Tamsaasa Kallatti:

Filannoo walii galaa 7ffaa yeroo karoorfame keessatti gaggeessuuf qophiin hundi xumurameera

Caamsaa 18/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa yeroo karoorfametti gaggeessuuf qophiileen barbaachisoo ta’an hundi xumuramuu isaanii Walitti qabduun Booridii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu ibsaniiru.

Yeroon callisaa (silent period) caamsaa 20 irraa eegalee kan jalqabu waan ta'eef, paartileen siyaasaa hundi yeroo gabaabaa hafe kanatti fayyadamuun hojii duula na filadhaa isaanii akka xumuran waamicha dhiyeessaniiru.

Walitti qabduun Boordii Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu, qophii waliigalaa filannoo 7ffaan walqabatee taasifame ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniitiin Boordichi filannicha yeroo karoorfame keessatti haala milkaa'ina qabuun gaggeessuuf qophii hundaa xumuruun gara boqonnaa dhumaatti ce’uu isaa ibsaniiru.

Boordichi galmeessa kaadhimamtoota paartilee siyaasaa fi adeemsa galmeessa filattootaa, dabalataan buufataalee filannoo addaa dabalatee yeroo kaahametti raawwachuu isaa eeraniiru.

Adeemsa kanaan dura jiruun meeshaalee filannoo gurmeessuu fi gara naannoolee filannootti geejjibsiisuun hojiin hojjetamuu ibsuun, boordichi kana haala saffisa qabuun raawwachuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechuu isaa ibsaniiru.

Ummanni filataa ta'e hubannoo gahaa akka argatu gochuuf, falmiiwwan dhimmoota adda addaa irratti Afaanota shaniin waltajjiiwwan qophaa’an 19 miidiyaaleen akka darban taasifameera jedhan.

Dabalataan, qoodinsa sa'aatii qilleensaa bilisaa ilaalchisee sa'aatii raadiyoo 782.5, sa'aatii TV, 520 fi gaazeexaan dhimma 576 paartileef kennamuu isaa ibsaniiru.

Milkaa'ina adeemsa filannoof dhaabbileen miidiyaa 64 fi gaazeexessitoonni kuma 1 fi 814 beekamtii gabaasa hojjachuu argachuu isaanii ibsaniiru.

Boordichi qaamolee gartummaa siyaasaa irraa bilisa ta'an ramaduun, komiiwwan adeemsicha keessatti ka'an haala loogii irraa bilisa ta'een keessummeessaa turuu isaas eeraniiru.

Yeroon yaada callisaa filannichaa caamsaa 20 irraa eegalee kan jalqabu waan ta'eef, paartileen siyaasaa hundi yeroo gabaabaa hafe kanatti duula na filadhaa isaanii akka xumuran walitti qabduun boordichaa waamicha dhiyeessaniiru.

Filattoonnis gabatee yeroo kaa'ame bu'uureffachuun, caamsaa 24 guyyaa filannoo buufataalee filannoo isaaniitti argamuun mirga Heera Mootummaan isaaniitti fayyadamuun sagalee akka kennan dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015