Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii marii xumuraa Adoolessa 8/ 2018 irraa eegalee kan gaggeeffamuuf lammiileen biyyattii hundi akka isa cinaa dhaabbatuuf waamicha dhiyeesse.
Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishinichi dhimmoota Itiyoophiyota guutuu Itiyoophiyaa fi biyya alaa jiran dhimmoota wal dhabsiisu irraa walitti qabuun, walii galtee waaraarra gahuuf yaada galtee walitti qabaa turuun isaa ni yaadatama.
Ajandaawwan kanneen irratti yaada sadarkaa biyyaatti kan qopheessu Yaa’iin Marii Biyyaalessaas Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophii xumureera.
Kanaaf komishinichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi taatee seena qabeessa kana deeggaruun itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka bahatan waamicha dhiyeesseera.
Komishinichi bakka bu’oonni hawaasaa fi qooda fudhattoonni filataman walgahii milkaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisanis dhaameera.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA