Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Diinagdeen nu fayyadeera - Qonnaan Bultoota Godina Iluu Abbaa Booraa

Waxabajjii 5 /2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa manca’iinsa naannoo ittisuu bira darbee dinagdeen fayyadamoo akka taanu nu taasiseera jedhani.

Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa gama isaatiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hojiin qophii bal’aan hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Akka qonnaan bultoonni Godinichaa himanitti, misoomni Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessatti gaggeeffame magariisummaa naannoo isaanii dabaluu qofa osoo hin taane, madda dinagdee isaaniif ta’aa jira jedhan.


Qonnaan bulaan Godinichaa aanaa Hurrumuu obbo Balaachoo Alamaayyoo akka jedhanitti, Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuuwwan faayidaa dachaa qabaniif xiyyeeffannoon kennameef wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaa diinagdee isaanii akka dabalu taasiseera.

Biqiltoonni firii adda addaa waggoota darban qabeenya dhuunfaa isaanii irratti dhaaban amma oomisha gaarii kan argamsiisan yoo ta’u, nyaata qofaaf osoo hin taane, madda galii dhaabbataa ta’uu ibsaniiru.




Jiraataan biraa obbo Takkaallinyi Taaddagee akka himanitti, lafti isaanii garmalee miidhamee qullaatti hafee ture amma deebi’ee misooma qonnaaf kan oolu ta’uu dubbatani.
Lafa dhuunfaa isaa irratti firii adda addaa misoomsuu fi gurgurtaa oomishaa irraa waggaatti hanga birrii kuma 300 argachuun jireenya isaa fooyyessuu akka danda’e himeera.


Jiraattonni Godinichaa obbo Aynaalam Kidaanuu fi obbo Isaayyaas Asaffaa akka himanitti, naannoowwan manca’an akka deebi’anii fi magariisa ta’an gargaaruu bira darbee, Ashaaraan magariisaa madda galii dabalataa isaaniif ta’aa jira.
Hojii kana cimsuuf yeroo ammaa boolla biqiltuu qopheessuun biqiltoota faayidaa dachaa qaban dhaabuuf karoorfachuus ibsaniiru.


Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Addaamuu Taakkalaa akka jedhanitti, biqiltuun waggoota darban sagantichaan dhaabame hojii qonnaaf haala qilleensaa mijataa ta’e uumeera.

Wabii nyaataa fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuun gumaacha guddaa taasiseera jedhan.
Kanas itti fufsiisuuf qophiin duraa boolla dhaabbii fi geejjibni biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif taasifamaa akka jirus beeksisaniiru.

Hogganaan kun akka himanitti, biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 254 ol Godinicha keessatti dhaabuuf qophaa’uu isaanii eeruun, kanaanis lafti heektaara kuma 54 ni misoomu jedhamee eegama jedhan.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015