Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti - ENA Afaan Oromoo
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti.
Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera.
Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte.
Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti.
Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti.
Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru.
Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti.
Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha.
Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.