Tamsaasa Kallatti:

Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata

Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu.

Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera.

Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera.

Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera.

Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera.

Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera.

Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera.

Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera.

Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera.

Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015