Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse.
Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera.
Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru.
Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama.
Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru.
Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru.
Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru.
Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru.
Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru.
Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.