Tamsaasa Kallatti:

Dorgommiin ispoortiiwwan aadaa fi feestivaaliin aadaa naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegale

Sadaasa 20/2019 (ENA)- Dorgommiin ispoortiiwwan aadaa 32ffaa fi feestivaaliin aadaa 19ffaa naannoo Oromiyaa magaalaa Shaashamanneetti har’a gaggeeffamuu eegaleera.

Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamuu kan eegale dorgommiin ispoortiiwwan aadaa 32ffaa fi feestivaaliin aadaa 19ffaa naannoo Oromiyaa walooma aadaa, ispoortii fi hawaasaa kan cimsu ta’uun ibsameera.

Dorgommii ispoortii aadaa fi Aadaa magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamuu jalqabe irratti dorgomtoonni ispoortii aadaa Oromiyaa guutuu irraa walitti dhufan dameewwan dorgommii 10 keessatti akka hirmaatan beekameera.

Akkasumas, agarsiisa ispoortii aadaa fi feestinaala kana irratti uffanni aadaa bakkeewwan garaagaraa, nyaanni aadaa, meeshaaleen aadaa, shubbisni aadaa fi ibsituuwwan aadaa, garagaraa ummataaf ni dhiyaatu.

Sagantaa kana irratti, hoggantuun biiroo aadaa fi ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyaanaa, Pirezidaantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Aadde Hiwoot Mahaammad dabalatee, hoggantoonni mootummaa naannichaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru.

Sagantaan kun har'a irraa eegalee hanga Sadaasa 27/2019tti ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015