Meeshaaleen sagalee kennuu Naannoo Filannoo Ciroo Tokkoo fi Nagallee Booranaa raabsamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen sagalee kennuu Naannoo Filannoo Ciroo Tokkoo fi Nagallee Booranaa raabsamaa jira
Caamsaa 21/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa naannoo filannoo Ciroo tokkoo fi Nagallee Booranaatti meeshaaleen sagalee itti kenna raabsamaa akka jiran qindeessitoonni naannolee filannoo himan.
Filannoo waliigalaa torbaffaaf meeshaalee filannoo naannoo filannoo Ciroo Tokkoa jalatti argamaniif buufataalee filannoo dhiyeessuuf hojiin hojjetamaa ture xumuramuu isaa filannoo naannichaa beeksise.
Akka qindeessaan naanno filannoo obbo Mahaammad Bushuraa jedhanitti, buufataalee filannoo Aanaa Ciroo fi Magaalaa Cirootti argaman 120 meeshaaleen sagaleen itti kennamu guutummaan guutuutti dhiheessuun isaanii ni yaadatama.
Akkasumas hojjettoonni filannoo leenjii barbaachisaa ta’e fudhatan 720 buufataalee filannoo naannoo filannoo jalatti gurmaa’anitti ramadamuu isaanii ibsaniiru.
Buufatni filannoo adeemsa sagalee kennuuf mijataa fi guutuu ta’uu ibsuun, adeemsi sagalee kennuu ganama barii Caamsaa 24/2018 sa’aatii 12:00 irraa eegala.
Haaluma walfakkaatuun Waajjirri Qindeessituu Filannoo Naanno Filannoo Nagallee Booranaa buufataalee filannootti meeshaaleen geejjibsiifamaa akka jiran ibseera.
Qindeessaan Naanno Filannoo obbo Abbaaynaa Warquu akka himanitti, meeshaaleen filannoo barbaachisoo ta’an wiirtuu irraa gara naannoo buufata sagaleen itti kennamu Nagalleetti geejjibsiisuun kaleessa irraa eegalee buufataalee filannoof raabsamaa akka jiran himaniiru.
Aanaalee Gonichaa 5 keessatti buufataalee filannoo 167tti meeshaaleen geejjibsiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis har'aa fi boru buufataaleen filannoo hunduu guutummaan guutuutti meeshaaleen filannoo kan dhiyaatan ta'uu ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA