Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Magaalli Shaggar keessummoota Ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufan   simachuuf qophii xumuruu ishee ibsite
Sep 29, 2026 79
Fulbaana 19/2019 (ENA) – Magaalli Shaggar keessummoota ayyaana Irreechaa bara kanaa kabajuuf kallattii garaa garaatiin keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruusaanii Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa kan waggaa waggaatti keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa hirmaachisu, waggoota dhihoo keessa ummata Itoophiyaa biratti Waltajjii guddaa tokkummaa fi wal-jijjiirraa aadaa ta'aa dhufeera. Magaalli Shaggar namoota gara Hora Finfinnee fi Hora Arsadii deemaniif harki caalaan isaanii magaalicha keessa waan darbaniif simachuun qophii xumereera.   Simannaa keessummootaa cinaatti oomisha qonnaa, beelladaa fi bu'aalee beelladaa, lukkuu, akkasumas oomishaalee harkaa, bu’aalee mukaa beeksisuu fi hawaasaf gatii madaalawaan dhiheessuuf kutaa magaalichaa hunda keessatti baazaarii fi agarsiisni ni banamu. Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee keessattis meeshaaleen ayyaana Irreechaa miidhagsan dhihaatanii baazaarii fi agarsiisni banameera. Sagantaa baniinsa baazaarii fi agarsiisarratti kan argaman Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Aduunyaa akka jedhanitti, Shaggar bara kana keessummoota ishee simachuuf qaamolee dhimmi ilaalu wajjin qindoominaan hojjechuun qophii xumuruu ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa bara kanaa akka biyyaatti yeroo itti milkaa'inoonni hedduun itti galmaa'anitti kabajamuun isaa adda isa taasisa kan jedhaniiru. Kantiibaan kun, ayyaanicha yeroo kabajnu abdii guddaan, tokkummaa cimaa fi wal-jaalala agarsiisuun ta'uu qaba jedhaniiru.
Dijitaal teeknooloojiitti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Sep 29, 2026 63
Fulbaana 19/2019(ENA)- Dijitaal teeknooloojii fi hubannoo nam-tolcheetti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ministirri turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan. Ministirittiin kana kan ibsan damee turizimii kalaqa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolcheen(AI) guddisuurratti kan xiyyeeffate sagantaan torban turizimii Oromiyaa mata duree “Kalaqni dijitaalaa turizimii hammataaf” jedhuun Finfinneetti jalqabamerratti. Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa hubannoon nam-tolchee (AI) bakkeewwan turizimii kan ittiin beeksifaman, bakka imalli itti karoorfamu, biizinasiiwwan turizimii bakka itti socho’anii fi muuxannoo daawwattoonni argatan jijjiiraa dhufuusaa ibsaniiru. Cehumsi dijitaalaa banaa, hammataa fi kan namarratti xiyyeeffate ta’uu akka qabu eeranii, faayidaaleen dijitaalaa bakkeewwan turizimii muraasaa fi waltajjiiwwan dijitaalaa qofaarratti akka hin daangofne hubachiisaniiru. Dameen imaammata turizimii Itiyoophiyaa dijitaal teknooloojii fi hubannoo nam-tolcheen fooyyessuuf kallattiin qabamuusaa ibsanii, marsariitiin turizimii biyyaalessaa Itiyoophiyaa daawwattootaaf odeeffannoo kennuurra darbee daawwachiiftota, Hoteelotaa fi kanneen damee kanarratti hojjetan biroo waliin walitti fiduuf tajaajilaa akka jiru eeraniiru. በዝግጅቱ Teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee kan itti qindaa’e marsariitii tirizimii Oromiyaa fi waltajjiiwwan dijitaal turizimii biroon ifoomaniiru. Waltajjiiwwan kunneen bakkeewwan turizimii fi qabeenya uumamaa naannichaa beeksisuu fi daawwattoonni bakka dhaqan akka sonan gargaaruuf kan akeekamanidha. Komishinariin komishinii turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa gamasaaniin, turban turizimii kun kanneen biyya allaa fi biyya keessatti turizimiirratti hojjetan kan walitti fidu waltajjii kan wagga ta’ee guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Torban turizimii baranaarratti kanneen tirizimii irratti hojjetan biyyoota 22 irraa hirmaachuusaanii eeranii, waltajjichi ogeeyyota turizimii, daawwachiiftota, deeggartootaa fi dame dhuunfaa walitti fiduudhaan carraalee turizimii fi invastimantii uumuuf deggarsa gochaa akka jiru dubbataniiru. Torban turizimii guyyoota sadiif ture kun marii paanaalii hubannoo nam-tolchee fi turizimii hammataarratti xiyyeeffate dabalatee sagantaalee garagaraa kan of keessaa qabu yoo ta’u, teeknooloojiif furmaata kan dhiheessanii fi qaamoleen qooda fudhattootaa damee turizimii hirmaachaa jiru.
Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu'uuraa galmeessisaa jiru- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 29, 2026 75
Fulbaana 19/2019 (ENA) Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu’uuraa galmeessaa jiraachuu Itti Aanaan ministira Muummee obbo Tamesgeen Xurunaa ibsan. Fooramiin Faayinaansii Itoophiyaa 2026 lammaaffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan Minisira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita sana akka jedhanitti, seenaan Itoophiyaa yeroo hunda rakkoolee obsaanii fi injifannoon darbuun ijaaruu ta'uu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammataas Itoophiyaan damee dinagdeetiin boqonnaa guddaa irra akka jirtu ibsaniiru. Riifoormiiwwan waggoottan darbanitti taasifaman sirna gabaa jijjiirraa sharafa alaa fooyyessuu fi dhiheessii dabaluu, qaala’insi hir'achaa dhufuu, gurgurtaan alaa fi galii mootummaa dabaluu, gufuuwwan invesitmantii dhuunfaa furamuu, ammayyummaa imaammata maallaqaa, fooyya'insa faayinaansii fi seera damee faayinaansii cimsuun bu'aawwan qabatamaa galmeessisuu addeessaniiru. Milkaa'innooni fooyya'insa dinagdee kunniin biyyattii gara ce’umsa dinagdee guddaatti gaggeessaa akka jiranis dubbataniiru. Safartuun sirrii jijjiirama dinagdee gabaasa waraqaa irra kaa'amu qofa osoo hin ta’iin, bu'aawwan qabatamaa lafa irraatti mul'atan ta'uu Itti Aanaan ministira Muummee hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni Omisha fi omishtummaa dabaluuf, faayinaansii argachuu kan danda'an, dargaggoonni dhaabbata hundessuuf tattaafatan,dubartoonni liqaa argatanii daldala isaani dhaweesummaan invesitmantii yeroo dheeraa kan taasisan abbootii qabeenyaa jiraachuun isaanii safartuu dhugaa jijjiiramaati jedhaniiru. Kallattiin dinagdee Itoophiyaa taateewwan yeroo tokkoo qofaan kan ijaarame osoo hin ta'in; dhaabbileen, seerota, gabaan, bu'uuraalee misoomaa, dandeettii namootaanii fi adeemsa jijjiirama cimaa siyaasa guyyaa guyyaa irra caalu irratti kan hundaa'e ta'uu addeessaniiru.   Kanafis mootummaan guddina, ariitii jijjiiramaa fi naamusa diinagdee gooroon eeguu, balaawwan dursuun tilmaamuun haala sirnaan bulchuu irratti kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Hammatamuummaan tarsiimoo dinagdee guddaa ta'ee; dubartoonni, dargaggoonni, qonnaan bultoonnii fi dhaabbileen daldalaa xixiqqaan fayyadamtoota guddina kanaa ta'uu akka qaban ibsaniiru. Kunis mootummaan seerota yeroo qopheessu, to'attoonni kalaqa osoo hin daangessin tasgabbii dinagdee yeroo mirkaneessan, baankonni faayinaansii yeroo dhiheessanii fi abbootiin qabeenyaa obsa argarsiisuun kutannoo yeroo dheeraa yeroo agarsiisan jijjiirama dhugaatuu milkaa'a jedhaniiru.
Imala Gargaaramtummaa Irraa Gara Of Danda’uutti Taasifamaa Jiru.
Sep 29, 2026 62
Imalli gargaaramtummaa irraa gara of danda’uutti taasifamaa jiru dinagdee fi jireenya hawaasa biyya keenyaa keessatti jijjiirama bu'uuraa fidaa jira. Hojiiwwan gama kanaan karoorfamanii hojjetamaa jiran humna keessoo fayyadamuu fi sharafa alaa qusachuu irratti kan xiyyeeffataniidha. Bu’aawwan gurguddoon dameewwan kanniin irratti argaman gabaabsinee mee haa ilaallu. Imala of danda’uu keessatti bu’aawwan galmeessifaman keessaa tokko kan ta’e Buusaa Gonofaadha. Buusaa Gonofaan Aadaa Wal-gargaarsa Oromoo yeroo ammaa caasaan gurmeessuun mootummaan akka ummanni waliif gaacha ta’u Caffeen raggaasisee hojiirra oolcheen bu’aan qabatamaan argameera. Buusaa Gonofaan Gargaarsa Alaa Hambisuun, Hawaasni balaa uumamaa fi namtolchee ofii akka of gargaaru taasifameera. Qabeenya hawaasa keessaa walitti qabuun namoota horiin jalaa dhume, lafti jalaa goge yookiin balaan irra ga'e deebisanii dhaabuu fi akka of danda'an gochuu dandeessiseera. Kana qofa miti Buusaa Gonofaan barattootaaf manneen barnootaa keessatti nyaata dhiyeessuun harcaatiin barattootaa akka hir’atu taasifameera. Imala of danda’uu biyya keenyaa kan dhugoomsaa jiru keessaa tokko immoo Omiisha Qamadii Boneeti. Dur lafti waggaatti yeroo