Tamsaasa Kallatti:

Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuuilaalchisee Dhugaa jiru

 Ministirri Mummee Dr.Abiyyi Ahimad Amajjii 2 bara 2018 Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiisaniiru.

 Buufatni Xiyyaaraa kun Finfinneerraa fageenya kilomeetira 40 irratti, olka'insa galaanarraa meetira kuma1 fi 910 irratti ijaaramaa jira.

 Waggaatti Imaltoota hanga miliyoona 110 keessummeessuu danda'a.


 

 Dandeettii simannaa buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee amma jiru waliin yeroo madaalamu dachaa 4 tuqaa 4 caala.

 Pirojeektiin seena-qabeessi kun, biyya keenya toora wiirtuuwwan tajaajila aviyeeshinii addunyaa keessaa tokko taasisuuf halkanii fi guyyaa carraaqqii guddaadhaan ijaaramaa jira.

 Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu seenaa Afrikaa keessatti pirojeektii bu'uura misooma aviyeeshinii isa guddaadha.

 Ijaarsi buufata Xiyyaaraa kanaa marsaa lameen raawwatama.

 Marsaan jalqabaa dandeettii imaltoota miliyoona 60 simachuu qabaatee akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030 ni xumurama jedhamee eegama.

 Marsaa kanaan tarminaalli imaltootaa baay'ee guddaa fi ammayyawaa ta'e tokkoo fi tarminaalli giddu-galeessi tokko ni ijaarama.

 Marsaa jalqabaa kanaan daandiiwwan balali'insa Xiyyaaraa dabalataa lama kan ijaaraman yoo ta'u, yeroo tokkotti Xiyyaarota 180 dhaabuu kan dandeessisu ni ijaarama.


 

 Marsaa kana keessatti tarminaalicha keessatti hoteelli ammayyaa’aan ciisichaa 350 qabu ni ijaarama.

 Waggaatti fe'umsa toonii miliyoona 1 tuqaa 5 keessummeessuu kan danda'u tarminaalli kaargoo fi wiirtuun suphaa Xiyyaaraas marsaa kanaan kan ijaaramu ta'a

 Pirojeektiin kun Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin ta’iin Ardii Afrikaatiifis fakkeenya guddaadha.

 Naannoo daldala bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuuf akkasumas hariiroo daldalaa fi dinagdee riqichaa cimsuuf gahee murteessaa taphata.

 Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu buufata xiyyaaraa idil-addunyaa boolee waliin kan wal-qunnamsiisu fi yeroo tokkotti konkolaataa 12 keessumsiisuu kan danda'u daandiin saffisaa fi daandiin baaburaa saffisaaf ni ijaarama.

 Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu rakkoo bu'uura misoomaa guddina aviyeeshinii Afrikaa hidhee qabe furuuf tarkaanfii guddaa fudhatamedha.

 Pirojeektiin ijaarama buufata Xiyyaaraa kun carraa hojii bal'aa uuma.

 Buufatni xiyyaaraa kanaan walqabatee magaalli buufata Xiyyaaraa (Airport City) hundeeffamu daldala, industirii fi tuuriizimiidhaan guddina naannichaatiif gumaacha guddaa taasisa.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015