Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera - ENA Afaan Oromoo
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera.
Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera.
Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira.
Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru.
Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru.
Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru.
Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru.
Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru.
Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru.
Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru.
Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru.
Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.