tokko qofa qotamu ture wayita ammaa garuu yeroo lamaa fi sanaan ol qotuun omishtummaa dabaluun imala of danda’uu dhugoomsaa jira. Omishni Qamadii Bonee jallisiin misoomaa jiru biyya keenya kadhaa warra adii jalaa baasuun dabalatatti biyyi keenya humna qabdutti yoo fayyadamte biyyoota birooyyuu gargaaruu akka dandeessu kan agarsiisedha. Osoo inisheetiviin qamadii jallisiin omishamuu hin jalqabiin dura biyyi keenya doolaara hedduu baastee qamadii biyyatti galchiti turte.Haa ta’u malee yeroo ammaa qamadiin jallisiin omishamu shara biyya keenyaaf hambisuun dabalatatti, biyya biyyaa illee haala gaariin jijjiireera. Itoophiyaan kanaan dura kadhaa qabadii fi harka qalleeyyiin beekamtu yeroo ammaa fakkeenya biyya saffisaan guddachaa jiranii taateetti. Imala of danda’uu keessaa kan biraan inisheetiviiwwan Misooma Loon Aannanii, Foonii fi Lukkuu eeruun ni danda’ama. Gama kanaanis biyyi keenya bu’aa olaanaa galmeessisaa jirti. Loon Aannanii fi Foonii: Sanyii loon aannanii fi foonii fooyya’oo fayyadamuu, kunuunsa saayinsawaa fi nyaata loonii teeknoolojiidhaan deggarameen omiisha aannanii fi foonii dachaan dabaluun danda’ameera. Kunis lammiilee hedduuf Carraa hojii hedduu uumuun harka namaa ilaaluu irraa bilisa taasiseera. Imala of danda’uu Itoophiyaa kanneen dhugoomsaa jiran keessaa tokko kan ta’e Damee industiriidha. Damee Industirii fi Omiisha Keessoo irrattis bu’aan olaanaan galmaa’eera. Insheetivii Itiyoophiyaan Haa Omishtu jedhu qabachuun sochiin taasifamaa jiru meeshaaleen hedduun akka omishaman taasiseera. Biyyi keenya Itoophiyaan, dameewwan hedduudhaan hirkattummaa gargaarsaa fi sharafa alaa irraa bilisa ba'aa, humnaa fi qabeenya keessoo isheetiin of danda'uuf imala saffisaa keessa jirti.  
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Uummata waliin ta’uun naannoo Oromiyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjetama – Hogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa
Sep 29, 2026 121
Fulbaana 19/2019 (ENA):- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa kaleessa gaggeesseen, muudama miseensota Mana Maree Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsii Gurmaa’insa haaraa bu’uura godhachuun dhiyaate raggaasiseera. Haaluma kanaan, hooggantoota haaraa muudaman keessaa Obbo Tijaanii Naasir Hoogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa ta’uun muudamaniiru. Obbo Tijaanii Naasir ENA waliin turtii taasisaniin, naannoo Oromiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf uummata waliin ta’uun xiyyeeffannoon akka hojjetan ibsaniiru. Uummanni rakkoo fi dhiibbaa hedduu keessa darbuun filannoo irraatti sagalee kennuun Mootummaa isaaf ta'u filachuu isaa eeruun, isaanis uummata tajaajiluuf qophii ta’uu dubbataniiru. “Amanamummaa uummanni natti kenne galmaan ga’uuf, akkasumas hojii fuulduraa itti gaafatamummaa guddaan hojjechuuf qophiidha,” jechuun ibsaniiru. Hojiin nageenyaa hojii nama tokkoo qofa osoo hin taane, hojii nama hundaa akka ta’e kan himan Obbo Tijaaniin, nageenyi bu’uura misoomaa fi jireenya hawaasaa waan ta’eef, hirmaannaa uummataa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Naannicha keessatti hojiiwwan misoomaa jalqabaman akka itti fufaniifi bu’a qabeessa akka ta’aniif, nageenya waaraa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsanii, kanaafis hirmaannaa uummataa hojii nageenyaa keessatti daran cimsuuf akka hojjetamuus himaniiru. Naannicha keessatti nageenya waaraa buusuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran caalmaatti cimsuun akka itti fufan himan. Obbo Tijaanii Naasir, muuxannoo hojii kanaan dura Godina Jimmaa keessatti argatan fayyadamuun, naannoo Oromiyaa keessattis nageenya waaraa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, uummanni, qaamoleen mootummaa fi hawaasni hundi gahee isaanii bahachuun waliin hojjechuu akka barbaachiisuu hubachiisaniiru. Warra nageenya booreessan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu fi seera kabachiisuu cime akka itti fufu himan.
