Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, akka gabbatuu fi eegamuuf ni hojjatama— Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, akka gabbatuu fi eegamuuf ni hojjatama— Obbo Shimallis Abdiisaa
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Sirni Gadaa jireenya hawaasummaa har’aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta’eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjatama jedhan Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Gadaa Tuulama Oromo 71ffaan Magaalaa Shaggar, Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti haala miidhagaa ta’een gaggeeffameera.
Haaluma kanaan, Abbaa Gadaa Melbaa Goobana Hoolaa bara aangoo isaanii xumuruun Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaatiif baallii dabarsaniiru.
Guyyoota dura Abbootiin Gadaa fi kutaaleen hawaasaa sadarkaa sirna Gadaa adda addaa keessa jiran Dhakaa Koraatti walitti qabamuun sirnoota aadaa fi amantii adda addaa raawwachaa turaniiru.
Akkaataa seera wal-harkaa fuudhinsa baallii Gadaan waggaa saddeet saddeetiin gaggeeffamuun, har’as Gadaa Melbaa irraa gara Gadaa Muudanaatti ce’umsi 'Alangee' raawwatameera.
Sirna aadaa dabarsa Alangee (Baallii) Gadaa Tuulamaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aaddee Sa’adaa Abdurahimaan, hogganoonni ol-aanoo Magaalaa Shaggar, Abbootiin Gadaa, Haadhotiin Siinqee fi miseensonni hawaasaa lakkoofsaan hedduu ta'an argamaniiru.
Sirna kana irratti haasaa kan taasisan Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa; Sirni Gadaa tokkummaa uummata Oromootiif bu’uura ijoo waan ta’eef, duudhaalee isaa caalaatti cimsuu fi itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii haaromsa aadaa hojjeteen, kanaan dura aadaaleen fi duudhaaleen Oromoo irraanfatamanii fi gatamanii turan deebi'anii akka baayyanatanii fi ijaaraman taasiseera jedhan.
Kana milkeessuufis sadarkaa barnoota gadii irraa eegalee sirni Gadaa sirna barnootaa keessatti akka akaakuu barnoota tokkootti akka kennamu taasifamuu fi dhaloota duudhaalee sirna Gadaatiin guddisuuf hojjatamaa jiraachuu Pirezidaantichi dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo duraa mootummaan naannichaa kenne keessaa tokko Aadaa Durii, duudhaa fi eenyummaa uummata Oromoo gabbisuu fi caasaa dhaabbataa jabaa diriirsuu ta’uu dubbataniiru.
Sirni kun hambaa qofa osoo hin taane, utubaa eenyummaa, jabinnaa fi guddina uummata Oromoo akka ta'e kan amanamu ta'uu fi sirnichi jireenya hawaasummaa har'aa fi carraa fuulduraa hawaasaa kan bocu waan ta'eef, caalaatti akka gabbatuu fi eegamuuf xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa jiraachuu Obbo Shimallis addeessaniiru.
Beekumsa durii kana itti fufsiisuu, seenaa sirreessuu, duudhaalee isaa guddina dinagdeef, Aartii, miidiyaaf, og-barruu fi madda beekumsaatiif oolchuu, akkasumas dhaloota of danda'ee fi haala qabatamaa addunyaa wajjin wal-simate uumuun xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta'uu pirezidaantichi ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannichaa Aaddee Jamiilaa Simbiruu gama isaaniitiin, biirichi bakkeewwan Ardaa Jilaa misoomsuu fi hojiilee qorannoo gaggeessuu irratti hojjachaa turuu isaa eeranii, gara fuulduraattis Gadaa Tuulamaa haaraa Alangee (Baallii) fudhate wajjin qindoominaan akka hojjatan beeksisaniiru.
Abbootiin Gadaa Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti argaman, seera sirni Gadaa mirga namaa fi uumamaaf kenne mirkaneessan adda addaa labsaa fi raawwachaa dabarsaniiru.