Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan - ENA Afaan Oromoo
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan.
Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera.
Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru.
Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera.
Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni.
Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru.
Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.