Meeshaaleen filannoo Buufata filannoo Godina Baaleetti raabsamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen filannoo Buufata filannoo Godina Baaleetti raabsamaa jira
Caamsaa 21/2018 (ENA): Raabsi meeshaalee filannoo barbaachisoo buufataalee filannoo Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti gaggeeffamaa jira.
Rippoortarri ENA bakka sanatti argamu akka gabaasetti meeshaaleen filannoo kanaaf barbaachisan buufata filannoo ga’aa jiru.
Naannolee filannoo shanan aanicha keessa jiran keessaa tokko kan ta’e Naannoo Filannoo Siinaanaa fi buufataalee isa jala jiran keessatti qophiin filannoo xumuramaa jiraachuun gabaafameera.
Akka Qindeessaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Naannoo Filannoo Siinaanaa obbo Tashoomaa Asaffaa himanitti, milkaa’ina filannoo waliigalaa kanaaf qophiin barbaachisu haala addaan ta’een gaggeeffamaa jira jedhani.
Adeemsi meeshaalee raabsuu buufataalee filannoo naannoo filannoo 106 jalatti gurmaa’aniif kan eegalame yoo ta’u, guyyoota itti aanan keessattis ciminaan kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Sanduuqa filannoo, waraqaa filannoo fi meeshaaleen deeggarsaa biroo adeemsa sagalee kennuuf murteessoo ta’an of eeggannoo guddaadhaan gara buufata tokkoon tokkootti geejjibamee qindeessitoota buufataaf dabarfamuu ibsaniiru.
Buufata filannoo sadarkaa tokkoon tokkoon gurmaa’e irratti hojjettoonni filannoo fi taajjabdoonni ramadamuu isaanii mirkaneessaniiru.
Hogganaan buufata filannoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Madda Walaabuu obbo Solomoon Baqqalaa, meeshaalee filannoo adeemsa sagalee kennuuf murteessoo ta’an keessaa saanduqni, waraqaan filannoo fi meeshaaleen barbaachisoo biroo buufata isaanii ga’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Haaluma walfakkaatuun itti gaafatamaan buufata filannoo mana barumsaa Abdii Booruu magaalaa Roobee obbo Huseen Bulee adeemsa sagalee kennuuf qophii barbaachisu hunda xumuruun filannoon eegaluu eegaa akka jiran ibsaniiru.
Godina Baalee keessatti buufataaleen filannoo 395 akka jiran beekameera.