Baatiiwwan bonaa fuulduratti hawaasa hirmaachisuun bu’aawwan fooya’aa galmeessisuuf ammumaan sochii eegaluusaanii eeraniiru. Bulchiinsichattii tajaajila tola ooltummaa Gannaan dameewwan hojii adda addaan jiraattota hedduu fayyadamoo taassisan raawwatamuu isaanii kan ibsan immoo Bulchiinsa Diree Dawaatti Komishinara Komishinii Ispoortii Kaaliid Mahaammaddi. Tajaajila Tola ooltummaa Gannaan tola ooltonni kuma 90 ol hirmaachuusaanii ibsaniiru.
Hojiileen naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf eegalaman tattaaffi qindaa’aa qooda fudhattootaan itti fufu
Oct 17, 2025 76
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Hojiileen naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf eegalaman tattaaffi qindaa’aa qooda fudhattootaan akka itti fufan sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa Oromiyaa Saadaat Nashaa ibsan. Konfaransiin barnootaa naannoo Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u barattootaqormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa fidaniif beekamtii fi badhaafni kennameera. Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa, sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara magaalotaa Masfin Malaakuu dabalatee hooggantoonni olaanoon naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannichaa Saajaat Nashaa wayita kana akka ibsanitti, mootummaan naannichaa barumsa qulqulluu dhalootaan gahuuf hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jira. Manneen barumsaa idileen duraa bu’ura boruu baay’inaan ijaaramuu yaadachiisanii manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa fi lammaffaa xumuramanii tajaajilaaf ooluu dubbataniiru. Keessumaa muuxannoowwan manneen barnootaa bultii addaatti mul’atan bal’isuun damee saayinsii fi teeknooloojiin dhaloota beekumsa fooyya’aa qabu ijaaruuf hojjetamaa jira jedhaniiru. De’eetaan ministira barnootaa Ayyalach Isheetee gamasaaniin, barumsi qaqqabummaa, sirrii ta’ee fi qulqullina bu’ura godhate amma barbaadamu mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu kaasaniiru. Sirna barnootaa haaraa bu’ura qbsiisuufkitaabota barumsaa qaqqabsiisuuf ministeerichi kitaabota miiliyoona 24 naannolee fi bulchiinsa magaalotaaf raabsuuf hojjechaa jira jedhaniiru. Hoogganaan biiroo barnootaa naannoo Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, Barattoonni naannichaa bu’urarraa dubbisuu, barreessuu fi xiinxaluu akka danda’an xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Diinagdee
Agarsiisichi walitti hidhamiinsa gabaan alatti invastimantiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran ilaaluuf nu gargaareera-Kaampaaniiwwan paakistaan
Oct 17, 2025 74
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)-Yaa’iin misooma daldalaa fi agarsiifni Paakistaan-Afriikaa shanaffaan walitti hidhamiinsa gabaa uumuun alatti invastimantiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran laaluu akka isaan dandeessise kaampaaniiwwan Paakistaan ibsan. Sagantaan baniinsaa yaa’ii misooma daldalaa fi agarsiifni Paakistaan-Afriikaa shanaffaan gaggeeffamu itti fufeera. Kaampaaniiwwan Paakistaan agarsiisa hariiroo dinagdee fi daldalaa paakistaan cimsuuf akeemane kanarratti hirmaatan TOI’f akka ibsanitti, hariiroo daldalaa Paakistaanii fi biyyoota Afriikaa jidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf carraan guddaan uumameera. Maarkeetiing maanaajariin kaampaanii Piriiksi Seyid AbulhasanAbbaas akka jedhasnitti, yaa’iin daldalaa fi agarsiifni Paakistaan Afriikaa kaampaaniisaaniif carraa guddaa fideef. Daldaltoonnii fi fichisiiftoonni biyyoota Afriikaa hedduun bakka tokkotti kallattiin argamuunsaanii walitti hidhamiinsa gabaa uumuusaa eeraniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Giriin keebilsi Maarzaa Adinaan Manzur gamasaaniin, Itiyoophiyaan seensa Afriikaa ta’uushee fi filannoowwan invastimantii bal’aan jiraachuu hubanneerra jedhan. Hojii raawwachiisaa olaanaan huccuu Sadaqaat Taariiq Sataar akka jedhanitti, namoonni agarsiisa kana daawwatan hedduun oomishasaanii daawwachuunsaanii gabaa haaraa uumuuf carraa gaarii uumeeraaf. Oomishaalee dhaabbannisaanii oomishu biyyoota addaddaaf dhiheessuuf carraa gaarii argachuusaanii eeraniiru. Humni gabaa guddaan Itiyoophiyaa fi Afriikaa jiru ilaaluun Itiyoophiyaa keessatti Invast gochuuf qophaa’uusaanii beeksisaniiru.