Caffeen Oromiyaa Muudama garaagaraa raggaase
Sep 28, 2026 280
  Fulbaana 18/2019 (ENA) Caffeen Oromiyaa Muudama Qaama raawwachiisaa dhiyaaterratti mari'achuun raggaasee jira. Haaluma kanaan,   1. Kab. Dr. Tolaa Bariisoo Hogganaa Waajjira pireezidaantii MNO 2. Kab. Obbo Guyyoo Waariyoo- Hog. Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa 3. Kab. Dr. Abdulaaziz Daawid- Hogganaa Biiroo Maallaqa Oromiyaa 4. Kab. Obbo Tasfaayee Tulluu- Hogganaa Biiroo Galii Oromiyaa 5. Kab. Dr. Abdii Yuuyyaa- Hogganaa Biiroo Karooraafi Misooma 6. Kab. Dr. Bultoosaa Hirkoo- Hogganaa.BBO 7. Kab. Profser Natsaannat Warqinee Hoggantuu Biiroo Fayyaa 8. Kab. Obbo Tashoomee Boggaalee- Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa 9. Kab. Dr. Namarraa Gabayyoo- Hogganaa . Biiroo Albuudaafi Inarjii Oromiyaa 10. Kab. Obbo Taarraqeny Bulultaa- Hogganaa Interpiraayiziifi Industitrii Oromiyaa 11. Kab. Dr. Adaree Asaffaa -Hogganaa Biiroo Daldalaafi Investimantii Oromiyaa 12. Kab. Aadde Masarat Asaffaa- Hoggantuu Biiroo Lafa Oromiyaa 13. Kab. Aadde Sa’aadaa Abduraahmaan Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa 14. Kab. Obbo Xilaahun Warquu – Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa 15. Kab. Dr. Ayyaantuu Guuttataa – Hogganaa Biiroo Kalaqaafi Tekinoloojii 16. Kab. Aadde Eldiyaanaa Yesuuf - Hog. Biiroo Turiizimii 17. Kab. Obbo Tijaanii Naasir Hog. Biiroo Nagaa Oromiyaa 18. Kab. Aadde Roozaa Biyyaa- Hog. Biiroo Aadaafi Ispoortii 19. Kab. Inj. Girmaa Raggaasaa- Hog. Biiroo Jallisiifi Horsiise Bulaa 20. Kab. Inj. Habiib Qumbii- Hog. Biiroo Daandiifi Loojistiksii 21. Kab. Inj. Maariyaa Guutamaa- Hog. Biiroo Bishaan Oromiya

Hawaasummaa
Magaalli Shaggar keessummoota Ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufan   simachuuf qophii xumuruu ishee ibsite
Sep 29, 2026 79
Fulbaana 19/2019 (ENA) – Magaalli Shaggar keessummoota ayyaana Irreechaa bara kanaa kabajuuf kallattii garaa garaatiin keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruusaanii Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa kan waggaa waggaatti keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa hirmaachisu, waggoota dhihoo keessa ummata Itoophiyaa biratti Waltajjii guddaa tokkummaa fi wal-jijjiirraa aadaa ta'aa dhufeera. Magaalli Shaggar namoota gara Hora Finfinnee fi Hora Arsadii deemaniif harki caalaan isaanii magaalicha keessa waan darbaniif simachuun qophii xumereera.   Simannaa keessummootaa cinaatti oomisha qonnaa, beelladaa fi bu'aalee beelladaa, lukkuu, akkasumas oomishaalee harkaa, bu’aalee mukaa beeksisuu fi hawaasaf gatii madaalawaan dhiheessuuf kutaa magaalichaa hunda keessatti baazaarii fi agarsiisni ni banamu. Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee keessattis meeshaaleen ayyaana Irreechaa miidhagsan dhihaatanii baazaarii fi agarsiisni banameera. Sagantaa baniinsa baazaarii fi agarsiisarratti kan argaman Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Aduunyaa akka jedhanitti, Shaggar bara kana keessummoota ishee simachuuf qaamolee dhimmi ilaalu wajjin qindoominaan hojjechuun qophii xumuruu ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa bara kanaa akka biyyaatti yeroo itti milkaa'inoonni hedduun itti galmaa'anitti kabajamuun isaa adda isa taasisa kan jedhaniiru. Kantiibaan kun, ayyaanicha yeroo kabajnu abdii guddaan, tokkummaa cimaa fi wal-jaalala agarsiisuun ta'uu qaba jedhaniiru.
Dijitaal teeknooloojiitti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Sep 29, 2026 63
Fulbaana 19/2019(ENA)- Dijitaal teeknooloojii fi hubannoo nam-tolcheetti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ministirri turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan. Ministirittiin kana kan ibsan damee turizimii kalaqa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolcheen(AI) guddisuurratti kan xiyyeeffate sagantaan torban turizimii Oromiyaa mata duree “Kalaqni dijitaalaa turizimii hammataaf” jedhuun Finfinneetti jalqabamerratti. Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa hubannoon nam-tolchee (AI) bakkeewwan turizimii kan ittiin beeksifaman, bakka imalli itti karoorfamu, biizinasiiwwan turizimii bakka itti socho’anii fi muuxannoo daawwattoonni argatan jijjiiraa dhufuusaa ibsaniiru. Cehumsi dijitaalaa banaa, hammataa fi kan namarratti xiyyeeffate ta’uu akka qabu eeranii, faayidaaleen dijitaalaa bakkeewwan turizimii muraasaa fi waltajjiiwwan dijitaalaa qofaarratti akka hin daangofne hubachiisaniiru. Dameen imaammata turizimii Itiyoophiyaa dijitaal teknooloojii fi hubannoo nam-tolcheen fooyyessuuf kallattiin qabamuusaa ibsanii, marsariitiin turizimii biyyaalessaa Itiyoophiyaa daawwattootaaf odeeffannoo kennuurra darbee daawwachiiftota, Hoteelotaa fi kanneen damee kanarratti hojjetan biroo waliin walitti fiduuf tajaajilaa akka jiru eeraniiru. በዝግጅቱ Teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee kan itti qindaa’e marsariitii tirizimii Oromiyaa fi waltajjiiwwan dijitaal turizimii biroon ifoomaniiru. Waltajjiiwwan kunneen bakkeewwan turizimii fi qabeenya uumamaa naannichaa beeksisuu fi daawwattoonni bakka dhaqan akka sonan gargaaruuf kan akeekamanidha. Komishinariin komishinii turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa gamasaaniin, turban turizimii kun kanneen biyya allaa fi biyya keessatti turizimiirratti hojjetan kan walitti fidu waltajjii kan wagga ta’ee guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Torban turizimii baranaarratti kanneen tirizimii irratti hojjetan biyyoota 22 irraa hirmaachuusaanii eeranii, waltajjichi ogeeyyota turizimii, daawwachiiftota, deeggartootaa fi dame dhuunfaa walitti fiduudhaan carraalee turizimii fi invastimantii uumuuf deggarsa gochaa akka jiru dubbataniiru. Torban turizimii guyyoota sadiif ture kun marii paanaalii hubannoo nam-tolchee fi turizimii hammataarratti xiyyeeffate dabalatee sagantaalee garagaraa kan of keessaa qabu yoo ta’u, teeknooloojiif furmaata kan dhiheessanii fi qaamoleen qooda fudhattootaa damee turizimii hirmaachaa jiru.
