Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Ministira Muummee  Doktar Abiyyi  Ahimad


Jaallatamtoota Hawaasa Itiyoophiyaatiif, baga milkaa’ina sagantaa Koodaroota Miliyoona 5tiif baga gammaddan!
Galma waggaa sadii keessatti milkeessuuf karoorfame waggaa lamaa gadi keessatti milkeessuun danda'ameera.
Sagantaan Koodaroota Itiyoophiyaa Miliyoona 5 Adoolessa 16 bara 2016 erga eegalee kaasee  pirogiraamii kompiitaraa (Computer Programming), xiinxala ragaa (Data Analysis), misooma sooftiweerii Andirooyidii (Android Software Development) fi barumsa bu'uuraa beekumsa hubannaa nam-tolchee (Artificial Intelligence)tiin   leenji'uuf  Namoonni 5,005,146 galmaa’anii, isaan keessaa miiliyoona 3 ol kan ta'an leenjicha xumuraniiru.
Milkaa'inni kun kutannoo fi dandeettii  uummata keenyaa daangaa hin qabne kan mirkaneessudha.
Boqonnaan seenaa addunyaa dijiitaalaa keessatti of ijaaruuf jalqabne kun, dhuma imala keenyaa utuu hin taane, mul’ata biyyaalessa keenya caalaatti ittiin ariifachiifnudha.
 Hanga Hagayya bara 2018tti lakkoofsa leenjifamtootaa miliyoona 7 geessisuuf galma qabame milkeessuuf, Itiyoophiyaan dabalataan hundi ergama biyyaalessa kanaa akka ta'u waamicha koo nan dabarsa.
Dargaggootaa fi barattoota keenyaaf  yeroon Gannaa dhuftu kun carraa guddaadha. Yeroo keessan akkasumatti gubuu irraa of qusachuun, galmaahuu fi barachuun yeroo gara mana barumsaa keessaniitti deebitan barattoota qofa utuu hin taane, geggeessitoota dijiitaalaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qaban akka taatan nan dhaama.
 Leenjichi guutummaatti bilisaan kan kennamu yoo ta'u, waraqaan ragaa (certificate) kennamus sadarkaa addunyaatti beekamtii kan qabudha.
Egereen isin ijaartan har'a eegala!
‎Galmaa’uuf liinkii gadii tuqaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015