Karaa misooma daangaa qaxxaamuruutiin guddina hunda galeessa mirkaneessuuf nihojjetama-IGAD
Oct 17, 2025 59
Onkoloolessa 7/2018(TOI)-IGAD misooma daangaa qaxxaamuru cimsuun walitti hidhamiinsi riijinii akka dhugoomu kutannoon akka hojjetu beeksise. Walgahiin waggaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaa(IMF) fi baankii addunyaa Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Walgahii waggaa kana cinaatti walgahiin Inisheetiivii gaanfa Afriikaa 26ffaan kan gaggeeffame yoo ta’u marii misooma kontraaktara daangaa irratti xiyyeeffate gaggeessuun hirmaattonni inisheetiivichaa rood maappii daangaa qaxxaamuru raggaasisaniiru. Hojmaatileen faayinaansii rood maappicha hojiirra oolchuu dandeessisan waltajjicharratti ifoomaniiru. Itti aanaa barreessaa muummuchaa IGAD Mahaammad Abdii Waaree IGAD misoomni daangaa qaxxaamuru riijinii cimaa, guddina dinagdee fi bu’ura walitti hidhamiinsaa akka ta’u kutannoon akkahojjetu ibsaniiru. Itti aanaan barreessaa muummee kun walgahicha cinaatti ministiroota maallaqaa Itiyoophiyaa, Jibutii fi Somaaliyaa dabalatee hooggantoota biyyoota garagaraa waliin marii gam–lamee taasisaniiru. Mariin taasisan walitti hidhamiinsa riijinii IGAD fi galmoota misoomaa caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatan ta’uu odeeffannoon TOI’n dhaabbata riijinichaa irraa argate nimul’isa. Walgahiin waggaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa amma Onkoloolessa 8 bara 2018tti nigaggeeffama.
Hawaasni waliin dhahiinsa appilikeeshinii hawaasummaan irra gahurraa akka ofeeggatu gaafatame
Oct 16, 2025 143
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)-Qaamoleen appilikeeshiniiwwan hariiroo hawaasummaan yaka waliin dhahuu raawwatan seeraan akka gaafataman hojjechaa akka jiru tajaajilli nageenya faayinaansii beeksise. Namoonni gocha waliin dhahuurratti bobba’an tokko tokko beekamtii fi eyyama namoota dhuunfaan ala Moobaayiliisaanii seenuun appilikeeshinii quunnamtii hawaasaa namoota dhuunfaa odeeffannoowwan iccitii kanneen akka (watis appii fi telegiraamii) kkf hatuun gocha maallaqa waliin dhahuu irratti bobba’uusaanii tajaajilichi ibseera. Waliin dhooftonni kunneen appilikeeshiniiwwan hriiroo hawaasaa erga to’atanii booda abbaa akkaawuntii isa dhugaa fakkaachuun maatii, fira, hiriyyaa fi miiltoo hojii nama sanaan galmaa’aniif bilbiluun ergaa barreeffamaa akka waan maallaqa rakkatanii fakkeessanii erguun akkaawuntii baankii kaayyoo waliin dhahuuf qophaa’etti akka ergamuuf taasisu jedheera tajaajilichi. Tajaajilli nageenya Faayinaansii eeruu isa qaqqaban bu’ureffachuun qaamolee gocha yakkaarratti bobba’an adda baasuu fi hordofuun seeraan akka gaafataman dhaabbilee qooda fudhattootaa waliin qindaa’ee hojjechaa akka jiru odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera. Hawaasni gocha waliin dhahuu kana ittisuuf ergaa bilbilasaan ergamuuf deebii osoo hinkenniin dura ergaan kun sirrii ta’uusaa karaa adda addaa mirkaneessuun ofeeggannoo akka godhu hubachiiseera. Akkasumas ergaa ofeeggannoo dhaabbilee addaddaarraa darban hordofuun gocha yakkaarraa akka ofeeggatuu fi yakka raawwatame yoo argu qaamolee seera kabachiisaniif akka beeksisu waamicha dhiheesseera.
Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jira
Oct 16, 2025 125
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jiraachuu hooggantoonni biirolee galiiwwanii naannoo ibsan. Hooggantoonni biiroo galiiwwanii naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Gaambeellaa TOI’tti akka himanitti, galii karoorfame milkeessuuf kutannoon hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii Oromiyaa Rasfaayee Tulluu, sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyaa diriirsuun galiin walitti qabamu guddachaa jira jedhaniiru. Hubannoon kaffaltoota Gubiraa guddachaa dhufuun, fooyya’insi hojmaataa fi sochiin dinagdee naannichaa bu’ura taaksii bal’isuun galiin walitti qabuuf carraa guddaa uumaa akka jiran dubbataniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Amaaraa Kibrat Mahimud, kafaltiin teeknooloojiin deeggarame bu’aa bayii tajaajilamtootaa fi baasii hinmalle hir’isuun faayidaa guddaa gumaachaa akka jiru ibsaniiru. Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Gaambeellaa Cheenkoo Deeviid, dandeettii galii guddisuunhojiileen misoomaa fayyadama dinagdee fi hawaasummaa lammiilee guddisan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Bara bajataa 2018 hubannoon galii walitti qabamu fooyyessan uumuu fi sirna tajaajila dijitaalaa diriirsuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifameera-Itiyoo Telekoom
Oct 17, 2025 57
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifamuu hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom waliin gahiinsa intarneetii Itiyoophiyaatti caalaa guddisuuf tajaajila Ze Nekses jedhu ifatti eegalchiiseera. Hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa Fireehiywoot Taammiruu, Itiyoo-Telekoom ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf telekoomii fi bu’ura misoomaa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru. Waggoottan jahan darban tajaajila neetwoorkii dhaloota afraffaa fi shanaffaa, Kilaawudii, teelee birrii fi Zaman gabayaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hojiirra oolan humna guddaa ta’aa akka jiran eeraniiru. Baay’ina maamilootaa miiliyoona 100’n gahuuf garoorfamuu ibsanii, kana keessaa maamiloonni miiliyoona 69 fayyadamtoota moobaayilii fi Birood band Intarneetii gochuuf tarsiimoon bahee hojiin eegalamuu ibsaniiru. Maamiloonni Itiyoo telekoom miiliyoona 85 tuqaa 9 Itiyoophiyaa kessa akka jiran eeranii, kanneen keessaa miiliyoonni 47 qofti Intarneetii akka fayyadaman beeksisaniiru. Kanaaf ammoo sababoonni garagaraa kan jiran yoo ta’u gatiin meeshaalee Ismaart kana fayyadamuuf oolan mi’aa ta’uu sababa ijoo ta’uu eeraniiru. Itiyoo Telekoom kana yaada keessa galchuun tajaajila Ze Nekses jedhu ifoomsuuibsaniiru. Tajaajila kana qaqqabaa gochuuf bilbiloota moobaayilii teeknooloojii Kilaawud fayyadaman, Laaptooppota, Taableetotaa fi Woorkisteeshinoota gatii madaalawaan gabaaf dhiheessuusaa dubbataniiru. Maamiloonni meeshichatti fayyadaman Kilaawudii Itiyoo Telekoom kallattiin fayyadamuun tajaajila tajaajila akka argatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu dhiheessuuf qophiin taasifamuu eeranii, qaqqabummaa Intarneetii kana guddaa fooyyessa jedhan. Yeroo ammaa qonna, tajaajila dijitaal faayinaansii barumsa dabalatee tajaajiloonni mootummaa garagaraa Intarneetiin akka kennaman eeranii, gama Kanaan tajaajilli Ze Nekses hojii eegaluunsaa faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Tajaajilli Ze nekses dhaabbileen akka waldorgoman gochuuf akkasumas tajaajiloota si’ataa fi ammayyaa qaqqabaa akka taasisan qooda olaanaa akka bahu himaniiru.
