Angafoota Oduu
Hojiin nageenyummaa hojiirrattii mirkaneesuu fi mirgaa fi fayidaaa hojjetoota kabachiisuu cimee itti fufa
May 1, 2024 205
Ebla 23 /2016(TOI) - Hojiin nageenya Indastirii mirkaneesuu, oomishitummaa guddisuu, hojiirratti nageenyummaa mirkaneesuu fi mirgaa fi fayidaa hojjetootaa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta'uu Ministirri Hojii fi Ogummaa aadde Mufiryaat Kamiil beeksisan. Guyyaan idil addunyaa Hojjetootaa akka Itoophiyaatti yeroo 49ffaaf akka idil addunyaatti immoo yeroo 135ffaaf ''Nageenyaa fi qaala'insa jireenyaaf furmaata barbaanna'' mata duree jedhuun kabajama jira. Sagantaa magaalaa Finfinneetti qophaa'e irratti Ministirri Hojii fi Ogummaa aadde Mufariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa, bakka bu'oonni waldaalee hojjetootaa fi kanneen biroon hirmaataniiru. Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin; hojiin mirgaa fi fayidaa hojjetoota kabachiisuu akkasuma bakka hojiitti nageenyummaa isaanii mirkaneesuu cimee itti fufa jedhaniiru. Fayyadamummaa hojjetoota mirkaneesuuf gaaffiiwwaan dhihaatan qorannoo irratti hundaa'uun adeemsaan deebisuuf qajelfamoonni qophaa'anii hojiirra oolaa jirachuu eeraniiru. Mirgaa fi Fayidaa hojjetoota karaa waaraa ta'een kabachiisuuf fedhiiwwaan haaraa bu'uura godhachuun hojiin rifoormii hojjetamee gara hojiitti galaa jirachuus himaniiru. Pirezidaantiin Konfidireeshinii Waladaalee Hojjetoota Itoophiyaa Kaasahuun Foolloo mirgaa fi fayidaa hojjetoota kabachiisuuf mootummaa waliin qindoominaan hojjetama jira jedhaniiru. Mirgaa fi fayidaa hojjetoota kabachiisuu bira darbee oomishitummaa Indastiriiwwanii guddisuuf kallattiin dandeesisu kaa'amee hojiirra oolaa jirachuus eeraniiru.    
Hawaasni yeroo ayyaana Faasikaa kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba
May 1, 2024 30
Ebla 23/2016(TOI) - Hawaasni ayyaana Faasikaa fuula dura keenya kabajamu yeroo kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu akka qabu Komishiiniin hoggansa sodaa balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee hubachiise. Dubbi himaan Komishiinii Hoggansa balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee obbo Nigaatuu Maammoo akka himanitti hawaasni qophii ayyaanichaaf yeroo waantoota barbaachisan raawwatu balaan Ibiddaa fi kanneen biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba jedhaniiru. Komishinichis ayyaanicha ilaalchisee qophii dursaa barbaachisaa taasisuu himaniiru. Kana keessaas bakka sosochiin uummataa itti baay'atutti hojiin hubannoo uumuu sababa balaa ibiddaa fi kanneen biroo fi ogeeggannoo ta'uu qabu akkasuma yoo balaan mudatees waan gochuu qaban irratti kennama jira jedhaniiru. Hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa taasisee akka tasaa yoo balaan uumamee immoo komishiinichi galteewwanii fi humna namaa barbaachisaan yeroo kamiyyuu caalaa qophii taasisuu beeksisaniiru. Hojii ariitiin xumuruuf jecha rabsiituu elektirikaa tokko tajaajila adda addaaf fayyadamuun balaaf nama saaxiluu waan danda'uuf ofeeggachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Yeroo Nyaata bilcheesanii fi tajaajiloota biroo yeroo raawwatan waantoonni Ibidda uumuu danda'anirra fagachuu akkasuma Shaamaa fi waantoota biroo qabsiisanii deemuu sababa balaa ta'uu danda'a waan ta'eef irra ofgeeguun barbaachisadha jedhaniiru. Hawaasni yeroo balaan mudate karaa toora bilbila tolaa 939 ykn karaa sarara bilbilaa kallatti 0111555300 bilbiluun beeksisuu danda'a jedhaniiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 4456
ENA
Siyaasa
Siyaasa
Hawaasummaa

Yeroo gabaabaa keessatti balaa fayyaa hawaasa qunnamu to’achuuf tumsii fi qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Apr 30, 2024 66