Irreecha Irreeffachuuf kan wal dhabe araaramuun dirqamadha- Hayyoota
Sep 29, 2026 62
Fulbaana 19/2019(ENA): Akka aadaa, duudhaa fi sirna Gadaatti Irreechi garaa qulqulluun Uumaa qulqulluu dura dhaabbachuun isa galateeffachuu ykn kadhachuudha. Irreecha malkaa fi tulluu irratti Waaqayyo uumaa waan hundumaa galateeffachuuf dura immoo, kan wal dhabe araaraa buusuun isa guddaa fi ulaagaa hin hafne akka ta’e Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti hayyoonni damee kanaa turtii ENA Afaan Oromoo waliin taasisaniin ibsaniiru.   Ayyaanni kun mallattoo nagaa, tokkummaa, jaalalaa, haaromsaa fi araaraa akka ta’e kan ibsan Obbo Girmaa Namarraa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti Qorataa Seenaati. Namni irreecha deemu dursa ulaagaan inni guutuu qabu nama waldhabe waliin araaramuu akka ta’e ibsaniiru. Namni araaramuu qabu miidhamees haa ta’u ofii miidhee araara gaafachuun erga araara buuseen irreeffata jedhan. Yaada ofiitti aaloo qabatanii irreecha deemuun dhorkaa akka ta’e kan eeran obbo Girmaan,akkaataan itti araaramanis adeemsa akka qabuu fi eenyutu akka araarsus dubbataniiru.   Kunis namni waldhabe ani abaluu waliin wal dhabeera jedhee Abbootii Gadaatti eeruu dhiyeeffata jedhan. Sana booda Abbootiin Gadaa dhimma sana ilaaluun jara wal dhabe walitti araarsu. Aadaa Oromoo keessatti "Yaada ofiitti waan hamaa qabatanii irreecha hin dhaqan" jedhama. Fuula Waaqaa dura dhaabbachuun dura, qulqullina sammuu, yaadaa fi hafuuraa qabaachuun dirqama akka ta’e kan eeran immoo obbo Maammoo Sobbooksaa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti Qorataa Aartii Oromooti. Oromoon gaafa irreecha deemus yaadaan qulqullaa’ee, uffata qulqulluu uffatee Uumaa isaa fuldura dhaabbata jedhan. Waggaa waggaan kan isa geessiseefis waliin jaalalaa fi tokkummaan weeddisaa,Uumaa Galateeffachaa gara irreechaa deema jedhan. Oromoon eelee fi sumsumniyyuu walitti bu’aa jedha; gama biraatiin immoo arrabnii fi ilkaaniyyuu walitti buuti jedhama. Kunis kan inni agarsiisu waliin jireenya keessatti wal dhabdeen akka ajaa’ibaatti kan ilaalamu osoo hin taanee taatee hin hafne ta’uu isaati. Taatee hin oolle ykn hin hafne kana immoo yoo mudate araaramuun barbaachisaa fi dirqama akka ta’edha kan sirni Gadaa ajaju. Kanaaf namni beekaas haa ta’u osoo hin beekiin nama miidhees haa ta’u miidhame, gaafa irreechaa araaramuun dirqma akka ta’e dubbatan obbo Maammoo Sobbooksaan. Aadaa Oromoo keessatti araarri karaa lamaan waan ilaalamuuf, namni miidhe qofa osoo hin taane, namni miidhames dursa araaramuu fi garaa qulqulleeffachuun dirqama akka ta’e Maanguddoonni Oromoo ni himu. Aadaa Oromoo keessatti hawaasni yoo walitti araarame qofa nagaa argata jedhamee waan amanamuuf araarri bu’uura waan hundumaati jedhama. Yoo araarri jiraate nagaan jiraata,yoo araarri jiraate nageenyi jira,yoo nageenyi jiraate badhaadhinni jira waan ta’eef. Irreecha deemuun dura araara buusuun barbaachisaa waan ta’eef kan wal dhabe akka araaramu dhaamsa isaanii dabarsaniiru hayyoonni kunniin.
