Tamsaasa Kallatti:

Barnoota daa’immanii fi fayyaa irratti hojjechuun biyya egeree badhaate ijaaruuf gargaara - Ministeera Barnootaa

Waxabajjii 8/2018 (ENA): Hojiin barnootaa fi fayyaa daa’immanii irratti hojjetame biyya egeree badhaateef bu’uura kaa’uuf kan gargaaru ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Giddugalli mana barumsaa bulchiinsa Dirree Dhawaan ijaarame ‘Umi” jedhamu guyyaa har'aa eebbifamee tajaajilaaf dhiyaateera.


 

Eebba kanarratti kan argaman De’eetaan Ministeera Barnootaa aadde Ayyalech Isheetee akka himanitti, hojiin riifoormii waliigalaa damee barnootaa keessatti eegalame bu’a qabeessa ta’ee hojjetamaa jira jedhani.


 

Hojiileen kunneen hojii barnootaa fi fayyaa daa'immanii irratti hojjetamaa jiru waliin walitti qindeessuun imala biyya badhaate boruu ijaaruu milkeessuu keessatti gahee murteessaa qaba jedhaniiru.

Sagantaa nyaata mana barumsaa keessatti hojiiwwan qindoominaan hojjetamaa jiran daa’imman mana barumsaa irraa akka hin hafnee fi bu’a qabeessa akka ta’an kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa guddisuun fayyaa fi soorata barattootaa fooyyessuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jiranis ibsaniiru.

Sirnichi ba’aa diinagdee warra galii gadi aanaa qaban irratti mul’atu haalaan hir’isaa jiraachuus dee’eetaan Ministeera kuni ibsaniiru.

Giddugalli nyaata mana barumsaa Dirree Dhawaatti haaraa eebbifame sagantaa nyaata manneen barnootaa bu’a qabeessa taasisuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisuudhaan, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan galateeffataniiru.


 

Daarektarri Olaantuu Inishiyeetiivii Nyaata Manneen Barnootaa Itiyoophiyaa aadde Firee’alam Shibabawu akka himanitti, Giddu-galli Nyaata Mana Barumsaa ‘‘Umi” Dirree Dhawaatti qulqullinaa fi saffisaan ijaarame biyya keenyaaf fakkeenya waan ta’eef babal’achuun itti fufa jedhan.

Sagantaan nyaata manneen barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi barattoota mana barumsaa addaan kutan ittisuuf gahee murteessaa taphachaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Harbii Buhi.


 

Sagantaan kun jijjiirama hedduu keessa akka jiru hubachiisuun, Yeroo ammaa bulchiinsi mootummaa fi michoota waliin ta’uun manneen barnootaa 42 keessatti nyaata dhiheessaa akka jiru himaniiru.

Giddu-galli har’a eebbifame hojii bifa dhaabbataa ta’een eegalame daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.


 

Itti Gaafatamaan Biiroo Barnoota Bulchiinsaa obbo Sulxaan Alii akka himanitti, wiirtuun kun nyaanni mana barumsaa michoota adda addaatiin bifa faffaca'een kennamaa ture bifa dhaabbataa fi wal irraa hin cinne ta'een akka raawwatamu kan taasisudha jedhani.

Giddugalli Nyaata ‘Umi’ (Umi Meal Center) lafa heektaara 18 irratti kan ijaarame marsaa jalqabaatiin barattoota kuma shan akka qaqqabsiisu kan taasisu yoo ta’u, misooma kuduraa fi muduraatiifis akka oolu qophii ta’uu ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015