Ebla 22/2016 (TOI) - Yeroo gabaabaa keessatti balaa fayyaa hawaasa qunnamu to’achuuf tumsii fi qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhan Ministirri Fayyaa doktar Maqidas Dhaabaa. Pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Mustafee Muhaammad balaa fayyaa hawaasa qunnamuu danda'urratti dursanii karoorsuu fi baajata barbaachisu qopheesuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru. Waltajjiin balaawwan fayyaa tasaa mudatan ittisuu fi deebii kennuurratti xiyyeeffatee Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeffamaa jira. Waltajjichi mata duree "Sirna Fayyaa Hawaasaa cimaa ta'e ijaarsa sirna Fayyaa deebii Hatattamaa balaa tasaaf"jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u qaamoleen hoggansaa irratti hirmaachaa jiru. Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Ministeerri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaan, balaan fayyaa ariifachiisaan erga yeroo dhihoo asii biyya keenyaa fi sadarkaa idil-addunyaatti dabalaa jira. Akkaa fakkeenyaattis dhukuboota akka weeraraattti ka'an keessaa Vaayirasii Koroonaa, Koleeraa fi Gifiraa kaasaniiru. Balaawwan fayyaa hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti biyya keenya keessatti mul’achaa jiranii fi mudachuu malan to’achuuf tumsii fi qindoominni qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ibsaniiru. Duulli teletoonii dijitaalaa 'Itoophiya qulqulluu' jedhu fooyya'iinsaa fi guddina damee fayyaatiif gumaacha olaanaa akka taasisu eeranii; Lammiileen hundi duula kana irratti akka hirmaattan waamicha taasisaniiru. Waltajjicharratti kan argaman Pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Muhaammad balaa fayyaa hawaasa qunnamuu danda'urratti dursanii karoorsuu fi baajata barbaachisu qopheesuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Itoophiyaa doktar Masaay Hayiluu gama isaaniin; Inistiitiyuutichi bara darberraa eegalee weerara dhibee koleeraa aanaalee hedduutti mudate harka caalaa to'achuu himaniiru. Dhukkubni busaa sadarkaa weerara osoo hin gahin to’achuuf akka biyyaatti Agoobarri miliyoona 19 ol raabsamuu eeraniiru. Dhukkuba koleeraa ittisuu fi to’achuuf namoota miiliyoona 10 oliif talaalliin kennamuus himaniiru. Dhukkuba Gifiraa talaalliin ittisuuf Daa’imman miiliyoona 14 ta’aniif talaalliin kennamuus eeraniiru. Waltajjicharratti Ministirri Fayyaa Federaalaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Itoophiyaa, hoggantoonni biiroolee fayyaa naannolee fi bulchiinsa magaalaa hundaafi qooda fudhattoonni biroo hirmaachaa jiru.
Diinagdee
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 268
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Ispoortii
Ispoortii Biskileetiin Olompiikii Paarisirratti hirmaachuuf qophiin tasifamaa jira
Apr 26, 2024 290
Ebla 18/2016(TOI)-Dorgomtoonni Itiyoophiyaa biskileetiin dorgomanOlpmpiikii Paarisirratti hirmaachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran federeeshiniin Biskileetii Itiyoophiyaa ibse. Hoogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Fitsum Walda’aab akka ibsanitti, dorgomtoonni biskileetii dhiirri jahaa fi dubartoonni shan kilaboota addaddaarraa waliti dhufan hirmaannaa Olompiikii argachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees Itiyoophiyaanonni dorgomtoota Biskileetii kilabii Awurooppaa keessa jiran, dorgommiiwwan addaddaarratti hirmaachuun qabxii ida’amaatiin qabxii Olompiikiirratti hirmaachuu isaan dandeessisu argachuuf hojjechaa jiru jedhaniiru. Olompiikii Paarisiif darbuuf dursee qophiin eegalamuu fi dorgomtoonni Biskileetii waltajjii dorgommii argachuunsaanii jalqabbii gaarii ta’uu dubbataniiru. Leenjisaan muummee garee biyyaalessaa Biskileetii Nugusee Gabrayohaannis gamasaatiin, dorgommii tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti hirmaatan caalaa qophiin taasisaa akka jiran dubbateera. Yeroo ammaa dorgommii biskileetii waggaa naannoon Tigraay qopheessurratti hirmaachuuf dorgomtoonni Biskileetii 11 magaalaa Aksum akka jiran ibseera. Dorgomtoonni kunneen taphoota guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti taasifamerratti hirmaatanii kan turan ta’uu fi dorgommii Kanaan kilabasaanii bakka bu’anii akka hirmaatan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Olompiikii Riyoo bara 2016 qophaa’ee fi Olompiikii Tookiyoo bara 2021 qophaa’erratti Ispoortii Olompiikiin hirmaachuunshee niyaadatama. Waltajjii Afriikaarrattis tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti barana taasifamerratti, dhiira jahaa fi dubartii shaniin hirmaachuun meedaaliyaa meetii tokkoon Afriikaarraa torbaffaa bahuun xumuruunshee niyaadatama.
