Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Jimmaa tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuurra darbee kaka’umsa hojii hojjettootaa guddiseera

Waxabajjii 8/2018 (ENA) - Godina Jimmaatti wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo masoob, hawaasaaf tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu kennuu bira darbee, kaka'umsa hojii hojjettootaa guddisuunsaa ibsame.


Wiirtuleen kunniin ogeeyyii dandeettii qabaniin gurmaa’uu fi hojimaata ammayyaa’aa hordofuun isaanii, hojjettootaafis ta'e tajaajilamtootaaf boqonnaa guddaa ta’uunsaa ibsameera.

Ogeeyyiin Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Limmuu Gannat Riidaa Kamaalii fi Adaal Haayilemaariyaam akka jedhanitti, tajaajilli wiirtichatti hawaasaaf kennan kakka'umsa hojii isaanii akka dabale ibsaniiru.


Wiirtichi teknoolojiidhaan kan gurmaa'e waan ta’eef ariitii tajaajila dabaluun olitti, yeroo qaalii hojjettootaa fi hawaasaa qusachuu dandeessiseera.

Haaluma wal fakkaatuun, ogeeyyiin wiirtuu Jimmaa Abdulnuuraa Abbaatamaamii fi Samiiraa Hasan gama isaaniitiin, bakki hojii mijataan uumamuunsaa komii tajaajilamtootaa malee tajaajila ariifataa kennuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru.

Godinichatti dhiyyeenya kana tajaajila kan jalqabe tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboo keessatti tajaajilaa kan jiran Maaramee Baqqalaa fi Anwaar Abbaadiiggaa, hawaasaaf dammaqinaa fi ciminaan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru.

Haalli hojii mijataan umamuun hojjettoonni osoo hin nuffiin murannoodhaan akka hojjetan gochuu isaa kan eeran ogeeyyiin kunniin, kanaanis rakkoon dhiyeessii tajaajilaa kan waggoota dheeraaf gaaffii uummataa ture guutummaatti furamuu isaa addeessaniiru.

Wiirtuu kanatti tajaajila argachuuf kan dhufe Musxafaa Abdurahimaan gamasaaniin, naannoo isaaniitti wiirtuun ammayyaa akkasii banamuunsaa baay'ee akka isa gammachiise ibsee, gara wiirtichaa yeroon seenu jalqaba keessummummaa irraa kaasee simannaan ogeeyyii fi ariitiin isaanii gammachuu guddaa namaaf kenna, jedheera.

Tajaajila Eeyyama konkolaachisummaa argachuuf kan dhufe ta’uu ibsuun Jamaal Abdurahmaan, Wiirtichi dhimma hundumaa caalaa hawaasatti kan dhiyaatee fi gaaffii waggoota dheeraaf tureef deebii kan kenne ta'u dubbateera.

Jiraattuun magaalaa Jimmaa Beetemaqdas Amhaa tajaajila wiirtuu magaalichatti argamutti waraqaa dhalootaa baafachuuf kan dhufte yoo ta'u, tajaajila hundumaa wiirtuu tokko keessatti argachuu isheetiin gammaduu ishee ibsiteetti.


 

Itti Aanaa itti gaafatamaa fi Itti Gaafatamaan Damee Teknoolojii tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob, Magaalaa Jimmaa Jamaal Saalii, tajaajilli wiirtichatti kennamu tajaajilamaa qofaaf osoo hin taane hojjettootaafis madaala gammachuu ta'uu isaa ibsaniiru.


Hawaasni yeroofi qarshiisaa qusatee tajaajila ariifataa argatee deebi'uu isaa fi tajaajila kennameen quufeen deebii gaarii inni kennu hojjetaaf kakka'umsa guddaa uumuusaa ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015