Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa - ENA Afaan Oromoo
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu ogummaa qaroominaati jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hidhattoota duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hidhatanii booda karaa nagaa hawaasatti makaman waliin marii Adaamaatti gaggeessaa jira.
Haasaa baniinsaa isaanii keessatti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa hidhattoonni duraanii nagaaf dursa kennuu fi daandii nagaa filachuun deebi’uu murteessuu isaanii galateeffataniiru.
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun qaroomina ogummaa kan mul’isu ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa waaraa biyyattii keessatti uumuuf filannoo karaa nagaa ta’uu ibsaniiru.
Komishinichi konfiraansii marii biyyaalessaa isa guddaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee akka gaggeessu beeksiseera.
Kanaafis konfiraansii marii biyyaalessaa guddichi akka gaggeeffamuuf adeemsa marii hirmaachisaa fi hunda hammatee ajandaa uumuu fi marii hirmaachisaa marsaa adda addaatiin raawwachuun isaa ni beekama.