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha
Oct 13, 2025 279
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama. Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama. Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha. Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru. Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru. Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru. Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru. Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan. Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru. Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru. Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru. Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba
Oct 11, 2025 302
Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan wal qabatu ta’uu hubachuun hojiileen qindoominaa damee Kanaan hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan. Sirni jalqabsiisa baatii nageenya Saayibarii biyyaalessaa 6ffaan gaggeeffamaa jira. Hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ergaa dabarsaniin waggoottan jijjiiramaa darban gama hundaanuu hojiileen misoomaa milkaa’oon hojjetamaniiru. Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa giddicha dabalatee Pirojektoonni gurguddoon eebbifaman fi eegalaman kan bayyanachuun Itiyoophiyaa jalqabamuu agarsiisan kutannoo mootummaan misooma egeree fi guddinaaf qabu qabatamaan kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojmaattota dijitaalaa sochii guyyuu lammiilee fi tajaajila mootummaa si’achiisan hojeessuun jijjiiramoonni qabatamaa argamuu kaasaniiru. Yeroo ammaa tajaajiloonni dhaabbileen kennaman 900 ol karaa teeknooloojii tajaajilamtootaaf kennamaa akka jiran eeraniiru. Teeknooloojii fi misoomni waliin deemu kan jedhan ministirri kun, nageenyi misoomaa eegamee akka turu gochuurratti xiyyeeffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan walitti hidhamu waan ta’eef hojiileen damee Kanaan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban hubachiisaniiru. Kanaaf ammoo hojiileen hubannoo karaa addaddaa kennaman qooda guddaa akka qaban eeraniiru. Baatiin nageenya Saayibarii hojiilee akka biyyaatti nageenya Saayibarii irratti hojjetaman hubachiisuuf carraa kan uumuu fi hojmaata qindaa’aa dhaabbilee cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kanaaf hojiileen nageenya Saayibarii ilaalchisuun guutuu biyyaatti raawwataman karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hundi qoodasaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiifteetti
Oct 10, 2025 316
Fulbaana 30/2018(TOI)- Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiisuu akka dandeesse hooggantuun pirees sekreetaariyaatiin waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Yaa’iin hooggantoota ‘COMESA’ 24ffaan kaleessa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni biyyoota miseensa ‘COMESA’ irraa walitti dhufan yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’icharratti dubbii dubbataniin ajandaa fooyyessa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaaf dijitaalaayizeeshiniin utubaa ijoo ta’uu kaasaniiru. Bu’ura misoomaa cimaa kan akka inisheetiivii leenjii koodarsii ijaaruu fi ogummaa bal’aa horachuutiin Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisaa akka jirtu eeruusaanii hooggantuun pirees sekreetaariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum dubbataniiru. Carraaqqiiwwan hedduun kunneen guddinaa fi jijjiirama Itiyoophiyaa gaggeessuu fi bu’ura misoomaa dijitaalaa cimaa uumuuf kutannoo qabdu kan agarsiisan ta’uu eeraniiru. Hojiileen Itiyoophiyaan jalqabde kan akka sirna waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajiloota mootummaa atomeet gochuun guddina damee dijitaalaaf akka fakkeenya ijootti kan fudhataman ta’uu eeraniiru. Sagantaaleen inisheetiivii akka akka leenjii koodarsii Dargaggoonni ogummaa dijitaalaa qabaatanii damee Kanaan jijjiirama qabatamaa akka fidan kan gargaaran ta’uu ta’uu eeraniiru. Ministirri muummee dubbii dubbataniin carraaqqiiwwan dijitaalaayizeeshinii biyya keessaa bu’aa guddaa akka agarsiisan galmoota riijinii waliin walsimuu akka qabu dubbachuusaanii hoggantuun kun ibsaniiru. Itti dabaluunis, ministirri muummee dargaggoonni Afriikaa misoomaa fi guddina Ardichaaf qabeenya ijoo ta’uusaanii kaasuusaanii eeraniiru. Biyyoonni Afriikaa kennaa fi dandeettii gabbataa dargaggoota ardichaatti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ispoortii
Taphni piriimer Liigii Ingiliz torbaffaan har’a jalqabama
Oct 3, 2025 1044
Fulbaana 23/2018 (TOI)- Taphni piriimer Liigii Ingiliz jalqabaa torbaffaan Bornimawuz fi Fulhaam jidduutti har’a nitaphatama. Taphni garee lamaanii galgala sa’aatii 4tti Istaadiyeemii Vaayitaaliitii gaggeeffama. Bornimawuz qabxii 11’n jahaffaa, Fulhaam qabxii saddetiin sadarkaa 11ffaarratti argama. Kilaboonni lamaan piriimar Liigiin yoo waliin taphatan kun kan salgaffaati. Taphoota saddet Kanaan dura taphatamaniin Bornimawuz yeroo afur yoo mo’atu Fulhaam yeroo lama mo’ateera. Yeroo lama ammoo walqixa bahaniiru. Taphoota liigii bara dorgommii 2024/25 taasisaniin Bornimawuz yeroo tokko yoo mo’atu taphoota hafaniin qabxii qooddataniiru. Bornimawuz sagantaa turban jahaffaan Liidsi Yuunaayitid waliin 2 fi 2’n yoo xumuru Fulhaam Astonviilaadhaan 3 fi 1’n mo’ameera. Sagantaan Piriimar Liigii Ingiliz turban toorbaffaan amma Fulbaana 25 bara 2018tti nitura.
Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin nitaphata
Sep 30, 2025 741
Fulbaana 20/2018(TOI)-Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaa marsaa lammaffaan Riyaal maadriid garee kaazakistan Kaayiraatii Almaatii waliin har’a nitaphata. Taphni Kilabootaa lamaanii galgala sa’aatii 1fi daqiiqaa 45tti Istaadiyeemii Artaalikitti nigaggeeffama. Tapha jalqabaa Riyaalmaadiriid Marseeyin 2 fi 1n yoo Injifatu, Kaayirati Almaatii ispoortingiin lizbeeniin 4 fi 1 mo’ameera. Kilabiiwwan lameen shaampiyoonsi liigiin yoo wliin taphatan kun kan jalqabaati. Injifataan Dorgommii yeroo marsaa 15ffaa RiyaalMaadiriid taphicha gaggeessuuf imala xiyyaaraa naannoo kilomeetirii kuma 7 kan taassise ijoo dubbii ta’eera. Imalichi Qophii qaamaa Taphattootaarratti dhiibbaa akka geessisu dubbatamaa jira. Haaluma walfakkaatuun galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti kilabii Atilaantaa kilab Biruuj waliin nitaphatu. Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin nitaphata Galgala sa’aatii 4 irratti taphoonni 7 ni gaggeeffamu. Chelsiin Benefiika, galatasarayi Liivarpuul, paafos baayer muniik, Atileetikoomaadriid Intiraakit Firaankifart, Intermiilaan Silaaviyaa piraag, Marseey ayaakisi fi bodo gilimti Totanihaam hotispersi waliin nitaphatu.