Diinagdee
Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu'uuraa galmeessisaa jiru- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Sep 29, 2026 75
Fulbaana 19/2019 (ENA) Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu’uuraa galmeessaa jiraachuu Itti Aanaan ministira Muummee obbo Tamesgeen Xurunaa ibsan. Fooramiin Faayinaansii Itoophiyaa 2026 lammaaffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan Minisira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita sana akka jedhanitti, seenaan Itoophiyaa yeroo hunda rakkoolee obsaanii fi injifannoon darbuun ijaaruu ta'uu isaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammataas Itoophiyaan damee dinagdeetiin boqonnaa guddaa irra akka jirtu ibsaniiru. Riifoormiiwwan waggoottan darbanitti taasifaman sirna gabaa jijjiirraa sharafa alaa fooyyessuu fi dhiheessii dabaluu, qaala’insi hir'achaa dhufuu, gurgurtaan alaa fi galii mootummaa dabaluu, gufuuwwan invesitmantii dhuunfaa furamuu, ammayyummaa imaammata maallaqaa, fooyya'insa faayinaansii fi seera damee faayinaansii cimsuun bu'aawwan qabatamaa galmeessisuu addeessaniiru. Milkaa'innooni fooyya'insa dinagdee kunniin biyyattii gara ce’umsa dinagdee guddaatti gaggeessaa akka jiranis dubbataniiru. Safartuun sirrii jijjiirama dinagdee gabaasa waraqaa irra kaa'amu qofa osoo hin ta’iin, bu'aawwan qabatamaa lafa irraatti mul'atan ta'uu Itti Aanaan ministira Muummee hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni Omisha fi omishtummaa dabaluuf, faayinaansii argachuu kan danda'an, dargaggoonni dhaabbata hundessuuf tattaafatan,dubartoonni liqaa argatanii daldala isaani dhaweesummaan invesitmantii yeroo dheeraa kan taasisan abbootii qabeenyaa jiraachuun isaanii safartuu dhugaa jijjiiramaati jedhaniiru. Kallattiin dinagdee Itoophiyaa taateewwan yeroo tokkoo qofaan kan ijaarame osoo hin ta'in; dhaabbileen, seerota, gabaan, bu'uuraalee misoomaa, dandeettii namootaanii fi adeemsa jijjiirama cimaa siyaasa guyyaa guyyaa irra caalu irratti kan hundaa'e ta'uu addeessaniiru.   Kanafis mootummaan guddina, ariitii jijjiiramaa fi naamusa diinagdee gooroon eeguu, balaawwan dursuun tilmaamuun haala sirnaan bulchuu irratti kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Hammatamuummaan tarsiimoo dinagdee guddaa ta'ee; dubartoonni, dargaggoonni, qonnaan bultoonnii fi dhaabbileen daldalaa xixiqqaan fayyadamtoota guddina kanaa ta'uu akka qaban ibsaniiru. Kunis mootummaan seerota yeroo qopheessu, to'attoonni kalaqa osoo hin daangessin tasgabbii dinagdee yeroo mirkaneessan, baankonni faayinaansii yeroo dhiheessanii fi abbootiin qabeenyaa obsa argarsiisuun kutannoo yeroo dheeraa yeroo agarsiisan jijjiirama dhugaatuu milkaa'a jedhaniiru.
Imala Gargaaramtummaa Irraa Gara Of Danda’uutti Taasifamaa Jiru.
Sep 29, 2026 62
Imalli gargaaramtummaa irraa gara of danda’uutti taasifamaa jiru dinagdee fi jireenya hawaasa biyya keenyaa keessatti jijjiirama bu'uuraa fidaa jira. Hojiiwwan gama kanaan karoorfamanii hojjetamaa jiran humna keessoo fayyadamuu fi sharafa alaa qusachuu irratti kan xiyyeeffataniidha. Bu’aawwan gurguddoon dameewwan kanniin irratti argaman gabaabsinee mee haa ilaallu. Imala of danda’uu keessatti bu’aawwan galmeessifaman keessaa tokko kan ta’e Buusaa Gonofaadha. Buusaa Gonofaan Aadaa Wal-gargaarsa Oromoo yeroo ammaa caasaan gurmeessuun mootummaan akka ummanni waliif gaacha ta’u Caffeen raggaasisee hojiirra oolcheen bu’aan qabatamaan argameera. Buusaa Gonofaan Gargaarsa Alaa Hambisuun, Hawaasni balaa uumamaa fi namtolchee ofii akka of gargaaru taasifameera. Qabeenya hawaasa keessaa walitti qabuun namoota horiin jalaa dhume, lafti jalaa goge yookiin balaan irra ga'e deebisanii dhaabuu fi akka of danda'an gochuu dandeessiseera. Kana qofa miti Buusaa Gonofaan barattootaaf manneen barnootaa keessatti nyaata dhiyeessuun harcaatiin barattootaa akka hir’atu taasifameera. Imala of danda’uu biyya keenyaa kan dhugoomsaa jiru keessaa tokko immoo Omiisha Qamadii Boneeti. Dur lafti waggaatti yeroo tokko qofa qotamu ture wayita ammaa garuu yeroo lamaa fi sanaan ol qotuun omishtummaa dabaluun imala of danda’uu dhugoomsaa jira. Omishni Qamadii Bonee jallisiin misoomaa jiru biyya keenya kadhaa warra adii jalaa baasuun dabalatatti biyyi keenya humna qabdutti yoo fayyadamte biyyoota birooyyuu gargaaruu akka dandeessu kan agarsiisedha. Osoo inisheetiviin qamadii jallisiin omishamuu