Sagantaan torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 18, 2024 249
Ebla 10/2016(TOI)- Taphoonni guyyaa jalqabaa torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu. Tapha jalqabaa torbee 22ffaan Magaalaan Walqixxee Itiyoophiyaa Madin waliin sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan Walqixxee taphaoota liigichaa walitti aansee taphate shaniin altokko mo’atee altooko mo’amee alsadii walqixa baheera. Magaalaan Walqixxee qabxii 16’n sadarkaa 14ffaa qabatee qaxanaa gadibu’aarra jira. Itiyoophiyaa Nadin taphoota shan darbaniin altokko mo’atee altokko mo’ameera. Taphoota sadii walqixa baheera. Itiyoophiyaa Mqabxii 19’n sadarkaa 13ffaarra jira. Tapha lammaffaa galgala sa’aatii 1tti taphatamuun magaalaan Bahaardaarii fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa nimorkatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota walitti aanan shan taphateen hinmo’amne. Sadii mo’atee lamaan walqixa baheera. Magaalaan Bahaardaar qabxii 33’n sadarkaa 5ffaarra jira. Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee tokkoon mo’amee lamaan walqixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 30’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Sagantaan torbee 22ffaa borus ittifufuun Hambarichoo Duraamee magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaan magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphoonni torbee 22ffaan amma Ebla 13tti nitura. Piriimiyeer liigii kana baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 43’, dursaa jira. Taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan goolii 12 galchuun dursaa jira. Taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee, taphataan Qiddus Giyoorgis Amaanu’eel Orboo, taphataan magaalaa Bahaardaar Charinnat Gugsaa fi taphataan magaalaa Adaamaa Yooseef Taarraqany qabxii walfakkaataa goolii 9’n hordofaa jiru. Taphoonni piriimiyer Liigii torbee 23ffaa amma 27ffaatti istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti akka taphataman waldaan aksiyoonaa liigichaa beeksiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 313
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 4928
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Hawaasni yeroo ayyaana Faasikaa kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba
May 1, 2024 30
Ebla 23/2016(TOI) - Hawaasni ayyaana Faasikaa fuula dura keenya kabajamu yeroo kabaju balaa Ibiddaa fi balaan tasaa biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu akka qabu Komishiiniin hoggansa sodaa balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee hubachiise. Dubbi himaan Komishiinii Hoggansa balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee obbo Nigaatuu Maammoo akka himanitti hawaasni qophii ayyaanichaaf yeroo waantoota barbaachisan raawwatu balaan Ibiddaa fi kanneen biroon akka hin mudannee ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qaba jedhaniiru. Komishinichis ayyaanicha ilaalchisee qophii dursaa barbaachisaa taasisuu himaniiru. Kana keessaas bakka sosochiin uummataa itti baay'atutti hojiin hubannoo uumuu sababa balaa ibiddaa fi kanneen biroo fi ogeeggannoo ta'uu qabu akkasuma yoo balaan mudatees waan gochuu qaban irratti kennama jira jedhaniiru. Hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa taasisee akka tasaa yoo balaan uumamee immoo komishiinichi galteewwanii fi humna namaa barbaachisaan yeroo kamiyyuu caalaa qophii taasisuu beeksisaniiru. Hojii ariitiin xumuruuf jecha rabsiituu elektirikaa tokko tajaajila adda addaaf fayyadamuun balaaf nama saaxiluu waan danda'uuf ofeeggachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Yeroo Nyaata bilcheesanii fi tajaajiloota biroo yeroo raawwatan waantoonni Ibidda uumuu danda'anirra fagachuu akkasuma Shaamaa fi waantoota biroo qabsiisanii deemuu sababa balaa ta'uu danda'a waan ta'eef irra ofgeeguun barbaachisadha jedhaniiru. Hawaasni yeroo balaan mudate karaa toora bilbila tolaa 939 ykn karaa sarara bilbilaa kallatti 0111555300 bilbiluun beeksisuu danda'a jedhaniiru.
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 635
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015