Waancaan Itiyoophiyaa Onkloolessa 9 eegala
Sep 30, 2025 661
Fulbaana 20/2018(TOI)-Waancaan Itiyoophiyaa bara 2018 Onkoloolessa 9 bara 2018 akka eegalu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksise. Dorgommii Marsaa jalqabaa Onkoloolessa 9 hanga 11 bara 2018tti gaggeeffamurratti gareen Liigii Olaanoon nihirmaatu. Gareen kun Magaalota Dorgommii Marsaa keessatti gaggeeffamanitti ramaddiisaaniin tapha walii gaggeessuun gareen injifatan marsaa lammaffaan piriimer liigii Itiyoophiyaa waliin walitti makamanii akka taphatan federeeshinichi hubachiiseera. Walaayitaa Diichaan yeroo kana garee Waancaa Itiyoophiyaa injifatedha.
Piriimer Liigicha dursaa kan jiru Liivarpool Kiristaal Paalaas waliin nitaphata
Sep 27, 2025 923
Fulbaana 17/2018 (TOI)-Sagantaan torban jahaffaa Piriimer liigii Ingiliz taphoota har’a taphatamaniin ittifufa. Olmaa guyyaa jalqabaa turban jahaffaatiin taphoonni Toorba nigaggeeffamu. Saganticha keessaa liigicha dursaa kan jiru taphni Livarpool Landan Kibbaa dhaquun guyyaa keessaa sa’aatii 11tti taphatu keessatti argama. Livarpool qabxii 15niin sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru yoo ta’u Kiristaal Paalaas qabxii sagaliin sadarkaa shanaffaarra jira. Livarpool yoo mo’ate qabxii Arsenaal waliin qaban yeroof gara saddetiitti guddata. Kiristaal paalaas fi Livarpool amma ammaatti liigichaan hinmo’amne. Cheelsiin Biraayitan, Maanchastarsiitiin Barnleeyi fi Liidsi Yuunaayitid Barnimaawuz waliin salaatii walfakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 11tti nitaphatu. Birentifordi Manchastar Yuunaayitid waliin guyyaa keessaa sa’aatii 8 fi 30tti nitaphatu. Nootiingihaam Forest Sandarlaand waliin galgala sa’aatii 1 fi 30tti, Astonviilaan Fulhaam waliin galgala sa’aatii 4tti nitaphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 136
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufeera
Oct 11, 2025 392
Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, waggoottan walitti aanan darban godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’a qabeessa akka ta’an jiraattonni godinichaa kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Keessumaa kunuunsi biqiltuuwwan ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan dhaababaniif taasifamu cimee gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Walumaa gala biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan godinichatti dhaabaman naannawicha magariisaan guutuurra darbee hojii qonnaafis deeggarsa gochaa akka jiran ibsaniiru. Biqiltuu kunuunsuurratti kan argman keessaa adde Leellisee Birhaanuu, biqiltuuwwan baatii gannaa asharaa magariisaan dhaabaman kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan naannawasaaniitti dhaabamaniin jijjiiramni qabatamaa dhufaa jiraachuu waan hubataniif ammas kunuunsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Garramuu Nagaraa gamasaaniin, biqiltuuwwan dhaabaman akka guddatan qoodasaanii bahaa akka jiran dubbataniiru. Hundi naannawasaatti Biqiltuu kunuunsuun guddisuu qaba kan jedhan ammoo obbo Natsaannat Abbabaa yoo ta’an biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Tarkaanfii fi kutannoon Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhatte dinqisiisaadha
Sep 25, 2025 1035