hin jalqabiin dura biyyi keenya doolaara hedduu baastee qamadii biyyatti galchiti turte.Haa ta’u malee yeroo ammaa qamadiin jallisiin omishamu shara biyya keenyaaf hambisuun dabalatatti, biyya biyyaa illee haala gaariin jijjiireera. Itoophiyaan kanaan dura kadhaa qabadii fi harka qalleeyyiin beekamtu yeroo ammaa fakkeenya biyya saffisaan guddachaa jiranii taateetti. Imala of danda’uu keessaa kan biraan inisheetiviiwwan Misooma Loon Aannanii, Foonii fi Lukkuu eeruun ni danda’ama. Gama kanaanis biyyi keenya bu’aa olaanaa galmeessisaa jirti. Loon Aannanii fi Foonii: Sanyii loon aannanii fi foonii fooyya’oo fayyadamuu, kunuunsa saayinsawaa fi nyaata loonii teeknoolojiidhaan deggarameen omiisha aannanii fi foonii dachaan dabaluun danda’ameera. Kunis lammiilee hedduuf Carraa hojii hedduu uumuun harka namaa ilaaluu irraa bilisa taasiseera. Imala of danda’uu Itoophiyaa kanneen dhugoomsaa jiran keessaa tokko kan ta’e Damee industiriidha. Damee Industirii fi Omiisha Keessoo irrattis bu’aan olaanaan galmaa’eera. Insheetivii Itiyoophiyaan Haa Omishtu jedhu qabachuun sochiin taasifamaa jiru meeshaaleen hedduun akka omishaman taasiseera. Biyyi keenya Itoophiyaan, dameewwan hedduudhaan hirkattummaa gargaarsaa fi sharafa alaa irraa bilisa ba'aa, humnaa fi qabeenya keessoo isheetiin of danda'uuf imala saffisaa keessa jirti.  
Misooma  Bunaa: Agarsiiftu Milkaa’ina innisheetivi  Qonnaa
Sep 29, 2026 153
Mootummaan xiyyeeffannoo damee qonnaatiif kennamaa ture haaromsuun inisheetivoota walduraa duubaan jalqabeen milkaa’inoota heddu argamsiisaa jira. Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota baay’ina, gosaa fi qulqullina omishaalee al-ergii dabalan labsuun hojiitti erga galee as, gama tokkoon fayyadamummaan qonnaan bulaa, gama biraatiin sharafni alaa argamu dabalaa jira. Inisheetivoota kanneen keessaa misoomni bunaa, avokaadoo, baala shayii fi muuzii imala milkaa'inaa irratti argamu. Inisheetiviin misooma bunaa bara 2011 erga labsamee as, baay’inaa fi qulqullina omisha buna argamu irratti jijjiiramni guddaan dhufeera. Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuun bunaa dhaabaman lakkoofsaan dabalaa kan jiranii fi qulqullina irrattis jijjiiramni guddaan galmaa’aa jira.Buna sanyii fooya’aa qonnaan bulaaf dhiheessuun omishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Dabalataan avookado akka fakkenyaatti yoo ilaalle Bara kana biqiltuu avokaadoo sanyii filatamaa mil. 17 dhaabbiif qophaa'e keessaa hanga guyyaa har'aatti biqiltuu mil. 7 ol dhaabuun danda'ameera. Bara 2017/2018 darbetti sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun Bosonaa biliyoona 4.95 dhaabuuf karoorfamee biliyoona 4.8 dhaabuun danda’ameera. Misooma Bunaa milkeessuufis biqiltuu Bunaa biliyoona 2.5 ol dhaabuuf karoorfamee biliyoonni 2.5 dhaabamuu danda’eera. Kana malees, tarkaanfii haaraan kan hojiin isaa eegalame misoomni Baala Shayee miliyoona miliyoonni 22 ol dhaabameera. Biqiltuu Muduraalee garaagaraa miliyoona 483 dhaabuuf karoorfamee miliyoona 433 ol dhaabuun danda’ameera. Inisheetivoonni kunneen, gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu qofa osoo hin taane, qonnaan bultoota gabaa idil-addunyaatiif dhiyeessanii fi dinagdee biyyaa irratti dadammaqiinsa gaarii umuu irratti argamu. Walumaagalatti, omishti qonnaa keenya gabaa idil-addunyaa giddugaleessa taasisuun kan misoomu ta’a.   Milkaa’inni Daldala Al-ergii Bunaan galmaa’e Inisheetiivota dhiheessii oomishaalee sharafa alaa argamsiisan dabaluuf hojjetamaa jiru keessaa inisheetiiviin Bunaa isa ijoo dha. Dinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Misooma Bunaa baay’inaa fi qulqulinaan oomishuun gabaa Addunyaatti dorgomaa ta’uun dinagdee naannoo fi biyyaa akka utubuuf xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiruunis bu'aa gaariin argamaa jira Itoophiyaan Addunyaarratti biyya 3ffaa buna alatti ergituu ta’uu ishee Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama.   Xiyyeeffannaan misooma bunaatiif kennameen Itiyoophiyaan addunyaarratti biyya sadaffaa buna alatti ergituu akka taatu ishee dandeessisuu ibsuun, hojiin riifoormii biyyaalessaa milkaa'ina sharafa alaa argachuu keessatti gumaacha olaanaa taassiseera. Kanaanis bara 2018 kana Al-ergii meeshaaleerraa Itiyoophiyaan doolaara biiliyoona 11 ol kan argatte yoo ta’u, Al-ergii bunaa qofaa irraa bara 2018 kanatti doolaarri biiliyoona 3.1 argameera. Milkaa'ina gama uwwisaa fi omisha Inisheetivii Bunaatiin argame qulqullina eeguun fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran guddisuu akkasumas cehumsa dinagdee hundagaleessa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 604
