Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa

Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira.

Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera.
Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira.

Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan.

Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru.

Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru.

Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru.

Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015