Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Lixaatti lafa heektara 960 irratti hojiin sanyii filatamaa baay'isuu hojjetamaa jira

Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Godina Shawaa Lixaatti dhiyeessii sanyii filatamaa oomisha gannaa baranaa  dandeettii ofitiin uwwisuuf, lafa heektara 960 irratti hojiin  sanyiiwwan filatamaan adda addaa baay'isuu gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Godinni Shawaa Lixaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa bakkeewwan oomishni midhaanii keessatti omishaman keessaa tokko yoo ta'u, keessattuu kanneen akka qamadii, garbuu, xaafii fi  midhaan dheedhii bal'inaan itti oomishamu.

Waajjirri Qonnaa Godinichaa waggaa waggaadhaan guddina oomishtummaa dabaluuf galteewwan qonnaa ammayyaa’aa  dhaqqabamaa gochuuf ni hojjeta.

Godinichatti hojiin lafa heektara 960 irratti sanyii filatamaa baay'isuun eegalame kun, hanqina kanaan dura ture hanbisuun  godinichi dhiyeessii sanyii filatamaatiin akka  of danda'uu  gochuuf kan kaayyeffatedha.

Tarsiimoon  kun akaakuu biyyee fi haala qilleensa godinicha keessatti argaman bu'uura godhachuudhaan, sanyiiwwan midhaanii filatamanii fi oomisha ol'aanaa kennan naannichatti baay'isee kallattiidhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf dandeessisa.

Waajjira Qonnaa Godinichaatti Dursaan  garee makaanaayizeeshinii Qonnaa fi Fayyadama galteewwanii  Obbo Zarihuun Geetinet ENA'f akka ibsanitti; oomisha fi oomishtummaa  qonnaa  guddisuuf sanyiiwwan filatamaa fooyya'an baay'isuu fi bal'isuu irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira.

Godinichatti oomisha gannaa kanaan sanyiiwwan filatamaa oomisha ol'aanaa kennanii fi dhibee dandamachuu danda'an lafa heektara 960 irratti baay'isuudhaan, kuntaala  kuma 24 fi  200 argachuuf karoorfamee gara hojiitti senameera jedhaniiru.

Kanneen keessaa Boqqolloon, Qamadiin, Xaafiin fi midhaanotni biroo akka keessatti argaman akeekaniiru.

Hanga ammaatti adeemsa jiruun lafa heektara 130 ol sanyii boqqolloo filatamaatiin uwwifamuu kan ibsan Obbo Zarihuun; qonnaan bultoonni  galteewwan qonnaa fi hojimaata ekisteenshinii hojiirra oolchaa jiru jedhaniiru.

Hojiin sanyii baay'isuu kun Aanaalee Dandii, Iluu Galaanii  fi Baakkoo Tibbee keessatti yuuniyoona waldaa gamtaa,  fi lafa qonnaan bultoota  moodelaa irratti qindoominaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru.

Hojii sanyii baay'isuu kanaan qonnaan bultoota  kuma  2  ol kan hirmaachaa jiran yoo ta'u, milkaa'ina hojichaatiif qonnaan bultootaaf  leenjii kennuun alatti waajjirichi dhiyeenyatti deeggarsa teeknikaa taasisaa  jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin sanyii baay'isuu kun hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa furuu bira dabree, gabaaf kan dhiyaatu madda galii dabalataa akka ta'us Obbo Zarihuun addeessaniiru.

Godina Shawaa Lixaa keessatti oomisha gannaa baranaatiin walumaagala lafa heektara  kuma 900  ol midhaan gosa  adda addaa   misoomaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015