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera ‎‎Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 983
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 932
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota
Sep 18, 2026 764
Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan. Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera. Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture. Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru. Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru. Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru. Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira. Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Maratoonii Barliin Atleetonni Itoophiyaa hawwiin kan Eegaman
Sep 27, 2026 213
Fulbaana 17 / 2019 (ENA) Maratoonii Barliin 52ffaan har'a waaree dura ni gaggeeffama. Dorgommiin koornyaawwan lamaaniinuu taasifamu kun xiyyeeffannoo jaallattoota atileetiksii addunyaa harkiseera. Dorgommii dubartootaan Tigist Asaffaa, Deeraa Diidhaa, Badhaatuu Hirphaa, Zaynabaa Yimar, Bosonaa Mulaatee, Misgaanaa Alamaayyoo, Baqqalech Guddataa, Gaaddisee Muluu, Eebbisee Addunyaa, Aminaat Ahimad fi Alam addis Iyyaayyuu atIleetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatanidha.   Atileet Tigist Asaffaa A.L.A bara 2022 fi 2023tti dorgommii Maratoonii Barliin mo’achuun ishee ni yaadatama. Dorgommii bara 2023 irratti sa'aatii 2:11:53n xumuruun, rikkoordii addunyaa Atileet Keeniyaa Birjid Kosgeyi sa'aatii 2:14:04n qabamee ture daqiiqaa 2 fi sakondii 11n fooyyessuun rikkoordii addunyaa haaraa galmeessuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee rikkoordiin kun yeroo ammaa sababa qoricha humna dabaluun kan dhorkamte lammii Keeniyaa Ruut Cheppingetichiin A.L.A bara 2024 dorgommii Maratoonii Chikagoo irratti cabeera. Yeroo sanatti sa'aatiin ishee galmeessite sa'aatii 2:09:56 ture.   Atileet Tigist Asaffaa yeroo sadaffaaf dorgommicha ni moo'atti jedhamee tilmaamni kennameera. Dorgommii Maratoonii Barliin bara darbee irratti dorgommii xumuruun sadarkaa 2ffaa kan baate Deeraa Diidhaa atleetii biraa kan eeggamtudha. Injifattuu dorgommii Maratoonii Barliin kan yeroo ammaa kan taate atleet Keeniyaa Rozimarii Wanjiruu dorgoommii cimaa ni taasisti jedhamee eeggama. Dhiiraan dorgommii kanaan Geetaaneh Mollaa, Shuraa Qixxaataa, Milkeessaa Mangashaa, Guyyee Adoolaa, Salomoon Bareegaa fi Cimdeessaa Dabalee ni hirmaatu. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti Cimdeessaa Dabalee sadarkaa 3ffaa, Guyyee Adoolaa immoo sadarkaa 4ffaa ba'uun isaanii ni yaadatama. Mootichi dorgommii fageenya dheeraa atleet Qananiisaa Baqqalaa jalqaba irratti dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee kan ture yoota’u , odeeffannoowwan ba'aniin garuu dorgommii har'aa irratti akka hin hirmaanne ibsameera. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti kan mo'atte atileetii Keeniyaa Saabaasiistiyaan Saawees dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee yoo eeggamuus, yeroo shaakalaatti miila isaa irratti miidhaa qaqqabeen dorgommichaa ala ta'uuf dirqameera. Eerik Saangii fi Riichaard Yaatoor atleetota Keeniyaa irraa eeggamanidha. Koorniyaawwan lamaaniinuu atleetotni Itoophiyaa ni eeggamu. Atleetota dorgommicha irratti hirmaataniif badhaasni Yuuroo kumaa 230 ol qophaa'eera. Itti dabalees, atleetii rikkoordii bakki dorgommiichaa qabu fooyyesseef yuuro doolaara kuma 30, Atileetii rikkoordeii Idil- addunyaa cabseef immoo badhaasa dabalataa yuuroo kuma 50 ni argata Maratooniin Barliin A.L.A bara 1974 jalqabame, dorgommiiwwan maratoonii gurguddoo addunyaa ja'an keessaa isa tokko ta'uun kan beekamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 1020
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1051
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1064
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 987
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 31973
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 20595
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18317
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015