Tamsaasa Kallatti:

Daangaa biyya keenyaa eegsisuu cinaatti, mirga dimokiraasii keenya fayyadamuun sagalee keenya kennineerra – Miseensota Ajaja Kaaba-Bahaa

Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Tokkummaa fi daangaa biyya keenyaa kabachiisuu cinaatti, mirga Dimokiraasii keenyaa fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kaaba-bahaa ibsan.

Akka labsii filannoo, galmeessa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoon, namni filatu kamiyyuu naannoo jireenyaa isaa ykn naannoo dhaabbatadhaan itti hojjetutti galmaa’ee sagalee kennuu akka qabu tuma.

Haa ta'u malee, sababa uumamaa fi nam-tolchee adda addaan kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf daangaa biyyaa eeganii fi kaampii adda addaa keessa jiran, buufata filannoo idileetti argamuun sagalee kennuu hin dandeenye.

Mirga bu’uuraa kana kabachiisuu fi hirmaachisummaa filannichaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa qajeelfama addaa baasuun buufataalee filannoo addaa ni gurmeessa.

Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaanis, lammiilee haala addaa keessa jiran kanneen buufata daahoo keessa jiran fi kaampiiwwan ittisa biyyaa keessatti buufataalee filannoo addaa keessatti har'a gaggeeffamaa jira.

Miseensonni izzii Kaaba-Bahaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa gootummaa guddaadhaan tokkummaa fi daangaa biyya isaa kabachiisaa jira.

Kanaan cinattis mirga deemokiraasii isaanii fayyadamuun paartii biyyaaf ta’a jedhaniif sagalee isaanii kennaniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa Itti-aanaan Hoogganaa Ooditii izzii Kaaba-Bahaa kumalaa Nigaatuu Kumsaa raayyaan ittisa biyyaa gootummaa olaanaan daangaa biyya isaa eegsisuu cinaatti har'a filannoo irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru.

Gara fuulduraattis filannichaan paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kutannoon eegsisuu keessatti shoora keenya ni baana jedhaniiru.

Shaalaqaa baashaa Abaatee Arsiinoo gama isaaniitiin; dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba'uu fi daangaa biyya keenyaa eegsisuuf yeroo mara qophii ta'uu isaanii ibsuun, cinaattis filannoo kanarratti hirmaachuu danda'uu isaaniitiin akka gammadaniis addeessaniiru.

Filannicha irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu qaban ibsuun, kunis yeroo sadaffaaf ta'uu isaa dubbataniiru.

Ajaan dhibbaa Iyaasuu Cuummaa, daangaa biyya koo eegsisaa yeroo kanatti mirga dimokiraasii koo fayyadamee filachuu danda'uu kootiif gammadeera jedhaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun bilisaan filachuu danda'uu kan dubbatan ammoo ajajaa kudhanii Taammanee Tashoomaa ti.

Tokkummaa fi daangaa biyya koo eeggachaa, nagaa ishee kabachiisuu cinaatti filachuu danda'uu kootiif baay'een gammada jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015