Tamsaasa Kallatti:

waltajjiin falmii filannoo waliigalaa 7ffaan hirmaannaan paartilee kan itti mul'ate dha

Caamsaa 21/2018(ENA): Waltajjiin falmii filannoo waliigalaa 7ffaan hirmaannaan paartilee siyaasaa guddatee kan itti mul'ate akka ture Itti-aanaan Dura-taa'aa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Tasfaayee Nuwaay ibsan.

Akka sagantaa yeroo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti, Caamsaa 24 guyyaa filattoonni sagalee isaanii itti kennanidha.

Paartileen siyaasaa waltajjii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qopheesse irratti falmii filannoof marsaa 19 kan gaggeessan yoo ta'u, falmiinis miidiyaalee garaa garaa fi filannoowwan miidiyaa dijiitaalaatiin uummata filatuuf gahuun danda'ameera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa xumura falmii paartilee siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa fi sagantaa beeksisa yeroo callisaa gaggeesseera.

Sagantaa kana irratti miseensonni hoggansa paartilee siyaasaa, dhaabbilee hawaasa siivilii dabalatee bakka bu'oonni miidiyaalee argamaniiru.

Itti-aanaan Dura-taa'aa Boordichaa Tasfaayee Nuwaay akka himanitti, boordichi hojiiwwan qophii dursaa bu'aa-qabeessummaa adeemsa filannichaa mirkaneessan hojjatmuusaanii ibsaniiru.

Boordichi waltajjii falmii paartilee siyaasaa yeroo jalqabaaf qopheesse kanaanis hirmaannaan guddaan paartilee kan itti calaqqise ta'uu dubbataniiru.

Waltajjiin falmii kun paartileen falmii ragaa irratti hundaa'ee fi olaantummaa yaadaa irratti hundaa'e gaggeessuun akka fakkeenyaatti kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis paartileen siyaasaa dorgamtoonni yaada filannoo imaammata isaanii karaa nagaa fi qaroominaan kallattiin uummata filatuuf dabarsuu isaaniitiin filataan hubannoo akka argatu ta'eera.

Adeemsa falmii kana milkiidhaan raawwachuuf qophii taasifameen, ogeeyyiin loogiirraa bilisa ta’an, qindeessitoonni, hayyoonnii fi qaamonni tumsitoota leenjii ijaarsa dandeettii irratti hirmaachuu isaanii eeraniiru.

Ogeeyyiin miidiyaalee garaa garaa adeemsa kana irratti hirmaachuun isaaniis boqonnaa milkii guddaa ta'uu ibsaniiru.

Adeemsa falmii kanaan, haala hedduumminaa fi sab-daneessummaa calaqqisiisuun, Afaan Amaaraa dabalatee afaanota biyya keessaa garaa garaan akka darbu taasifamuun hojiin milkaa'aan hojjetamuu isaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015