Tamsaasa Kallatti:

Sirni wal-harkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Tuulamaa gaggeeffame

Waxabajjii 7/2018 (ENA)— Gadaa Tuulamaa waggoottan saddeettan darban keessa Abbaa Gadaa Melbaa Goobanaa Hoolaatiin gaggeeffamaa ture har’a baallii fi aangoosaa Abbaa Gadaa itti aanu Abbaa Gadaa Muudanaa Getuu Taliilaatiif dabarseera.

 

Sirna Gadaa sirnoota dimokiraasii biroo irraa kan adda isa taasisu, hawaasa hundaaf bu'uura hawaasummaa wal-qixaa kennuu fi hirmaachisummaa hunda-galeessa ta’e gochaan mirkaneessuu irratti duudhaa gadi fagoo qabaachuu isaatiini.


Sirni Gadaa hawaasa kutaalee Gadaa adda addaa shaniin gurmeessuun, aangoon harka namoota muraasaa keessatti akka hin kuufamne, ykn qomoo fi hiriiroo hawaasummaatiin akka hin daangeffamne taasisa.


Caasaan kun adda kan ta’ee fi marsaa sirna bulchiinsaa kan mijeessu yoo ta'u, Sirna bulchiinsaa dimokiraasii kutaaleen Gadaa shanan kunniin tokkoon tokkoon isaanii marsaa waggaa saddeetii keessatti aangoo kan itti qabatanidha.


wal harkaa fuudhinsi aangoo  Abbaa Gadaa Oromoo Tuulamaa guyyaa har’aa fakkeenya aangoo kan ta’e wal harkaa fuudhinsa alangee sirna guddaan raawwatameera.

Waggoottan saddet darban gaggeessaa Oromoo Tuulamaa kan turan Abbaan Gadaa Meelbaa Goobanaa Hoolaa aangoo kan dabarsan yoo ta’u, bara aangoo waggaa saddetii isa haaraaf Abbaan Gadaa Muudanaa Geetuu Taliilaa aangoo fudhataniiru.

Angoo kan dabarsan Goobanaa Hoolaa kana booda Yuba ykn gorsaa ta’uun tajaajilu.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, kutaaleen hawaasaa naannawaa fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015