Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Naareendiraa Moodiif ergaa baga geessanii dabarsan

Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Naareendiraa Moodiin seenaa biyyattii keessatti hogganaa wagga dheeraa gaggeessan waan ta’aniif  ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obboleessa koo angafaa fi michuu koo jaalatamaa Naareendiraa Moodii, amantaa fulla’aa hawaasaa demokiraasii addunyaa keenyarraa isa guddaa fi baay’ee dammaqaa ta’e argachuun, Hindiin mul’ataa fi kutannoodhaan baroota demokiraasii walitti aanan sadiif gaggeessuun milkaa’ina seena qabeessa galmeessiftaniif gammachuu natti dhaga’amen ibsa jedhan ergaasaaniitiin.

Hooggansi isaanii lammiilee miiliyoonaan lakkaa’aman hiyyummaa jalaa kan baase, bu’ura misoomaa ummataa dijitaalaa haala olaanaadhaan kankan babal’isee fi guddina bu’ura misoomaa Kanaan dura argamee hin beekne fiduun dinagee si’ataa kan argamsiisedha  jechuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniiru.

Ministirri muummee Naareendiraa Moodii yeroo walitti aananiif kutaa addunyaa kibbaaf (Global South) sagalee cimaa ta’uudhaan tajaajilaniiru jechuunis ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015