Kenninsa Tajaajila Geejjibaa Naannichaa Mijataa gochuuf hojii tajaajila diijitaalaa babal’isuurratti irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Kenninsa Tajaajila Geejjibaa Naannichaa Mijataa gochuuf hojii tajaajila diijitaalaa babal’isuurratti irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Waxabajjii5/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti tajaajila kenniinsa geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf babal'ina tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Geejjibaa Naannichaa ibse.
Ejansichatti Daarektarri Tajaajila Geejjiba Ummataa Obbo Musbaahuddiin Abdulmajiid ENA'f akka ibsanitti; kenniinsa tajaajila geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan babal'isa tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan, bara baajataa Kanaan hanga taarifaa, fageenya daandiiwwan uwwifamanii fi iddoowwan ka'umsaa fi ga'umsa geejjibaa ifatti akka beekaman taasifameera jedhan.
Konkolaachistootaa fi gargaartonnis hojimaata kana akka hordofan gochuu bira darbee, konkolaattonni sarara ramaddii isaaniif hayyamame qofaan akka hojjetan, booloo fi inshuraansii qaama sadaffaa maxxansuu isaanii mirkaneessuu, akkasumas sirnoonni to'annoo dandeettii teeknikaa fi hayyama ramaddii akka ciman ibsaniiru.
Kana malees, imalawwan fageenya walfakkaataa qaban kaffaltii taarifa walfakkaataa akka qabaatanii fi konkolaattonni ramaddii ji'aa isaanii sirnaan akka raawwatan sirni ramaddii diijitaalaa diriirfamuu isaa dubbataniiru.
Keessattuu, dhiyeessii fi fedhii geejjiba uummataa walitti fiduuf akkasumas tajaajilicha ammayyeessuuf misoomni buufata konkolaataa ammayyaa’aa fi qinda’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Jimma, Naqamtee, Walisoo, Roobee fi Shaashamannee dabalatee magaalaalee naannichaa 17 keessatti ijaarsi buufataalee konkolaataa ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii xumuramee tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii hubachiisaniiru.
Buufataleen kunneen tajaajila hojimaata badaarraa qulqulluu kan ta'e akka kennaniif, to'annoo fi hordoffiin kallattii kaameraa Siisiitiivii (CCTV) tiin deeggarame wiirtuu guddaa ejensichaa irraa taasifamaa jira jedhaniiru.
Dabalataan, magaalaalee Bulee Horaa fi Asallaa dabalatee ijaarsi buufataalee ammayyaa haaraa afurii gaggeeffamaa akka jiru akeekaniiru.
Walii galaan, godinaalee naannichaa hundaa fi magaalaalee gurguddoo 23 keessatti buufatalee geejjiba ummataa 380 ol ta'an irratti sirni to'annoo diijitaalaa diriireera jedhaniiru.
Konkolaachistoonni adabbiin irratti jiru bakka jiran irraa bilbila harkaa isaaniitiin kaffaltii raawwachuu srni dandeessisus diriiruu isaa dabalanii ibsaniiru.
Ejansichi bara baajataa itti aanutti tajaajilicha caalaatti ammayyeessuu fi dhaqqabamaa gochuuf karroorsee hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Musbaahuddiin; hojimaata tajaajilamtoonni karaa Telebirriitiin bakka jiranirraa bilbilaan belleettoo imalaa konkolaataa barbaadanii kutachuu kan danda'an hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.