Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti meeshaaleen filannoo gara buufata filannootti raabsamaa jira

Caamsaa 21/2018(ENA): Naannoo Harariitti meeshaaleen filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa akka jiru Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaatti Waajjirri Filannoo Naannichaa beeksise

Seenaa filannoo Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsi lammiilee kaardii filannoo fudhatanii baay'ee ta'e kan keessatti galmaa'e, Filannoon Walii-galaa 7ffaan Wixata dhufu ni gaggeeffama.

Filannoo kanaaf gama hundaan qophiin guutuun kan taasifame yoo ta'u, buufataalee filannoo hunda keessattis meeshaaleen filannoo qaqqabaa jiru.

Haaluma kanaan, Naannoo Harariitti meeshaaleen filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa akka jiru Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Waajjira filannoo naannichaa obbo Geetaachoo Boggaalaa ibsaniiru.

Buufataalee filannoo hunda keessatti adeemsi kenninsa sagalee milkeessuuf qophiin guutuun taasifamuu kan dubbatan qindeessaan kun, meeshaaleen filannichaaf barbaachisan raabsamaa akka jiranis addeessaniiru.

Waraqaa sagalee kenniinsaa dabalatee meeshaaleen filannoo barbaachisoo ta'an biroon gara buufataalee filannootti raabsamaa akka jiran kaasanii, boordichi haala gurmaa'ee fi qindoomina qabuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Raabsiin meeshaalee kanas of-eeggannoo fi haala nageenya isaa eeggateen, humna nageenyaatiin eegamee gara buufataalee filannootti geeffamaa jira jedhaniiru.

Naannichatti naannoo filannoo 3 keessatti buufataalee filannoo 296 keessatti Wixata dhufu sagaleen kan kennamu ta'u ibsuun, lammiileen kaardii fudhataniif gatii kennuun akka itti murteessan dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015