Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame
Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera.
Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini.
Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa.
Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha.
Waggaa saddeet saddeetiin kan gaggeeffamu Sirni baallii wal-harkaa fuudhinsa Abbaa Gadaa Tuulamaa, har’as mallattoo aangoo kan ta’e sirni dabarsa 'Alangee' haala miidhagaa ta’een raawwatameera.
Waggoottan saddeettan darban keessa gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaa aangoo isaanii kan dabarsan yoo ta'u, bara aangoo waggaa saddeet haaraatiif itti gaafatamummaa kan fudhatan ammoo Abbaa Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa ti.
Goobanaa Hoolaa alangee ykn aangoo dabarsan kun, gara fuulduraatti 'Yuuba' ykn gorsituu ta'uudhaan tajaajilaa deema.
Sagantaa kana irratti Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee, hoogganoonni hojii mootummaa Federaalaa fi Naannichaa, Abbootiin Gadaa, Maangaddoonni biyyaa, miseensonni hawaasa naannichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.