Misoomni Ashaaraa magariisaa kunuunsa naannoo bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Ashaaraa magariisaa kunuunsa naannoo bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Qonnaan bultoonni naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti misooma damichaa irraa fayyadamoo ta’an akka jedhanitti, misoomni ashaaraa magariisaa naannoof eegumsa gochuu bira darbee wabii nyaataaf bu’uura ta’aa jira.
Sagantaa Misooma ashaaraa Magariisaa bara kanaa Hararge Lixaatti biqiltuuwwan miiliyoona 396 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksise.
Waggoota darbanitti biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan Godinicha keessatti dhaabamanii bu’aa hedduu argamsiisaa jiru.
Kanumaan walqabatee qonnaan bultoonni ENA waliin turtii taasisan, misooma ashaaraa magariisaa irraa karaa hedduun fayyadamoo ta’aa akka jiran himaniiru.
Jiraattota kana keessaa qonnaan bulaan Zarihuun Kabbadaa fi qonnaan bulaan Malkaamuu Tasfaayee akka himanitti, biqiltuun Waggaa waggaan sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamu, lafa gogaa ta’e uwwisuu qofa osoo hin taane madda galii fi nyaataa ta’aa jira jedhani.
Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Godinichaatti Dursaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa obbo Waasee Baqqalaa, hojiiwwan misooma ashaaraa magariisaa waggoota darban gaggeeffaman karaa hedduun bu’aa argamsiisaa akka jiran ibsaniiru.
Naannoo eeguun alattis bu’uura wabii nyaataa fi madda galii gaarii ta’aa jira jedhan.
Kanaafuu, bara kana biqiltuu dhaabuuf qophiin qindoomina qabu taasifamuu isaa ibsuun, sagantichaan biqiltuuwwan kaayyoo hedduu qaban miiliyoona 396 ol dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru.
Lafti heektaara kuma 76 ol biqiltuu dhaabuuf qophii ta’uus kan eeran yoo ta’u, karoora kana galmaan ga’uuf hawaasni hunduu gahee isarraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Bakka bu’aan hogganaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Godinichaa obbo Fitsum Amaaree akka himanitti, hirmaannaan hawaasaa eegumsaa fi kunuunsa biqilootaaf taasisan hojii misoomaa bu’aa qabeessi akka argamu taasiseera jedhani.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baay’ina qabeenya bosonaa dabaluu qofa osoo hin taane, wabii nyaataaf bu’uura kaa’ee carraa hojiis uumeera jedhan.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA