Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa Aviyeeshinii isa guddaadha- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa Aviyeeshinii isa guddaadha- Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 8 /2018 (ENA)- Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa Aviyeeshinii isa guddaadha jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Pirojektiin kun yeroo xumuramu waggatti imaltoota miiliyoona 110 keessummeessuu akka danda'u ibsaniiru.
Xumuramuun pirojektii kanaa Itiyoophiyaa sadarkaa aviyeeshinii addunyaarratti adda duree ta’an keessaa tokko tasisuu kan dandeessisu ta’uu ibsuun, kanaanis halkanii fi guyyaa kutannoo walirraa hin cinneen ijaaramaa jiraachuu eeraniiru .