Tamsaasa Kallatti:

Qamadii kilaastaraan misoomsine irraa omisha fooyya’aa eegaa jirra- Qonnaan bultooota

Waxabajjii 8/2018 (ENA): Qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Sinaanaa lafa qamadii kilaastaraan qotan irraa callaa fooyya’aa argachuuf eegaa akka jiran himani.

Waajjirri Qonna Godinichaa akka beeksisetti, godinicha keessatti lafa heektaara kuma 277 ol midhaan adda addaatiin facaafame irraa kuntaala miiliyoona 8 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.


Obbo Adam Huseen, qonnaan bulaan aanaa Sinaanaati,sanyii filatamaa fi kilaastaraan waan qotaniif bara kana heektaara tokko irraa omisha hanga kuntaala 65 eegaa akka jiran himaniiru.
Itti dabaluunis waggoota afran darban keessatti qonna kilaastaraa irratti hirmaachuun galiin argatan jireenya maatii isaanii jijjiireeruu himani.

Aanichumatti qonnaan bulaan biraa obbo Ahmad Bakar, Omishni qamadii kanaan dura mala aadaan omishamu hektaara tokko irraa kuntaala 20 kan hin caalle ture jedhani.
Waggoota sadan darban keessatti barmaatilee duraan ture dhiisuun mala ammayyaa fi kilaastaraan qotuun hektaara tokkorraa qamadii kuntaala 60 argachuu akka danda’an himani.
Bara omishaa bara kanaan gorsa ogeeyyii qonnaa fudhachuun omisha gaarii argachuuf eegaa akka jiran dubbatani.

Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Sinaanaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Lafaa fi Qonnaa obbo Dabalee Habeebee akka jedhanitti, waqtii Arfaasaa oyiruu qamadii lafa hektaara kuma 45 irraa omisha kuntaala miiliyoona 3 ol ta’u akka argamu dubbatani.
Muuxannoon qonnaan bultoonni teeknooloojiitti fayyadamuu irratti qaban dabalaa dhufuun omishtummaa dabaluudhaaf sababa guddaa ta’uus eeraniiru.


Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Mu’aawiyaa Fu’ad gamasaaniitiin roobni Godinicha keessatti roobe milkaa’ina misooma midhaaniitiif gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Yeroo omisha Arfaasaa midhaan adda addaatiin lafa facaafame hektaara kuma 277 irraa kuntaalli miiliyoona 8 akka argamuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015