Fulbaana 15/2018(TOI)- Tarkaanfii fi kutannoon cimaan Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiisaadha jechuun ibse inistiitiyuutiin dhaabbata qorataa idil addunyaa Istookhoolm Invaaronment ibse. Qulqullinni qilleensaa qilleensi ammam faalamarraa bilisa? Kan jedhu kan ittiin safaramudha. Biyyoonnii fi dhaabbileen safartuuwwan qulqullina qilleensaa qopheessuun qilleensi qulqulloodha moo faalameera kan jedhu madaaluun qulqullinasaa fooyyessuuf nihojjetu. Qulqullinni qilleensaa fooyya’uunsaa dhibeef saaxilamuu hir’isuuf, qilleensa naannawaa eeguu fi jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qooda murteessaa qaba. Inistiitiyuutiin Istookhoolm Invaaromentaal A.L.Atti bara 1989 hundeeffame qormaattonni haala qilleensaa, qilleensa naannawaa fi misooma fulla’aa akka furaman yaada saayinsaawaa qorannoo fi qu’annoo nidhiheessa, deeggarsa gabbisa dandeettii nitaasisa. Deeggarsa dhaabbanni imaammata Saayinsii idil addunyaa taasisu keessaa biyyoonni qulqullina qilleensaa akka fooyyessan deeggaruudha. Inistiitiyuutii Istookhoolm Invaaromentaalitti ogeessii fi qorataan qulqullina qilleensaa Nigongangi Waanjii Danub turtii TOI waliin taasisaniin, Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa ilaalchisee yeroo yerootti odeeffannoo walitti qabuun dursuun faalama ittisuuf hojiin itti jirtu jajjabeessaadha jdhaniiru. Odeeffannoowwan sadarkaa dhaabbataatti galtee imaammataaf oolchuuf kutannoo jiru dinqisiifataniiru. Karoora bulchiinsa qulqullina qilleensaa fi qulqullinni ittiin to’atamu qopheessuunfaalama qilleensaa dursaan ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi hojii abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalichatti odeeffannoo qulqullina qilleensaa walitti qabuu fi to’annoo qulqullina qilleensaa hojjechaa jiru deeggaraa akka jiru ogeessi kun ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hojjetu dabalatee Humna Itiyoophiyaan dhaabbilee garagaraa keessatti qabdu odeeffannoowwan qulqullina qilleensaa yeroo yerootti walitti qabuun faalama hir’isuuf cimtee hojjechuu akka qabdu gorsaniiru. Qulqullina Qilleensaa fi odeeffannoo haala qilleensaa haala Qindaa’een fayyadamauun faalama ittisuurratti bu’aa hunda galeessafiduuf hojjechuun akka malu hubachiisaniiru. Invaarometaal Inistitiyuutii Istookholmi Itiyoophiyaa dabalatee sadarkaawwan qulqullina qilleensa biyyoota Afriikaa akka fooyyessan deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa safartuu qulqullina Qilleensa biyyoolessaa fi hojiirra oolmaa imaammataa fi deeggarsa gabbisa dandeettii kennaa jiraachuu eeraniiru. Odeeffannoo Qulqullina Qilleensaa biyyoota Afriikaa haala qilleensa biyyoolessaa waliin walitti hidhuurratti akka argamu ogeessi kun ibsaniiru. Biyyoon buufata raaga haala Qilleensaasaaniitti odeeffannoo haala qilleensasaanii waliin odeeffannoo haala qilleensa walitti hidhanii fayyadamuun bu’aa barbaadamu fiduuf akka hojjetanii fi cehumsa gara Dinagdee Magariisaatti taassisan akka saffisiisan hubachiisaniiru. Dhimmi qulqullina qilleensa Afriikaa caasaa dhaabbataa fi hammattoo imaammataan dabaluuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 1419
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 7819
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6373
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.