Paartileen waltajjii filannoo imaammata isaanii ummataaf waltajjiin itti dhiyeeffatan milkaa’inaan uumameera - ENA Afaan Oromoo
Paartileen waltajjii filannoo imaammata isaanii ummataaf waltajjiin itti dhiyeeffatan milkaa’inaan uumameera
Caamsaa 21/2018 (ENA): Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelatewarqi Hayiluu, filannoo waliigalaa torbaffaa irratti paartileen filannoo imaammata isaanii ummataaf waltajjiin itti dhiyeeffatan milkaa’inaan uumameeraafii jedhani.
Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti, filattootni Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuuf guyyoota muraasa qofatu hafe.
Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti paartileen siyaasaa dorgoman 47 walumaa galatti kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammata isaanii karaa miidiyaa bal’inaan ummataaf dhiyeessaniiru.
Waltajjii boordiin filannoo Itiyoophiyaa qopheesse irratti paartileen marsaa 19’n kan yaada isaanii dhiyeessan yoo ta’u, wal falmiin paartiilee karaalee miidiyaa adda addaa uummataaf dhiyaateera.
Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelatewarqi Hayiluu, filannoo waliigalaa torbaffaa irratti paartileen filannoo imaammata isaanii ummataaf dhiyeessuun waltajjii uumuun akka danda’amu ibsaniiru.
Filattoonni sagalee odeeffannoo qabuun bakka bu’oota isaa akka filataniif leenjiin qabatamaan duula filannoo fi guddina dandeettii falmii irratti kennamuu yaadachiisaniiru.
Garaagarummaa fi walfakkeenya yaada filannoo paartilee siyaasaa madaaluuf hojiin ragaa funaanuu hayyoota qorannoo imaammataa fi ogeessota gargaarsa of eeggannoodhaan hojjetamaa ture jedhan.
Bu’a qabeessummaa adeemsa falmii kanaa eeguuf paartileen siyaasaa marii walduraa duubaan ogeessonni miidiyaa fi komunikeeshinii irratti hirmaatan gaggeessuun, falmii seera qabeessa ta’e kan gaggeessan ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi falmii kanaan barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi bakka bu’oonni dhaabbilee walaba ta’anis dhimmoota adda addaa irratti paartilee siyaasaaf gaaffii akka dhiyeessan carraa kan uume ta’uu ibsaniiru.
Kunis paartileen siyaasaa gaaffii dhaggeeffattoonni isaan gaafatan hubachuun bifa falmii fedhii ummataa madaalu akka dhiyeessan kan taasise ta’uu ibsaniiru.
Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti paartileen dorgoman imaammataa fi kaayyoo sagantaa isaanii ifatti ummataaf beeksisuudhaan filattootni hubannoo gahaa akka argatan carraa uumuu isaanii ibsaniiru.
Adeemsa filannoo kana keessatti lammiileen mana isaanii keessatti eenyuun filachuu akka qaban irratti xiinxaluu akka danda’anii fi paartileen haala kaadhimamaa hordofaa akka turanis eeraniiru.
Itti dabaluunis Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsi filannoo bilisa, haqa qabeessa, amanamaa, fi of danda’ee akka gaggeeffamuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Filannoo Caamsaa 24, 2018 sa’aatii 12:00 irraa eegalee gaggeeffamu kana irrattis Gamtaan Afrikaa, Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Biyyoota Afrikaa Bahaa fi Gaanfa Afrikaa(IGAD) fi dhaabbileen hawaasa siivikii biyya keessaa akka taajjabdootaatti akka argaman beeksisaniiru.
Akkasumas miseensonni hawaasa dippilomaasii adeemsa filannoo taajjabuuf gaafatan 16’f deebii kennuuf akka jiran ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA